Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 1: Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Maalidha?
1 Addunyaa maratti, ji’atti qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu miiliyoona ja’aa ta’an saba Waaqayyootiin geggeeffamaa jiru. Malawwan gaariitti gargaaramnee barsiisuudhaan, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu kun guddina argisiisanii of murteessuudhaan akka cuubaman, akkasumas ‘warra kaan barsiisuuf akka ta’an’ isaan gargaaruu dandeenya. (2 Xim. 2:2) Barataan kee guddina akkasii akka argisiisu gargaaruu barbaaddaa? Ji’a kanarraa jalqabee Tajaajilli Mootummaa kanaan booda ba’u, akkaataa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu guddina argisiisu geggeessuu itti dandeenyu ilaalchisee barumsawwan ibsa kennan qabatee ba’a.
2 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Yommuu Gabaasnu: Macaafa Qulqulluufi barreeffamootatti gargaaramuudhaan marii utuu walirraa hin citin itti yaadamee godhamu yoo qabaatte, gabaabaa ta’uyyuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa jirta. Balbala namichaarra dhaabattees ta’e bilbilaan yoo ta’e akkasuma. Erga qophiin godhamee booda, qayyabannichi al lama yoo geggeeffameefi kan itti fufu ta’uunsaa yoo beekame, qayyabannaan sun ni gabaafama.
3 Brooshuurri Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuufi kitaabni Beekumsaa, barreeffamoota qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf itti gargaaramnudha. Barreeffamoonni kun erga xumuramanii booda, baratichi suuta jedhees ta’u guddina yoo argisiise, akkasumas wanta baratuuf dinqisiifannaa yoo qabaate, qayyabannaansaa kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamuun itti fufuu danda’a. Namoota barumsa xiqqoo qofaa qaban ykn baay’ee dubbisuu hin dandeenye qayyabsiisuuf brooshuurri Jaallee Waaqayyoo Ta’uu Ni Danddeessa! jedhamutti gargaaramuun ni danda’ama.
4 Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman bartoota Yesus Kristos akka ta’an gargaaruudhaan bu’a qabeessa ta’ee argameera. (Mat. 28:19, 20) Yaadawwan barumsa kanaan booda walumatti aananii ba’anirratti kennaman, hojiirra oolchuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu guddina argisiisu geggeessuu dandeessu.