Sagantaa Torban Hagayya 3 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 3 JALQABU
Faarfannaa 18 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cf boq. 8, key. 18-22, saanduqa ful. 100 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Mot. 18-20 (Daq. 8)
Lakk. 1: 1 Mot. 18:30-40 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Matummaadhaaf Bitamuu Jechuun, Dubartoonni Gaaʼela Keessatti Homaa Hin Dubbatan, Dhimmawwan Maatii Ilaallatan Ykn Gara Biraarratti Yaada Hin Kennan Jechuudhaa?—w10 5/15 ful. 14, key. 11–ful.15, key. 15 (Daq. 5)
Lakk. 3: Macaafni Qulqulluun Ijoollee Gargaaruu Kan Dandaʼu Akkamitti?—igw ful. 27, key. 1-2 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Yaada Ijoo Jiʼichaa: ‘Dhaqaa bartoota koo godhaa.’—Mat. 28:19, 20.
Daq. 10: Jiʼa Hagayyaatti Barruulee Raabsaa. Mareedhaan kan dhihaatu. Akkaataa Dhiheenyaa qophaaʼanitti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisni barruuleen kun akkamitti akka raabsaman argisiisu akka dhihaatu godhi. Achiis akkaataawwan dhiheenyaa kana irratti tokko tokkoon mariʼadhaa.
Daq. 10: Buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu Jedhamu Irraa Fayyadamuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Haasaa daqiiqaa shanii caqasa waggaa 2015 irratti hundaaʼe dhiheessuudhaan jalqabi. Sana booda, caqasicha irratti guyyaa guyyaadhaan mariʼachuuf yeroo isa kam akka ramadan akka yaada kennan babalʼistoota afeeri. Hundi isaanii buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamutti akka gaaritti akka fayyadaman jajjabeessuudhaan xumuri.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Faarfannaa 26 Fi Kadhannaa