Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu —Kitaaba Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Gargaaru
1 Walga’ii Koonyaa “Waaqayyoof Aboomamaa” jedhamerratti kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu ba’uusaatti guddaa gammanneera! Sanbaduraa waaree boodas erga sagantichi xumuramee booda namoonni walga’ii sanarratti argaman dhuunfaasaanitti kitaaba kana argachuusaanitti gammadanii turan. Kitaaba haaraa kanaan akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni kun caalaatti kan qophaa’ee Macaafa Qulqulluu ittiin qayyabsiisuufidha. Kitaabni kun foormii barreeffamni itti ajajamanirratti kan galmeeffamu ji’a Bitootessaatti ta’ullee, babal’istoonni guyyaa kitaaba kana fudhatanii kaasanii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka ittiin jalqabsiisaniifi akka ittiin geggeessan jajjabeefamaniiru.
2 Barattoota Macaafa Qulquluu Qayyabachaa Jiran: Babal’istoonni kitaaba Beekumsaa ykn birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamaniin qayyabsiisaa jiran, kitaaba haaraa kana akkamittiifi yoom qayyabsiisuu akka jalqaban ilaalchisee murtoo irratti yaadame gochuu qabu. Qayyabannichi dhihootti jalqabame taanaan, kitaaba isa haaraa kanaan qayyabannaa jalqabsiisuun ni danda’ama. Kitaaba Beekumsaa boqonnaa baay’ee qayyabsiistanittu taanaan, boqonnaa amma irratti mari’achaa jirtan keessaa yaada wal fakkaatu kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu keessaa filtanii qayyabachuu ni dandeessu. Kitaaba Beekumsaa xumuruu geessanittu taanaan garuu, kitaabichumaan qayyabannaa keessan xumuruuf murteessuu ni dandeessu.
3 Hundumti keenyayyuu, namoonni baay’een kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kanarraa akka fayyadaman homaa hin shakkinu. Kitaaba, dhugaa Macaafa Qulqulluu irraa jalaan dhiheessu kana akka qayyabataniif maaliif namoota hin afeertu? Fakkeenyaaf, namoota kanaan dura birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu ykn Kitaaba Beekumsaa qayyabatanii guddina argisiisuudhaan of hin murteessineefi hin cuuphamnee, kitaaba kanaan qayyabachuu jalqabuu barbaadu ta’a. Warris jaalalli Waaqayyoo inni sirriin isa kam akka ta’e barsiisuuf kitaaba kanaan ijoolleesaanii qayyabsiisuu danda’u.—Qol. 1:9, 10.
4 Kitaaba Lammaffaa Qayyabachuu: Qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu erga kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu qayyabatanii xumuranii booda kitaaba lammaffaa akka qayyabataniif qophiin taasifame jiraa? Eeyyee jira. Baratichi suutuma suutaan guddina kan argisiisaa jiru yoo ta’eefi wantoota barate kan dinqisiifatu yoo ta’e, kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamuun qayyabannaa itti fufuu ni danda’a. Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu hojii bartoota taasisuuf nutti kenname raawwachuuf meeshaa cimaa akka ta’u ni amanna.—Mat. 28:19, 20.