Galma Gaarii Waggaa Tajaajilaa Isa Haaraadhaaf Baafachuu Dandeessu
1 Karaa hafuuraa guddachuu yoo barbaanne galma baafachuu qabna. Waggaa tajaajilaa isa haaraadhaaf dhuunfaa keetti galma akkamii baafatteetta? Ji’a tokkoof ykn isaa oliif qajeelchaa gargaaraa ta’uun galma gaarii baafachuu dandeessudha. Sochiin nama gammachiisu kun dursanii karoora baafachuu waan gaafatuuf, yeroo gaariin dursinee kana itti yaannu ammadha. Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf galma baafachuu kan qabnu maaliifi?
2 Sababii Qajeelchaa Gargaaraa Itti Taanu: Qajeelchaa gargaaraa ta’uun, sa’aatii tajaajilarratti dabarsinu guddisuudhaan Abbaa keenya isa samii ‘caalaatti’ gammachiisuuf nu dandeessisa. (1 Tas. 4:1) Wanta Yihowaan nuuf godhe hunda yeroo yaannu, waa’eesaa namoota kaanitti himuuf kakaana. (Far. 34:1, 2) Yihowaan hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddisuuf jecha aarsaa kaffallu kan hubatuu ta’uusaarrayyuu, ni dinqisiifata. (Ibr. 6:10) Jabaannee hojjechuudhaan Yihowaa gammachiisaa akka jirru beekuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.—1 Sen. 29:9.
3 Yeroo baay’ee wanta tokko irra deddeebitee hojjechaa ennaa deemtu, caalaatti salphaafi gammachiisaa ta’aa deema. Sa’aatii tajaajilarratti dabarsitu dabalaa adeemuunkees, ija jabinaan manaa gara manaatti lallabuuf si dandeessisa. Haasaa jalqabuufi Macaafa Qulqulluutti fayyadamuuf caalaatti dandeettii qabaatta. Waa’ee abdiikee ilaalchisee namootaa wajjin yeroo baay’ee yoo mari’atte amantaankee caalaatti jabaachaa adeema. Babal’istoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hin geggeessine baay’een, yeroo qajeelchaa gargaaraa ta’an qayyabannaa argachuu danda’aniiru.
4 Qajeelchaa gargaaraa ta’uun, karaa hafuuraa dammaqoo akka taanu gochuu danda’a. Babal’isaan yeroo tokkootti qajeelchaa yeroo hundaa ture tokko, hojii dhuunfaasaarraatti garmalee akka xiyyeeffate waan isatti dhaga’ameef, ji’a tokkoof qajeelchaa gargaaraa ta’uuf murteesse. Akkas jedha: “Jiini tokkichi kun karaa hafuuraa hammam akka na jajjabeesse tilmaamuun na dhiba! Qajeelchaa gargaaraa ta’uukoo itti fufuuf kanan murteesse si’a ta’u, kunis deebisee qajeelchaa yeroo hundaa ta’uuf na dandeessiseera.”
5 Wantoota Gufuu Ta’an Mo’uu: Babal’istoonni tokko tokko lallabuuf dandeettii hin qabu jedhanii waan yaadaniif qajeelchaa gargaaraa ta’uurraa duubatti deebi’u. Duubatti akka deebitu kan si godhu kana yoo ta’e, Yihowaan akkuma Ermiyaasiin gargaare siinis si gargaaruu ni danda’a. (Er. 1:6-10) Museen “nama arraba qajeelu” ta’uu baatuyyuu, Yihowaan jaalalasaa raawwachuuf isatti fayyadameera. (Bau. 4:10-12) Dandeettii akka hin qabaanne kan sitti dhaga’amu yoo ta’e, Yihowaan ija jabina akka siif kennu kadhadhu.
6 Dhibee fayyaatiin ykn hojiin sitti baay’achuusaatiin kan ka’e, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf ni mamtaa? Humna kan hin qabne yoo taate, akkuma haala keetti qajeelchaa gargaaraa ta’uu ni dandeessa ta’a. Hojiin kan sitti baay’atu yoo ta’emmoo, sochiiwwan baay’ee barbaachisaa hin taane tokko tokko ji’a ittaanutti dabarsuu dandeessa ta’a. Babal’istoonni guyyaa guutuu hojjetan tokko tokko boqonnaa guyyaa tokkoo ykn lamaa fudhachuudhaan, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf yeroo argachuu danda’aniiru.—Qol. 4:5.
7 Galma Kana Bira Ga’uun Kan Danda’amu Akkamitti? Fedhiikee kadhannaadhaan Yihowaatti himi. Innis carraaqqii tajaajilakee babal’isuuf gootu hundumaa akka siif eebbisu gaafadhu. (Rom. 12:11, 12) Innis, akkaataa sagantaakee itti sirreessitu ilaalchisee murtoowwan sirrii akka gootu si gargaaruu danda’a. (Yaq. 1:5) Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf fedhii hin qabdu taanaanimmoo, hojii lallabaa raawwachuudhaan gammachuu akka argattuuf gargaarsa Yihowaa gaafadhu.—Luq. 10:1, 17.
