LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/15 ful. 3
  • Meeshaalee Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Meeshaalee Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Barsiisuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnutti Karaa Buʼa Qabeessa Taʼeen Itti Gargaaramuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • ‘Nama Hundumaaf’ Lallabaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Meeshaalee Qorannootti Fayyadamaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2015
km 7/15 ful. 3

Meeshaalee Tajaajilaa

1. Kiristiyaanonni misiraachicha dubbatan ogeeyyii harkaa wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?

1 Namoonni ogummaa harkaa qaban meeshaa garaa garaatti fayyadamu. Meeshaaleen tokko tokko hojiiwwan adda taʼaniif darbee darbee kan barbaachisan siʼa taʼu, meeshaaleen yeroo hunda barbaachisan kaan garuu baayʼinaan hojii irra oolu. Ogeeyyiin harkaa muuxannoo qaban meeshaalee yeroo hunda barbaachisan kana yeroo hunda ni qabatu; meeshaalee kanatti fayyadamuu irrattis dandeettii guddaa qabu. Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni hundi tajaajila irratti akka hirmaatanii fi “hojjetaa . . . waan itti yeellaʼu hin qabne” akka taʼan jajjabeessa. (2 Xim. 2:15) Meeshaalee itti fayyadamnu keessaa hunda caalaa barbaachisaa kan taʼe isa kami? Dubbii Waaqayyoo isa ‘bartoota gochuuf’ adda durummaadhaan itti fayyadamnu dha. (Mat. 28:19, 20) Kanaafuu, ‘dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuu’ irratti dandeettii qabaachuuf carraaquu qabna. Haa taʼu malee, meeshaaleen yeroo hunda hojii irra oolanii fi Kiristiyaanonni hundi namoota dhugaa barsiisuuf akka gaariitti itti fayyadamuu barachuu qaban kan biraanis jiru.—Fak. 22:29.

2. Meeshaaleen barsiisuuf adda durummaadhaan itti fayyadamnu kam faʼi?

2 Meeshaalee Barsiisuuf Yeroo Hunda Itti Fayyadamnu: Macaafa Qulqulluudhaan ala meeshaaleen itti fayyadamuu qabnu kam faʼi? Meeshaan adda durummaadhaan dhugaawwan Macaafa Qulqulluu barsiisuuf itti fayyadamu, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu dha. Kitaaba kana qayyabatee erga fixee booda immoo, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu jireenya isaa keessatti hojii irra oolchuu akka dandaʼu gargaaruuf, kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu isa qayyabsiisna. Kanaafuu, barreeffamoota lamaan kana fayyadamuu irratti dandeettii qabaachuu qabna. Birooshuroonni meeshaalee barsiisuuf itti fayyadamnu keessaa tokko taʼuu qabanis jiru. Birooshurri Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu, meeshaalee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf adda durummaadhaan itti fayyadamnu keessaa tokko dha. Naannoo keenya namoonni akka gaaritti dubbisuu hin dandeenye ykn afaan barreeffamoonni keenya muraasni qofti ittiin qophaaʼan ykn sirumaa ittiin hin qophoofne dubbatan jiru taanaan, birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamanittis fayyadamuu dandeenya. Meeshaan namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu gara jaarmiyichaatti itti qajeelchinu inni guddaan, Birooshura Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi? jedhamu dha. Viidiyoowwan bartoota gochuu irratti nu gargaaran kan akka, Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi?, Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? Akkasumas Waaqayyo Maqaa Qabaa? jiranis meeshaalee akka gaaritti itti fayyadamuu barachuu qabnu dha.

3. Mata dureewwan gara fuulduraatti Tajaajila Mootummaa irratti baʼan maal gochuuf nu gargaaru?

3 Mata dureewwan gara fuulduraatti Tajaajila Mootummaa irratti baʼan, meeshaalee barsiisuuf gargaaran, jechuunis barreeffamoota adda durummaadhaan itti fayyadamnu muraasatti fayyadamuu irratti dandeettii akka qabaannu nu gargaaru. Meeshaalee kanatti akka gaaritti fayyadamuuf carraaqqii yeroo goonu, gorsa armaan gadii hojii irra oolchina: “Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhagaʼanis gara fayyinaatti in geessita.”—1 Xim. 4:16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi