‘Nama Hundumaaf’ Lallabaa
1. Labsitoonni wangeelaa buʼa qabeessa taʼan, nama akka gaariitti hojii harkaa hojjetuu wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?
1 Namni dandeettii hojii harkaa qabu tokko, meeshaalee baayʼee qaba; tokkoon tokkoonsaaniittis yoomiifi akkamitti fayyadamuu akka qabu beeka. Haaluma wal fakkaatuun, nutis meeshaalee addaddaa hojii wangeelaa raawwachuuf nu gargaaran qabna. Fakkeenyaaf, birooshuroonni matadureewwan addaddaa qabaniifi ‘namoota hundumaaf’ lallabuuf nu gargaaran qophaaʼaniiru. (1 Qor. 9:22) Miiltoon tajaajila mootummaa kanaa, birooshuroota kana keessaa tokkoo tokko kamfaa akka taʼan, eenyuuf akka qophaaʼaniifi akkaataa isaan itti raabsaman ni ibsa.
2. Tajaajilarratti birooshurootatti yoomfaa fayyadamuu dandeenya?
2 Birooshurootatti Fayyadamuu Kan Qabnu Yoomi? Namni hojii harkaa hojjetu meeshaa tokkotti kan fayyadamu yeroo meeshaan sun isa barbaachisuttidha. Nutis birooshura tokko jiʼoota birooshuroonni itti raabsaman qofatti utuu hin taʼin, namni tokko faayidaa akka irraa argatu ennaa nutti dhagaʼamuttis raabsuu dandeenya. Tarii barreeffamni raabsamu kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti naannoo namoonni Kiristaana hin taaneefi waaʼee macaafa qulqulluu baruuf fedhii guddaa hin qabne jiranitti lallabna yoo taʼe, birooshura haalasaanii wajjin adeemu raabsuudhaan fedhasaanii erga kakaasnee booda, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu itti argisiisuun gaarii taʼuu dandaʼa.
3. Meeshaalee lallabaaf nu gargaaranitti akka gaariitti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?
3 Caaffanni Qulqullaaʼoon waaʼee namoota hojiisaaniitti harka tolanii waan gaarii dubbatu. (Fak. 22:29) Yeroo harʼaa, ‘hojiin wangeela isa qulqulluu’ lallabuu caalaa barbaachisaa taʼe akka hin jirre beekamaadha. (Rom. 15:16, NW) ‘Hojjetaa waan itti yeellaʼu hin qabne’ taanee argamuuf, meeshaalee keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf carraaqqii gochuu qabna.—2 Xim. 2:15.