Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Jedhamu Qayyabachuu
1 Walga’ii koonyaa “Waaqayyoof Abboomamaa” jedhurratti beeksisi gammachiisaan kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu ba’uunsaa himamee ture. Yeroo dhihootti tajaajilarratti, caalaattimmoo yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnutti itti gargaaramna. Kanaafuu, barreeffama haaraa kana dursinee dubbisuu nu barbaachisa. Kitaaba kana torban Ebla 17, 2006 jalqabuu kaasee waan qayyabannuuf kan gochuun ni danda’ama.
2 Ilaaltuun olaanaa Qayyabannaa Kitaabaa gaaffiiwwan jalqaba tokkoon tokkoon boqonnaa kitaabichaarratti argamaniif xiyyeeffannaa kennuu qaba. Achiis, qayyabannichi gaaffiiwwan miiljalatti argamaniin geggeeffama. Caqasawwan yaadawwan ijoo ta’an deggeran dubbisaatii ibsa irratti kennaa. Akkasumas gaaffiiwwan tokkoon tokkoon jalqaba boqonnichaarratti dhihaataniif deebii waan kennuuf, saanduqa “Wanta Macaafni Qulqulluun Barsiisu” jedhuufi dhuma boqonnichaarratti argamurratti mari’adhaa. Kitaabichi karaa ifa ta’een, salphaafi haala nama gammachiisuun waan qophaa’eef, hirmaannaa gochuun keessan isin gammachiisa.
3 Kutaan dabalataa matadureewwan adda addaarratti ibsa bal’aa kenna. Namni Macaafa Qulqulluu qayyabatu matadureewwan tokko tokkorratti ibsa dabalataa argachuu yoo barbaade, kutaa dabalataa kanaan fayyadamuun ni danda’ama. Yeroo Qayyabannaan Kitaabaa geggeeffamu, hamma yeroon heyyametti kutaa dabalataa kanarratti mari’achuun ni danda’ama. Obboleessi qayyabannaa kitaabaarratti dubbisu, kutaa dabalataa kana guutummaatti dubbisuu, kutaan kun yoo dheeraa ta’emmoo, mataduree xixiqqaadhaan hiree dubbisuu danda’a. Gaaffiin qayyabannaadhaaf kenname kutaa dabalataa kanarra hin jiru. Haata’u malee, ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa namoota walga’icharratti argaman gaaffii yaadawwan ijoo ta’an ibsan gaafata.
4 Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kana Qayyabannaa Kitaabaarratti dafnee fixuu dandeenya ta’a. Haata’u malee, namoota waa’ee Macaafa Qulqulluu hin beekne ykn beekumsa muraasa qaban yeroo qayyabsiisnu garuu, ariitiidhaan qayyabsiisna jechuu miti. (HoE. 26:28, 29) Yeroo dhuunfaatti isaan qayyabsiisnu, caqasawwanirratti akka gaariitti mari’achuu, fakkeenyawwan ibsuufi kan kana fakkaatan gochuun barbaachisaadha. Kanaafuu, qayyabannaa kitaabaa Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamurratti argamuufi guutummaatti hirmaannaa gochuuf karoora baafadhaa.