Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Birooshura Misiraachoo Jedhamutti Fayyadamuudhaan Balbaluma Irratti Qayyabannaa Jalqabsiisuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Bartoota gochuuf, Dubbii Waaqayyoo kan barsiisnu taʼuu qabna. (Mat. 28:19, 20) Hundi keenya iyyuu barreeffamoota nuu qophaaʼanitti fayyadamuudhaan karaa buʼa qabeessa taʼeen dhugaa barsiisuu ni dandeenya. Birooshurri Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu, keessumaa dhugaa namoota akka barsiisnu nu gargaaruuf kan qophaaʼe dha. Guyyuma jalqabaatti balbaluma nama haasofsiisnu sanaa irratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf itti fayyadamuus ni dandeenya.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Qayyabannaa geggeessuuf fedhii akka qabaattu kadhadhu. Akkasumas, Yihowaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabsiistuu fi dhugaa karaa buʼa qabeessa taʼeen akka barsiistu akka si gargaaru kadhadhu.—Filp. 2:13.
Yeroo waaqeffannaa maatii ykn qayyabannaa dhuunfaa godhattan akkaataa dhiheenyaa kenname barachuuf yaalaa. Kana yoo gootan, tajaajila irratti amanannaadhaan dubbachuu fi balbaluma namichaa irratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu ni dandeessu.