Bal’inaan Dhugaa Ba’uudhaan Tajaajila Keessan Guddisaa
1 Yesus “dura-buutuu fi ajajjuu” waan ta’eef, bartoota isaa hojii lallabaa guddaa fuula isaanii duraa isaan eeggatuuf, duraan dursee isaan qopheesseera. (Isa. 55:4; Luq. 10:1-12; HoE. 1:8) Phexros hojii Yesus isaanitti kenne kana ilaalchisee akkas jedhe: “Inni wangeelicha namootatti akka lallabnuuf, warra jiranii fi warra du’an irratti abbaa firdii ta’ee moosifamuu isaas, akka dhugaa baanuuf nu abboomeera.” (HoE. 10:42) Bal’inaan dhugaa ba’uun maalfaa dabalataa?
2 Fakkeenya Phaawulos irraa baay’ee baranna. Jaarsolii gumii Efesoonii wajjin yeroo wal argetti, akkas jedhee isaan yaadachiise: ‘Waan waa’ee isiniif baasu hundumaa waldaatti, mana manattis isinitti lallabuudhaaf isin barsiisuu irraa ani of hin qusanne. Yaada garaa geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebi’an gooftaa keenya Yesusittis akka amanan Yihudootaa fi Griikotatti dhugaa ba’eera.’ Phaawulos hammam illee rakkoo cimaa fuul dura dhaabbachuuf yoo dirqame iyyuu, hanga danda’ameefitti namoota hedduudhaaf misraachoo kana labseera. Phaawulos dhaggeeffattoota isaatti dhugaa dubbachuu isaa qofaatti gammadee hin teenye, kanaa mannaa dhaggeeffattoota isaatiin “Anoo fedha Waaqayyoo hudumaa isinitti labsuudhaaf hin seesne” jedheen. Phaawulos hojii kana raawwachuuf mataa isaa aarsaa godhee of kennuudhaaf fedha qabaachuu isaa akkas jedhee ibseera: ‘Hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba’uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabuutti hin lakkaa’u’ jedhe. —HoE. 20:20, 21, 24, 27.
3 Yeroo har’aatti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamittii? (1 Qor. 11:1) Namoota dhugaan ta’uuf mana isaanii dhaqnee barbaaduudhaani. Yeroo kana goonutti rakkoo cimaan nu quunnamu iyyuu, namoota sanyii adda addaa qabanii fi afaan adda addaa dubbatan barbaannee dhugaa itti himuuf carraaquu qabna. (Mat. 10:12, 13) Hojiin kunis namootaaf jaalala qabaachuu, akkasumas yeroo fi humna gaafata.
4 Qajeelchaa Gargaaraa Taatee Tajaajiluu Dandeessaa? Jiini Bitootessaa fi Eblaa, qajeelchaa gargaaraa taatee bal’inaan dhugaa ba’uuf carraa gaarii siif bana. Waggaa darbe babal’istoonni baay’een, qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluuf carraaqqii addaa isaan godhan arguun keenya hangam nama jajjabeessaa!
5 Obboleettiin umuriin ishee 80 ta’ee fi dhibee fayyaa qabdu tokko, yaada jajjabinaa dhaabbata Yihowaa irraa argatte akkas jechuun barreessiteetti: “Yaada jajjabinaa jaarmiyaa Yihowaa irraa argadhetti waan miirri koo xuqameef, akkan qajeelchaa gargaaraa ta’ee tajaajiluuf na kakaaseera.” Kanaafuu ji’a Bitootessaatti qajeelchaa gargaaraa ta’ee tajaajiluuf murteesseera. “Wanti ani dura godhe,” jette obboleettiin kun, “duraan dursee taa’een baasii koo shallage. Waanan gargaarsa ishee barbaadeef waa’ee karoora kootii intala koo wajjin irratti haasa’e. Kan na ajaa’ibsiise isheenis foormii qajeelchaa gargaaraa guutuu isheeti.” Obboleetiin kun ji’a sanatti sa’aa 52 tajaajilaan dabarsiteetti. “Yeroon dadhabutti humna koo akka naa haaromsuuf daddabalee Yihowaa gaafadheera. Dhuma ji’a sanaatti gammachuu guddaan argadhe; akkasumas gargaarsa waan naa godheef Yihowaa baay’een galateeffadhe. Ammas qajeelchaa gargaaraa ta’ee tajaajiluu nan barbaada.” Muuxannoon nama gammachiisu kun namoota dhibee fayyaa qabanii fi qajeelchaa gargaaraa ta’uu barbaadan kan jajjabeesuu dha.
