Qophiin Qayyabannaa Kitaabaa Gumii Kan Nu Gargaaru Akkamitti?
1 Walga’iiwwan shanan torban keessatti qabnu, akkaataan itti geggeeffamanis ta’e kaayyoonsaanii addaddadha. Haata’u malee, hundisaaniiyyuu ‘jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis tuttuqnee yaada walii akka kakaasnu’ nu gargaaruuf ni barbaachisu. (Ibr. 10:24, 25) Qayyabannaan Kitaabaa adda kan ta’eefi faayidaa kan qabu karaawwan kamiini?
2 Karaa Hafuuraa Guddachuuf Nu Gargaara: Lakkoofsi namoota Qayyabannaa Kitaabaarratti argamanii, namoota walga’iiwwan gumii kaanirratti argamanirra baay’ee xinnoodha. Kunimmoo walitti dhufeenya gaarii karaa hafuuraa nu fayyadu jabeessuuf nu gargaara. (Fak. 18:24) Tarii akka waliin tajaajiltan isaan gaafachuudhaan, namoota tuuta Qayyabannaa Kitaabaa keessan keessa jiran hundumaa sirriitti beekuuf carraaqqii gootaniittuu? Qophiin qayyabannaa kitaabaa, ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa haala tokkoon tokkoon namoota tuuticha keessa jiranii gadi fageenyaan akka beekuufi dhuunfaatti akka isaan jajjabeessu isa dandeessisa.—Fak. 27:23.
3 Namoonni ati Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu sii wajjin qayyabannaa kitaabaarratti akka argaman afeerteettaa? Namoonni fedhii qabaniifi walga’iiwwan keenyarratti argamuun isaanitti ulfaatu, keessumaammoo qayyabannaa kitaabaa manneen dhuunfaatti godhamurratti argamuunsaanii sodaasaanii hir’isuufii danda’a ta’a. Jaalalli walga’ii kanarratti mul’atu, ijoolleenis ta’e namoonni haaraan yaada kennuuf akka hin sodaanne godha. Tuutichi xinnoo waan ta’eef, hirmaannaa gochuudhaan Yihowaa jajachuuf carraa guddaa qabna.—Far. 111:1.
4 Qayyabannaawwan kitaabaa yeroo baay’ee naannicha keessaa bakka mijaa’aa ta’etti geggeeffama. Nama hundumaa qayyabannaa kitaabaa baay’ee isatti dhihaatutti ramaduun kan hin danda’amne ta’uyyuu, qayyabannaan kitaabaa itti ramadamne, bakka walga’iiwwan gumii kaan itti godhaman caalaa dhihoo ta’a. Bakki qayyabannaan kitaabaa itti godhamu, walga’ii tajaajila dirreetiifis mijaa’aa ta’uu danda’a.
5 Tajaajilaaf Nu Gargaara: Ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa, obboloonni hundi tajaajilasaaniitti akka itti fufan, bu’a qabeeyyii akka ta’aniifi akka itti gammadan gargaaruuf qophaa’aadha. Kanaafuu, obboloota tuuticha keessa jiran hundaa wajjin tajaajiluudhaan karaawwan tajaajilaa garaa garaatiin isaan gargaaruuf carraaqa. Haalli tajaajilaa tokko, fakkeenyaaf deddeebii gaaffii gochuun kan si rakkisu yoo ta’e, ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaa keetti himi. Miseensota tuutichaa keessaa babal’isaa muuxannoo qabuu wajjin akka tajaajiltuuf qophii gochuu danda’a. Haala gaarii ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa keetii qayyabannaa kitaabaa itti geggeessu xiyyeeffannaadhaan hordofuudhaan, dandeettii qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluukee itti barsiistu fooyyessuu dandeessa.—1 Qor. 4:17.
6 Dhugumayyuu Qayyabannaan Kitaabaa qophii gaariidha! Qophiin jaalalaa Yihowaan nuu godhe kun, yeroo rakkisaa keessa jiraannu kanatti karaa hafuuraa gara fuulduraatti fufuuf nu gargaara.—Far. 26:12.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Walga’iiwwan shanan torbanitti qabnu kan nu gargaaran akkamitti?
2. Tuuta xinnoo ta’anii qayyabannaa kitaabaatiif walitti qabamuun faayidaa akkamii argamsiisa?
3. Qophiin qayyabannaa kitaabaa hirmaannaa gochuuf kan nu jajjabeessuufi barattoonni Macaafa Qulqulluu qayyabannichaarratti akka argaman kan jajjabeessu akkamitti?
4. Qophiin qayyabannaa kitaabaa karaawwan kamiin mijaa’aa ta’uu danda’a?
5. Haala tajaajila keenyaan wal qabateen, ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaa keenyarraa gargaarsa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
6. Qophii qayyabannaa kitaabaarraa guutummaatti fayyadamuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?