Mana Kee Qayyabannaa Kitaabaatiif Heyyamuu Dandeessaa?
1 Jaarraa isa jalqabaatti, Kristiyaanonni hedduun mana isaanii walga’ii gumiitiif ni heyyamu turan. (1 Qor. 16:19; Qol. 4:15; Film. 1, 2) Yeroo har’aatti, gumiilee tokko tokkotti Qayyabannaa Kitaabaatii fi walga’ii bobbaa tajaajilatiif iddoo ga’aan hin argamu. Kanaan kan ka’e, qayyabannaa kitaabaa tokko irratti kan argamuu qaban namoota 15 kan hin caalle osoo ta’ee jiruu, tokko tokko irratti garuu, namoota 30 fi isaa ol ta’antu argama.
2 Mirga Adda Ta’e: Haala kana tilmaama keessa gashuudhaan, Qayyabannaa Kitaabaa Gumiitiif mana kee heyyamuu ni dandeessaa? Manni bal’inni isaa gahaa ta’e, qulqulluu, ifaa fi qilleensa gahaa qabu, kaayyoo kanaaf mijaa’aa dha. Qayyabannaan kitaabaa walga’ii gumii keessaa isa tokkoo fi qophii Yihowaan saba isaa qajeelchuuf itti fayyadamu waan ta’eef, qayyabannaan kun mana kee keessatti godhamuun isaa mirga addaati. Obboloonni baay’een, kana gochuu isaanitiin kan ka’e, karaa hafuuraa bu’aa akka argatan ni dubbatu.
3 Manni kee karaa hundaan haala kanaaf mijaa’aa dha jettee yoo yaadda ta’e jaarsoliitti himi. Isaanis iddoo biraa erga ilaalanii booda, mana keetitti qayyabannaa kitaabaa gochuun mijaa’aa yoo ta’uu baate, walga’ii bobbaa tajaajilaatiif ammoo ta’uu danda’aa laata? Yeroo ammaatti barbaachisaa ta’uu baatus, mana kee heyyamuu kee beekuu isaanitiin jaarsoliin si dinqisiifatu. Gara fuula duraatti mirga addaa kana argattee gammaduu ni dandeessa ta’a.
4 Amala Gaarii Agarsiisuu: Yeroo walga’iin Mana dhuunfaatti geggeeffamu, kan walga’ii irratti argaman hundi, meeshaalee maatii sanaatiif kabaja agarsiisuu qabu. Warri ijoollee qaban, ijoolleen isaanii naannoo qayyabannaaf murtaa’een ala iddoo dhuunfaa maatii sanii deemanii akka meeshaa isaanii hin balleessine to’achuu qabu. Namoota ollaatiifis xiyyeeffannaa kennuudhaan, akka isaan hin jeeqne of eeggannaan godhamuu qaba.—2 Qor. 6:3, 4; 1 Phe. 2:12.
5 Ibroota 13:16 “Wanta gaarii gochuu, waan qaban warra kaaniin ga’uus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada” gorsa jedhu akka hin irraanfanne nu jajabeessa. Walga’ii gumiitiif mana kee banuun kee, warra kaaniif waan gaarii akka gootuu fi ‘qabeenya kee isa duraatiin Yihowaaf ulfina kennuu’ akka dandeessu karaa sii bana.—Fak. 3:9.