Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Balbala Durattiifi Bilbilaan Godhaman Guddina Akka Argisiisan Gargaaruu
1 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun baay’ee nama gammachiisa. Haata’u malee, nama Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii qabu argachuun sadarkaa jalqabaa qofadha. Kaayyoon qayyabannaa kanaa namichi duuka buutuu Yesus akka ta’u gargaaruudha. (Mat. 28:19, 20) Galma kanarra ga’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
1. Kaayyoon Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu itti geggeessinu maalidha?
2 Namoota Yeroo Hin Qabne: Yeroo ammaa namoonni yeroo kan hin qabne ta’uunsaanii dabalaa dhufeera. Iddoo tokko tokkotti, namoonni jalqabarratti Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf sa’aatii tokko guutuu ramadan muraasadha. Namoota akkasii gargaaruuf, balbalumasaanii duratti ykn bilbilaan qayyabannaa akka jalqabsiisnu gorfamneerra. Qayyabannaan kun, jalqabarratti gabaabaafi caqasawwan Macaafa Qulqulluu muraasa qofarratti kan hundaa’e, akkasumas kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamurraa keeyyata tokko ykn lama qofarratti kan hundaa’e ta’uu danda’a. Yeroo ammaa babal’istoonni hedduun balbaluma durattiifi bilbilaan qayyabannaa kan geggeessan ta’uunsaa kan isaan galateeffachiisudha!
2. Balbala durattiifi bilbilaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun maalidha? Bu’a qabeessa kan ta’anoo maaliifi?
3 Haata’u malee, yeroo hin murteeffamneef balbalarratti qayyabsiisuu keenya itti fufuu qabnaa? Lakki. Yeroo qayyabannaan jalqabamutti balbala dura dhaabannee baay’ee haasa’uu kan hin qabne ta’uyyuu, Tajaajilli Mootummaa Caamsaa 1990, fuula 4rratti akkas jedha: “Takkaa qayyabannaan jalqabamee fedhiin namichaa erga guddatee, qayyabannaarratti yeroo dheeraa dabarsuun ni danda’ama.” Fakkeenyaaf, mucaa beelaan hubame tokkoof hamma fedhiin nyaatasaa deebi’uufitti nyaata xixinneessanii kennuufiin barbaachisaa ta’uu danda’a. Haata’u malee, yeroo hundumaa nyaanni xinnoon hammasii yoo kennameef mucichi guutummaatti jabina argatee haala gaariidhaan guddata jechuu hin dandeenyu. Haaluma walfakkaatuun, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu tokko tajaajilaa Waaqayyoo ta’uudhaan akka guddatu yoo barbaadame, walirraa utuu hin kutin sirriitti qayyabachuutu isa barbaachisa.—Ibr. 5:13, 14.
3. Qayyabannaa balbala duratti geggeeffamurratti sa’aatii dabalataa dabarsuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?
4 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Mana Keessatti Geggeeffamu: Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu bakka wanti xiyyeeffannaa namaa harkisu hin jirreetti, jechuunis manatti ykn bakka mijaa’aa ta’e kan biraatti qayyabsiisuun filatamaadha. Kun ta’uunsaa baratichi salphaatti akka baratuufi Sagalee Waaqayyoo akka hubatu isa gargaara. (Mat. 13:23) Akkasumas, barsiisichi barumsicha akka baratichaaf ta’utti akka dhiheessu isa gargaara. Kana malees, qayyabannaarratti yeroo dheeraa dabarsuun, Sagalee Waaqayyoo gadi fageenyaafi karaa amantaa jabeessuun qayyabachuuf gargaara.—Rom. 10:17.
4. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu mana keessatti geggeessuun faayidaa maalii qaba?
5 Qayyabannaa balbala duratti geggeeffamu gara manaatti jijjiiruun kan danda’amu akkamitti? Yeroo baay’eedhaaf qayyabannaawwan gabaabaa ta’an erga gootanii booda, sa’aatii murteessitanii yeroo dheeraadhaaf akka qayyabatan maaliif hin afeertan? Yookiinimmoo akkas jechuudhaan namicha gaafachuu ni dandeessu: “Har’a teenyee wanta kanarratti utuu mari’annee yeroo qabdaa?” ykn “Har’a yaada kanarratti mari’achuuf hammam turuu dandeenya?” Carraaqqiin goote bu’aa yoo dhabe, balbala duratti qayyabsiisuukee itti fufuu qabda. Yeroo mijaa’aa ennaa argattu ammas mana keessatti akka qayyabattan gochuuf yaali.
5. Qayyabannaa balbala duratti geggeeffamu gara mana keessaatti jijjiiruu kan dandeenyu akkamitti?
6 Warra isaaniif ta’u yeroo barbaannutti, kaayyoon keenya qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuu akka ta’e irraanfachuu hin qabnu. Kaayyoon keenya, namoonni garaansaanii qajeelaa ta’e of murteessanii cuuphamuudhaan tajaajiltoota Yihowaa akka ta’an gargaaruudha. Kaayyoo akkanaa qabannee tajaajila keenya raawwachuuf carraaqqii goonu inni nuuf haa eebbisu.—2 Xim. 4:5.
6. Tajaajila keenya yeroo raawwannu kaayyoon keenya maal ta’uu qaba? Yaadawwan barumsa kana keessatti kennaman kaayyoo keenya galmaan ga’uuf kan nu gargaaran akkamitti?