LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 1 ful. 3
  • Waaqayyo Michuu Isaa Akka Taatu Si Afeereera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Michuu Isaa Akka Taatu Si Afeereera
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Maal Sitti Fakkaata?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Kitaabni Qulqulluun Michummaa Ilaalchisee Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Michoota Gaarii Filachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 1 ful. 3

BARUMSA 1

Waaqayyo Michuusaa Akka Taatu Si Afeereera

Waaqayyo michuusaa akka taatu barbaada. Qaama uumama cufa keessatti hunda caaluu wajjin michuu taʼuu akka dandeessu yaaddee beektaa? Abrahaam michuu Waaqayyoo jedhamee waamameera. (Yaaqoob 2:23, hiika bara 1899) Namoonni michuu Waaqayyoo taʼuudhaan eebba guddaa argatan kaanis Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniiru. Yeroo ammaattis namoonni addunyaa maratti argaman hedduun michuu Waaqayyoo taʼuu dandaʼaniiru. Atis michuu Waaqayyoo taʼuu dandeessa.

Abrahaam kadhannaa yommuu dhiheessu

Michuu Waaqayyoo taʼuun, michuu namaa taʼuurra ni caala. Waaqayyo michootasaa warra amanamoo taʼan hin gatu. (Faarfannaa 18:25) Michuu Waaqayyoo taʼuun sooressa taʼuurra ni caala. Namni sooressi ennaa duʼu qarshiisaa warra kaantu fudhata. Badhaadhummaa namoota michuu Waaqayyoo taʼanii garuu, eenyuyyuu jalaa fudhachuu hin dandaʼu.—Maatewos 6:19.

Namoonni tokko tokko waaʼee Waaqayyoo akka hin baranne si dhowwuu barbaadu taʼa. Kana kan godhanis michootaafi firootakee taʼuu dandaʼu. (Maatewos 10:36, 37) Namoonni yoo sitti qoosan ykn yoo si doorsisan, ‘Namamoo Waaqayyoon gammachiisuun barbaada?’ jedhii of gaafadhu. Mee dhimma armaan gadiirratti yaadi: Namni tokko nyaata akka hin nyaanne utuu si dhowwee tole jettaa? Hin jettu! Jireenyaaf nyaanni akka si barbaachisu beekamaadha. Waaqayyommoo jireenya barabaraa sii kennuu dandaʼa! Kanaaf, eenyuyyuu barumsa michuu Waaqayyoo taʼuuf si gargaaru akka hin baranne si dhowwuu hin qabu.—Yohannis 17:3.

Namoonni dubartii barreeffama waaʼee Waaqayyoo dubbatu dubbistu tokkotti yommuu qoosan
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi