LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/12 ful. 2-3
  • Namoonni Waaqayyoon Akka Dhaggeeffatan Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Waaqayyoon Akka Dhaggeeffatan Gargaaraa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyoon Dhaggeeffadhu—Akkamitti Itti Fayyadamna?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • ‘Nama Hundumaaf’ Lallabaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Birooshuroota Kanatti Fayyadamaa Jirta?
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 7/12 ful. 2-3

Namoonni Waaqayyoon Akka Dhaggeeffatan Gargaaraa

1. Walgaʼii Koonyaa “Mootummaan Waaqayyoo Haa Dhufu!” jedhuun godhamerratti birooshurri haaraa baʼan lamaan kamfaʼi? Birooshuroota kana caalaatti faayidaa akka qabaatan kan godhehoo maalidha?

1 Walgaʼii Koonyaa mataduree “Mootummaan Waaqayyoo Haa Dhufu!” jedhuun godhamee turerratti birooshurri haaraan lama, jechuunis Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu, akkasumas birooshura karaa salphaa taʼen qophaaʼeefi Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu baʼee ture. Yaada barreeffame baayʼee waan hin qabneef, birooshuroota kana saffisaafi salphaatti hiikuun ni dandaʼama. Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu afaan Ingiliffaatiin akka baʼe yommuu beeksifamu afaan 431n akka hiikamu heyyamamee ture.

2. Namoonni birooshura kanarraa faayidaa argatan eenyufaʼi?

2 Keessumaa namoonni birooshura kanarraa faayidaa argatan eenyufaʼi? Haalawwan armaan gadii addunyaa maratti argaman kana hubadhaa:

• Babalʼisaan tokko nama tokkoo wajjin guyyaa jalqabaatti yeroo mariʼatu ykn yeroo deddeebii gaaffii godhu, namni sun barumsa kan hin baranne ykn dubbisuu kan hin dandeenye taʼuusaa hubata.

• Babalʼisaan tokko afaan barreeffamni keenya muraasni qofti ittiin argamu keessaa tokko dubbatuuf ykn afaan barreeffamni keenya ittiin hin qophoofneen lallabuuf itti fayyadama. Yookiin afaan namoonni naannoo tajaajilaa sana keessa jiran hedduun akka gaariitti dubbachuu kan dandaʼan taʼus, ittiin dubbisuu hin dandeenyetti lallabuuf itti fayyadama.

• Babalʼisaan tokko afaan mallattootiin namoota gurrisaanii hin dhageenyeef yeroo lallabu itti fayyadama.

• Warri ijoolleesaanii xixinnoo dubbisuu hin dandeenye dhugaa barsiisuu barbaadan itti fayyadamuu dandaʼu.

3. Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu haala akkamiitiin qophaaʼe?

3 Akkaataa Birooshuroonni Kun Itti Qophaaʼan: Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu yaada barreeffame muraasa, jechuunis hima salphaafi dhuma keeyyata hundumaarratti caqasa Macaafa Qulqulluu yaada ijoosaa ibsu qaba. Akkas kan taʼe maaliif? Mee nama birooshura afaan isin dubbisuu hin dandeenyeen, tariimmoo qubee isin hin beekneen barreeffame isinii kenne tokko yaadaa. Fakkiiwwan babbareedaa kan qabu taʼuyyuu, fudhachuuf fedhii ni qabaattuu? Fedhii akka hin qabaanne beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni dubbisuu hin dandeenye barreeffamoota yaada hedduu qaban yeroo argan abdii kutachuu dandaʼu. Kanaaf, fuula hundumarratti fakkiiwwan of eeggannoodhaan ibsaman, xiyya fakkii isa tokkorraa gara isa kaaniitti darbuudhaan mariʼachuuf gargaaru qabu.

4. Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu kan qophaaʼe akkamitti?

4 Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu, birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu wajjin fakkiisaanii tokkodha. Birooshurri kun namoota dandeettii dubbisuu xinnoo qaban ykn dubbisuu barachaa jiran Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf kan qophaaʼanidha. Akkasumas namni birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu nama tokko qayyabsiisu itti fayyadamu dandaʼa. Gubbaasaarratti gara moggaa harka bitaatti gaaffiin, barumsa fuula lama qabu sanarratti deebii argatu ibsameera. Fakkiiwwaniif ibsi kan kenname siʼa taʼu, caqasoonni Macaafa Qulqulluus ni argamu. Gajjallaasaatti moggaarratti fuulawwan hedduun saanduqa yaadawwan dabalataafi caqasawwan Macaafa Qulqulluu akkuma dandeettii baratichaatti irratti mariʼachuun dandaʼamu qaba.

5. Yoomiifi akkamitti birooshuroota kana raabsuu dandeenya?

5 Akkamitti Itti Fayyadamuu Dandeenya? Jiʼa sanatti kan raabsamu birooshuroota kana taʼu baatullee, barbaachisaa akka taʼe kan isinitti dhagaʼamu taanaan, yeroo manaa gara manaatti tajaajiltan birooshuroota kana raabsuu dandeessu. (Saanduqa “Akkamitti Raabsamuu Dandaʼu?” jedhu ilaali.) Yeroo deddeebii gaaffii gootan, nama fedhii argisiise sanatti waan tokko isatti argisiisuuf akka jettan erga itti himtanii booda birooshuricha kennuufii dandeessu.

6. Birooshuroota kanatti fayyadamnee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu gaaffii qophaaʼeef waan hin qabneef, akkuma yeroo kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu qayyabatamu godhamutti, gaaffiifi deebiidhaan kan geggeeffamu miti. Namoonni hundi seenaa dhaggeeffachuun akka isaanitti tolu beekamaadha. Kanaaf, seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ibsaman isaanitti himuuf fakkiiwwanitti fayyadamaa. Wanta fakkiidhaan mulʼatu isaanii ibsaa. Miira hoʼaadhaan dubbadhaa. Wanta baratichi hubateefi isatti dhagaʼame isa gaafadhaa. Caqasawwan gara dhumaarratti ibsaman erga dubbistanii booda ibsaafii. Maree sanarratti akka hirmaatuufi akka isaaf gale beekuuf gaaffii isa gaafadhaa. Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamutti fayyadamee qayyabachaa jira taanaan, yeroo fakkiiwwan hundarratti mariʼattan yaadaafi caqasa kenname waliin dubbisaa.

7. Nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu guddina akka godhu isa gargaaru kan dandeenyu akkamitti?

7 Baratichi Guddina Akka Godhu Isa Gargaaraa: Mareen keessan, baratichi ofumasaatiin dubbisee waaʼee Yihowaa beekumsa argachuuf akka kakaʼuu kan godhu akka taʼu abdii qabna. (Mat. 5:3; Yoh. 17:3) Kanaaf, mareen gootan birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamurratti yoo taʼemmoo, akkuma fedhii baratichaatti dubbisuu akka baratu akka isa gargaartan itti himuu dandeessu; tarii yeroo booda birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamuutti isa ceesisuu dandeessu. Birooshura isa kamittiyyuu kan fayyadamtan yoo taʼe, baratichi birooshuricha waan fixeef qofa cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu hin dandaʼu. Qayyabannaasaa gara kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamutti ykn barreeffama qayyabannaaf gargaaruufi hubannaa Macaafa Qulqulluu guutuu isaaf kennutti isa ceesisuu qabdu.

8. Barreeffamoota haaraa kana argachuu keessanitti kan galateeffatan maaliifi?

8 Namoonni barabaraaf jiraachuu yoo barbaadan, Qaama uumama cufarratti Olaantummaa qabu dhaggeeffachuu qabu. (Isa. 55:3) Yihowaan, namoota dubbisuu hin dandeenye dabalatee “namni hundinuu” Isa dhaggeeffachuu akka baratu barbaada. (1 Xim. 2:3, 4) Barreeffamoota haaraa namoonni Waaqayyoon akka dhaggeeffatan barsiisuuf itti fayyadamuu dandeenyu argachuu keenyaaf guddaa galateeffanna!

[Saanduqa fuula 3⁠rra jiru]

Akkamitti Raabsamuu Dandaʼu?

Nama haasofsiistu sanatti fuula 2-3 itti argisiisiitii akkas jedhi: “Addunyaa kana fakkaatu keessa jiraachuu hin barbaadduu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Caaffanni Qulqullaaʼoon [ykn kitaabni qulqulluun kun] abdii Waaqayyo yeroo dhihootti addunyaa miidhagduu nagaa qabduufi namni tokkoyyuu hiyyeessa ykn dhukkubsataa hin taane fiduuf qabu ibsa. Bakka akkasii jiraachuuf maal gochuu akka qabnu hubadhu. [Isaayaas 55:3, isa fuula 3 gubbaarratti ibsame dubbisi.] Caqasni kun ‘gara Waaqayyoo akka dhaqnuufi akka isa dhaggeeffannu’ nutti hima. Haataʼu malee, Waaqayyoon kan dhaggeeffannu akkamitti?” Fuula 4-5 baasiitii, deebiisaa irratti mariʼadhaa. Yeroo hin qabu taanaan garuu, birooshuricha kennaafiitii guyyaa deebiisaarratti irratti mariʼattan beellama qabadhaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi