Balbalumasaaniirrattiifi Bilbilaan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu
1 Yeroo har’aa namoonni hojiin isaanitti baay’ata. Ta’uyyuu baay’eensaanii wantoota hafuuraatiif fedhii qabu. Namoonni kun fedhii hafuuraa qaban akka quubsan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 5:3) Babal’istoonni hedduun, balbala namootaarrattiifi bilbilaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu danda’aniiru. Atoo, karaa kanaan tajaajila kee bal’isuu ni dandeessaa?
2 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf, yeroo carraan argamutti qayyabannaan kun akkamitti akka geggeeffamu namootatti argisiisuuf qophaa’uun nu barbaachisa. Kun akkamittiifi eessatti godhamuu danda’a?
3 Balbalasaanii Duratti: Namni Macaafa Qulqulluurratti mari’achuu barbaadu yommuu isin mudatu, keeyyata dursitanii irratti qophooftan, kan akka keeyyata jalqabaa, barumsa 1ffaa birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuu, baasiitii kallattumaan jalqabi. Keeyyaticha dubbisi, gaaffiisaa gaafadhu, akkasumas caqasawwan yaannisaanii hin ibsamne tokko ykn lamarratti mari’adhaa. Kun yeroo baay’ee, achuma balbalasaanii duratti daqiiqaa shanii hamma kudhaniitti godhamuu danda’a. Namichi marii kanatti yoo gammade, yeroo gara biraa keeyyata itti aanu tokko ykn lamarratti akka mari’attaniif qophii godhi.—Kallattumaan namoota qayyabannaa jalqabsiisuu ilaalchisee, yaanni dabalataa Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002, ful. 6rratti argama.
4 Yeroo deddeebii gaaffii goonus qayyabannaa jalqabsiisuuf maluma walfakkaatu fayyadamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu erga itti argisiistee booda, barumsa 2, keeyyata 1, 2 fayyadamtee maqaa Waaqayyoo itti himuu dandeessa. Yeroo itti aanuttimmoo, keeyyata 3, 4tti fayyadamtee waa’ee amalawwan Yihowaa Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu mari’achuu dandeessu. Maree itti aanuufimmoo, keeyyata 5, 6fi fakkii fuula 5rra jirutti gargaaramuudhaan, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Yihowaa beekuuf akkamitti akka nu gargaaru addeessuu dandeessa. Kun hundumtuu balbaluma dura dhaabatanii ta’uu danda’a.
5 Bilbilaan: Namoonni tokko tokko, kallattiidhaan qayyabachuurra bilbilaan qayyabachuu filatu. Muuxannoo kanatti aanee jiru ilaali: Obboleettiin tokko manaa gara manaatti utuu lallabduu, dubartii umurii dargaggummaa keessa jirtu kan ijoollee qabduufi hojiin itti baay’atu tokko argatte. Manasheetii ennaa ishee dhabdu isheedhaaf bilbiluuf murteessite. Dubartittiinis Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf yeroo akka hin qabaanne itti himte. Obboleettiinis: “Bilbilaanillee daqiiqaa 10 ykn 15tti waan haaraa tokko barachuu dandeessa” jetteen. Isheenis: “Tole erga bilbilaan ta’ee nan qayyabadha!” jettee deebiste. Yeroo gabaabaa keessatti qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhaabbataa ta’e bilbilaan jalqaban.
6 Namoota haasofsiistu keessaa tokko tokko bilbilaan qayyabachuu ni barbaaduu laata? Akkaataa dhiheenyaa armaan oliitti gargaaramuu, ykn akkas jechuu dandeessa: “Yoo barbaadde bilbilaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu ni dandeenya; akkas hin wayyuu?” Sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka namootaaf ta’utti gochuudhaan, ‘beekumsa’ Waaqayyoo akka argataniif isaan gargaaruu dandeenya.—Fak. 2:5; 1 Qor. 9:23.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1, 2. Namoota hojiidhaan qabaman, sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkuma haalasaaniitti jijjiiruudhaan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
3. Yeroo jalqabaatiif namoota ennaa dubbisnu, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu isaanitti kan argisiisnu maaliifi? Kunoo akkamitti godhamuu danda’a?
4. Yeroo deddeebii gaaffii goonutti, balbalumasaanii duratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu kan dandeenyu akkamitti?
5, 6. (a) Namoonni tokko tokko bilbilaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan filatan maaliifi? (b) Bilbilaan Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan ennaa afeerru akkaataa dhiheenyaa maalii fayyadamuu dandeenya?