6 Obboleessi qacaraan isaa akka tasaa hojii isa dhaabsise tokko, carraa kana qajeelchaa gargaaraa ta’ee tajaajiluuf dhimma itti bahe. Ji’a qajeelchaa gargaaraa ta’e kanatti, hojii lallabaa kana irratti hinaaffaadhaan hirmaate. Dhuma irrattis qayyabannaa Macaafa qulqulluu argate. Muuxannoo isaa kana yadachuudhaan “ji’a akkam nama gammachiisu dhaa!” Jedhe. Qajeelcha Yihowaa fi gargaarsa isaa argachuu isaatiin hangam gammadee! Eeyyee, obboleessi kun tajaajila kana irratti carraaqqii inni godhe ilaaluudhaan Yihowaan baay’ee isa eebbiseera. Siinis akkasuma si eebbisa.—Mil. 3:10.
7 Babal’istoota hedduuf qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluun salphaa miti. Obboloonni baay’een hojii, itti gaafatamummaa maatii, akkasumas rakkina dhuunfaa yoo qabaatan iyyuu, qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’aniiru. Bal’inaan tajaajiluun yeroo fi humna keenya arsaa gochuu nu gaafata. Yoo ta’e iyyuu eebbi argannu Yeroo fi human baasnuu wajjin kan wal gitu miti.—Fak. 10:22.
8 Jiini Bitootesaa fi Eblaa, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf yeroo mijaa’aa dha. Jiini Bitootessaa dhuma torbanii shan qaba. Babal’istoonni tokko tokko carraa kanaa fi sa’aa galgalaatti akka gaariitti fayyadamuudhaan, qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’aniiru. Atis guyyoota ayyaanaa ji’a Eblaa keessa jiranitti fayyadamtee, tajaajiluun qajeelchaa gargaaraa ta’uu ni dandeessa. Sa’atii 50 isaan irraa barbaadamu guutuuf akka isaan gargaarutti yeroo boqonnaa mana barumsaatii fi bakka hojii isaaniitii argataniin dhimma ba’uu ni danda’u. Ji’a Bitootessaa fi Eblaatti sa’aa 50 sirraa eegamu guutuuf, sagantaa qajeelchaa gargaaraatiif ba’een fayyadamuu dandeessaa? Waayee sagantaa keetii maatii kee fi babal’istoota kaanii wajjin irratti yoo mari’atte, warri kaanis si wajjin tajaajiluuf kaka’uu danda’u. Ji’a kanatti yoo qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluu dadhabde, babal’istoota qajeelchitoota ta’anii wajjin tajaajiluuf karoora baasuun isaan gargaaruu dandeessa. Ji’oota Bitootessaa fi Eblaatti sa’aa tajaajilaa kee guddisuuf garanumaa karoora baasi.
9 Dinqisiifannaa Yaadannoo Du’a Kristosiif Qabdu Agarsiisi: Waggaa waggaan yeroo yaadannoo kanaatti, babal’istoonni kumaatamatti lakkaa’aman galata furii kanaaf qaban agarsiisuuf, ‘yeroo bitanii’ tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’aniiru. (Efe. 5:15, 16 NW) Waggaa darbe Itoophiyaatti ji’a Bitootessaa baba’al’istoonni 1,918, ji’a Eblatti immoo babal’istoonni 765 ta’an qajeelchaa gargaaraa ta’aniiru. Kana jechuun, giddu galeessaan babal’istoonni 1,342 ta’an ji’oottan lamaan kanatti qajeelchaa gargaaraa ta’aniiru jechuu dha. Kunis ji’oottan Fulbaanaa hanga Guraandhalaa jiranitti, lakkoofsa qajeelchaa gargaaraa giddu galeessaan 267 ta’uu wajjin wal bira qabnee yeroo ilaalluu baay’ee guddaa dha. Yeroon yaadannoo kun, aarsaa furii Kristosiif dinqisiifannaa qabnu agarsiisuudhaaf tajaajila keenya caalaatti akka guddisnu carraa gaarii nuu bana.