8 Qajeelchaa gargaaraa ta’uu ilaalchisee maatiidhaan mari’adhaa. (Fak. 15:22) Tarii miseensi maatii tokko gargaarsa miseensota maatii kaaniitiin qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’a ta’a. Fedhii qajeelchaa ta’uuf qabdu, obboloota gumii keetii wajjin, keessumaammoo babal’istoota haala akka keetii qabanii wajjin mari’adhu. Kun, fedhii babal’istoonni kaan qajeelchaa gargaaraa ta’uuf qaban caalaatti guddisuu danda’a.
9 Sagantaa waggaa tajaajilaa isa haaraadhaaf baaste irra deebitee yeroo ilaaltu, qajeelchaa gargaaraa ta’uu kan dandeessu ji’a isa kamittidha? Guyyaa guutuu kan hojjettu ykn kan barattu yoo ta’e, ji’oota guyyaa ayyaanaa ykn Sanbadduraa ykn Dilbata shan qaban filatta ta’a. Fakkeenyaaf, Fulbaana, Muddee, Bitootessaafi Hagayya Sanbadduraafi Dilbata shan qabu. Caamsaan Sanbadduraa shan Waxabajjiin immoo Dilbata shan qabu. Dhibee fayyaa kan qabdu taanaanis, ji’oota haala qilleensaa gaarii qaban hubadhu. Ji’a ilaaltuun olaanaa aanaa gumii keessan daawwatutti qajeelchaa gargaaraa ta’uu barbaadda ta’a. Yeroon daawwatutti walga’ii qajeelchitoota yeroo hundaa wajjin godhamu, walakkaa isa jalqabaarratti argamuuf mirga dabalataa argatta. Waggaa dhufu guyyaan Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 22rra waan ooluuf, Bitootessa, Eblaafi Caamsaanis qajeelchaa gargaaraa ta’uuf ji’oota gaariidha. Ji’a tokko ykn isaa oliif qajeelchaa gargaaraa ta’uuf takkaa erga filatte booda, sa’aatii sirraa barbaadamu guutuuf sagantaa baafachuu jalqabi.
10 Waggaa dhufu qajeelchaa gargaaraa ta’uu akka hin dandeenye yoo isinitti dhaga’ame, tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuu ni dandeessu. Carraaqqiin garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf gootu Yihowaa akka gammachiisu amanuudhaan, hanga dandeesse tajaajilarratti hirmaachuukee itti fufi. (Gal. 6:4) Babal’istoota qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’an deggeri, akkasumas jajjabeessi. Babal’istoota qajeelchaa gargaaraa ta’anii wajjin torban keessatti guyyaa dabalataa tajaajiluuf sagantaakee sirreessuu dandeessa ta’a.
11 Sabni Yihowaa yeroon keessa jiran arifachisaa ta’uusaa ni hubatu. Hojiin raawwatamuu qabu kan jiru yommuu ta’u, innis misiraachicha lallabuudha. Lubbuun namootaa balaarra bu’eera, yeroon hafes muraasadha. (1 Qor. 7:29-31) Jaalalli Yihowaafi namootaaf qabnu, hanga dandeenye tajaajilarratti hirmaachuuf nu kakaasa. Carraaqqii gochuufi karoora gaarii baafachuudhaan, waggaa tajaajilaa dhufutti yoo xinnaate ji’a tokkoof qajeelchaa gargaaraa ta’uu dandeenya ta’a. Kunimmoo, dhugumaan galma gaarii baafachuu qabnudha!
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Waggaa tajaajilaa isa haaraadhaaf galma akkamii baafachuu dandeenya?
2. Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf galma kan baafannu maaliifi?
3, 4. Qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan faayidaa akkamii arganna?
5. Dandeettii akka hin qabne yoo nutti dhaga’ame maal gochuu dandeenya?
6. Utuma dhibee fayyaa ykn sagantaa baay’ee qabanii, qajeelchaa gargaaraa ta’uun kan danda’amu akkamitti?
7. Qajeelchaa gargaaraa ta’uu ilaalchisee kadhannaa gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
8. Gorsa Fakkeenya 15:22rra jiru hojiirra oolchuunkee qajeelchaa gargaaraa ta’uuf kan si dandeessisu akkamitti?
9. Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf ji’oota kam filachuu dandeessa?
10. Qajeelchaa gargaaraa ta’uu yoo dadhabne maal gochuu dandeenya?
11. Miira ariifannaa qabaachuu kan qabnu maaliifi?