Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Guraandhala 10 Jalqabu
Faarfannaa 2 (4)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa Filataman. Walga’ii tajaajilaa torban Guraandhala 24 irratti marii godhamuuf, hundi isaanii viidiyoo Dhuga-baatonni Yihowaa Tokkuummaa Soovyeet keessa jiraatan yeroo qorumsaatti jabina isaan agarsiisan jedhu ilaaluudhaan, qophaa’anii akka dhufan jajjabeessi. Yaada fuula 8 irra jiruutti fayyadamuudhaan, Masaraa Eegumsaa Amajjii 1 fi Dammaqaa! Amajjii 2003 yeroo raabsan kan agarsiisu hojiin agarsiisni adda addaa lama haa dhihaatu. Hojiin agarsiisa lamaan irratti iyyuu barruuleen lamaanuu walumatti kan raabsaman ta’us, kan beeksisnu garuu isa tokko qofa dha.
Daq. 35: “Bal’inaan Dhugaa Ba’uudhaan Tajaajila Keessan Guddisaa” Dawwataa ol aanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Ji’a Bitootessaa fi Eblaatti, obboloota qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’an hunda jajjabeessi. Waggaa darbe tibba Yaadannoo du’a Kristositti, qajeelchaa gargaaraa ta’anii kan tajaajilan, yaada jajjabinaa akka kennan afeeri. Qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluuf haala isaanii kan sirreessan akkamitti? Kana gochuun carraaqqii fi jijjiirama akkamii akka godhan isaan gaafateeraa? Kana gochuu isaaniitiin gammachuu fi eebba akkamii argataniiruu? Sagantaa saanduqa fuula 4 irratti argamu ilaali. Qajeelchaa gargaaraa warrii ta’uu barbaadan, walga’ii booda formii argachuu akka danda’an beeksisi.
Faarfannaa 67 (156) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 17 Jalqabu
Faarfannaa 23 (48)
Daq.10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Barreeffama ji’a Bitootessaatti raabsaman beeksisi. Miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002 keessatti yaada jiruun dhimma ba’uun, kitaaba Beekumsaa raabsuuf kan nu gargaaru yaada tokko yookiin lama kenni. Kaayyoon isaanii qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuu akka ta’u hubachiisi.
Daq.15: “Mana Kee Qayyabannaa Kitaabaatiif Heyyamuu Dandeessaa?” Dawwataa ol aanaa kitaabaatiin haasawaan kan dhihaatu. Saanduqa gaaffii Tajaajila Mootummaa Ebla 2001 fi Guraandhala 1990 irratti yaada kenname dabalii dhiheessi. Lakkoofsa tuuta qayyabannaa kitaabaa gumii sanaa fi lakkoofsa giddu galeessa hirmaattotaa ibsi. Qayyabannaan kitabaa mana isaaniitti geggeeffamuu isaatiin, isaanii fi maatiin isaanii akkamiin bu’aa akka argatan babal’isaa tokko ykn lama gaafadhu. Namni mana isaa dhimma kanaaf heyyamu yoo jiraate, sassaabaa daawwattoota ol aanaatti beeksisuu qaba.
Daq. 20: “Wanti Ati Jireenya Kee Keessatti Dursa Laattuuf Maal Innii?” Babal’istoota tokko ykn lama, haala isaanii sirreessuudhaan tajaajila isaanii akkamitti akka guddisuu danda’an, yaada akka kennan duraan dursii qopheessi.
Faarfannaa 27 (57) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 24 Jalqabu
Faarfannaa 34 (77)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa bobba’a tajaajilaa ji’a Guraandhalaa akka deebisan yaadachiisi. Yaada fuula 8 irra jirutti fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Amajjii 15 fi Awake! Amajjii 22 yeroo raabsaman kan agarsiisu hojiin agarsiisni adda addaa lama haa dhihaatu. Hojiin agarsiisa lamaan irratti iyyuu barruuleen lamaanuu walumatti kan kennaman ta’us kan beeksisnu garuu tokko qofa ta’a.
Daq. 10: “Yeroo Barbaachisaa Ta’etti Gargaarsa Kennuu.” Haasawaa jaarsaan dhihaatu. Warra karaa hafuuraa qabbanaa’an gargaaruuf yaaliin addaa godhamu, yaada jaalalaa Yihowaan saba isaatiif qabu kan mul’isu ta’uu isaa ibsi.
Daq. 25: “Viidiyoo Miira Namaa Xuquu fi Hubannaa Hafuuraa Namaa Kennu!” Viidiyoo yeroo qorumsaatti jabina isaan agarsiisan jedhamu jalatti gaaffiiwwan dhihaataniin dhimma ba’uudhaan dhaggeeffattootaa wajjin irratti mari’adhaa. Gaaffii isa dhumaa irratti yaada baay’ee akka kennuu danda’anitti, yeroo siif kenname akka gaariitti qoqqoodi. Saanduqa kitaaba waggaa kan 2002 fuula 192 irra jiru dubbisuudhaan xumuri.
Faarfannaa 26 (56) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 3 Jalqabu
Faarfannaa 8 (21)
Daq. 10: Beeksisa gumii. “Qophii Haaraa Mana Kitaabaa Galama Mootummaatiif Ba’e” marii ifa ta’een kan dhihaatu. Mana kitaabaa sana keessatti kan tajaajilu eenyu akka ta’e beeksisi.
Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Dhumni Waan Hundumaa Waan Dhihaateef Warra Of Qabdan Ta’aa” Keeyyata 3-4 irratti yeroo mari’attan kaayyoon karaa hafuuraa baasaniifii yeroo hundaa hordofan maal akka ta’e akka dubbatan babal’istoota afeeri. Kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa jedhu fuula 176 irra yaada jiru dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 51 (127) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljalee]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen eega fayyadamtee booda gaaffiif deebiin dhiheessi.