BAKKA DHIHOO KAAʼAA
Birooshuroota Kanatti Fayyadamaa Jirta?
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
Namoota waaʼee Macaafa Qulqulluu beekumsa muraasa qabaniif, keessumaaammoo warra Kiristaana hin taaneef yaadamee kan qophaaʼe
Akkamitti raabsina? “Yaadawwan Caaffata Qulqullaaʼoo (kitaaba qulqulluu) kana keessatti argamaniif ilaalcha akkamii akka qabdu utuu beeknee nutti tola. [Faarfannaa 37:11 isa kutaa 11ffaarratti caqasame dubbisi.] Raajiin kun yommuu raawwiisaa argatu lafti maal fakkaatti jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaanni kun, namoonni aadaafi amantii akkamiiyyuu qaban Macaafa Qulqulluurraa abdiifi jajjabina argachuu akka dandaʼan argisiisa.” Yaada seensaa fuula 3rratti argamu dubbisitii birooshuricha kenniif.
Yookiin akkas gochuu dandeessa: Nama Kiristiyaana hin taanee kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu qayyabsiisaa jirta taanaan, yaada ijoo Macaafa Qulqulluu ilaalchisee ibsa gabaabaa akka argatuuf xumura ykn jalqaba qayyabannaa keessaniirratti daqiiqaa muraasa ramaduudhaan birooshura kanarraa kutaa tokkorratti mariʼadhaa.
Michuu Waaqayyoo Ta’uu Dandeessa
Namoota barumsa ykn dandeettii dubbisuu gaʼaa hin qabneef yaadamee kan qophaaʼe
Akkamitti raabsina? “Michuu Waaqayyoo taʼuun ni dandaʼama jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yaaqoob 2:23 dubbisiif.] Birooshurri kun akkuma Abrahaam nutis michuu Waaqayyoo akka taanu nu gargaaruuf kan qophaaʼedha.”
Akkas gochuu dandeessa: Guyyaa jalqaba haasofsiistutti ykn yeroo deddeebii gaaffii gootu, guutummaa barumsa 1ffaa ykn muraasasaatti fayyadamiitii qayyabanna jalqabsiisi.
Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
Namoota naannoo gochawwan hafuura hamaa itti babalʼate jiraataniif yaadamee kan qophaaʼe.
Akkamitti raabsina? “Namoonni hedduun namoota duʼanii wajjin akka wal argan dubbatu. Isaan keessaa tokko tokko sagalee firoottansaanii warra duʼanii akka dhagaʼaniifi haalli kunimmoo akka isaan sodaachise dubbatu. Kun dhugaa taʼuu dandaʼa jettee yaaddaa?” [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis namni sun Lallaba 9:5, 10 yommuu dubbistu akka si hordofu afeeri] Macaafni Qulqulluun namoonni erga duʼanii booda jiraachuusaanii itti fufu jedhee akka hin barsiisne hubattee? Namoonni akkas jedhanii kan amanan maaliifiree? Birooshurri kun dhimmawwan kana ibsa. Gara fuulduraatti abdiin akkamii akka qabnus ni ibsa.”
Yookiin akkas gochuu dandeessa: Namni haasofsiistu sun fedhii yoo argisiise, birooshuricha erga kenniteefii booda yaada kanarratti maree dabalataa gochuu dandeessu. Yeroo deddeebii gaaffii gootu, yaadawwan fuula 13-18rratti mariʼachuu dandeessu.
Namni Jaallattan Yeroo Du’u
Namoota, nama jaallatan duʼaan dhabaniif yaadamee kan qophaaʼedha. Namoota amantoota taʼanis taʼe amantiidhaaf fedhii hin qabnes ni gargaara.
Akkamitti raabsina? “Namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi nama jaallatan duʼaan dhabaniif, birooshura yaada nama jajjabeessuufi abdii kennu kana raabsaa jirra. Namoonni duʼan abdii maalii qabu jettee gaafattee beektaa?” [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis namni kun Yohannis 5:28, 29 yommuu dubbistu akka si hordofu afeeri. Yaada fuula 27, keeyyata 3rra jiru itti argisiisuu dandeessa.] Yoo barbaadde birooshura kana fudhattee dubbisuu dandeessa.
Yookiin akkas gochuu dandeessa: “ ‘Nama nama jaallatu duʼaan dhabe akkamittan jajjabeesuu dandaʼa?’ jettee yaaddee beektaa?” Achiis mataduree “Warri Kaan Gargaarsa Gochuu Kan Dandaʼan Akkamitti?” jedhuufi fuula 20rratti argamu erga itti argisiistee booda, Fakkeenya 17:17 dubbisuu dandeessa.