10 Guyyaan Ebla 16 yeroo dhihaachaa dhufu, duuti Kristos hiika maalii akka inni siif qabu irratti yaadi. Yesus Kristos guyyaan du’a isaa yeroo dhihaatetti, haalawwan uumamanii fi wantoota sammuu isaa dhiphisan irratti yaadi. Gammachuun fuula isaa dura jiru, dhiphina irra ga’e hundumaa mo’uuf akkamitti akka isa gargaare irratti xiinxali. Yeroo ammaatti mataa gumii ta’uu isaa, akkasumas hojii lallabaa fi namoota bartoota taasisuu ol aantummaadhaan to’achaa jiraachuu isaa yaadi. (1 Qor. 11:3; Ibr. 12:2; Mul. 14:14-16) Gocha Kristos siif godhe hundaaf, galateeffannaa qabdu hanga humni kee danda’e tajaajila kee caalaatti guddisuudhaan agarsiisi.
11 Warri Kaan Bal’inaan Dhugaa Akka Ba’an Jajjabeessi: Jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii, hojii qajeelchaa gargaaraa irratti hirmaachuudhaan, warra kaan jajjabeessuu danda’u. Akkasumas yeroo babal’istootaa wajjin tajaajilanii fi hojii tiksummaa irratti bobba’an, dhuunfaatti warri kaan hojii addaa kana akka isaan hojjetan gargaaruuf, carraa gaarii isaanii bana. Bal’inaan dhugaa ba’uuf carraaqqii waliin goonu kanaaf, humni dabalataa akka nuu kennamu irra deddeebinee haa kadhannu.
12 Sochii ji’oota Bitootessaa fi Eblaatti godhamu guddisuuf, jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii sagantaa bahe wajjin walta’anii hojjetu, akkasumas daawwataan ol aanaa tajaajilaa sagantaa hojii wangeela lallabuu kanaaf, xiyyeeffannaa addaatiin sagantaa baasuu qaba. Bobbaa tajaajilaatiif iddoowwan, yeroo fi guyyaa babal’istoota baay’eedhaaf mijaa’aa ta’e filatee, walga’ii tajaajilaa hunda irratti beeksisuu qaba. Walga’iin bobbaa tajaajilaa guyyaatti yeroo hedduu godhamuun issaa, miseensotni gumii sanaa hundi akka tajaajiluu danda’an carraa banaaf. Kunis naannoo daldalaatti, karaa irratti, manaa gara manaatti, bilbilaan tajaajiluu fi deddeebi’anii gaafachuu dabalata. Akkasumas kitaaba, barruulee fi naannoon tajaajilaa ji’a sanaaf gaahaa ta’aan jiraachuu isaanii mirkaneessuu qaba.
13 Kaayyoo qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuu qabaachuudhaan, ji’a Bitootessaatti kan raabsamu kitaaba Beekumsaa ta’a. Kitaaba kana raabsuudhaaf yaadni nu gargaaru, miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002 irratti argama. Ji’a Guraandhalaatti kan raabsamu barruulee Dammaqaa! fi Masaraa Eegumsaa ta’a. Yaada seensaa “yeroo barruulee raabsinu akkam jennee jalqabuu dandeenyaa” jedhutti fayyadamuuf yaalii godhi. Hundi isaanii tajaajila guutuu ta’e kennuudhaaf yeroo fudhatanii akka gaaritti irratti qophaa’uu qabu.
14 Qajeelfama Yesus Kristos isa mataa gumii ta’e jalatti hojechuun keenyaa fi obboloota keenyaa wajjin misraachoo kana labsuuf mirga addaa argachuu keenyaan hammam eebbifamneerraa! Jiini Bitootessaa fi Eblaa yeroo dhihaatan, Kristosiif ajajamuu fi lallaba guutuu ta’e kennuuf carraaqqii goonu itti fufuu qabna.
[Saanduqa fuula 4rra jiru]
Ji’a Bitootessaa fi Eblaa 2003tti qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluuf sagantaalee gargaaran
GuyyaaSa’aa
Wiixata
Kibxata
Roobii
Kamisa
Jimaata
Sanbata
Dilbata
Bitootessa
Eblal
Sagantaalee kana keessaa tokkoo issaatti hojjechuu dandeessaa?