Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Birooshura Haaraa Deddeebii Gaaffii gochuufi Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Akka Nu Gargaaruuf Qophaaʼe
1. Birooshurri haaraan Walgaʼii Koonyaa “Yaadakee Baʼeessa Godhii Eeggadhu!” jedhurratti baʼeefi deddeebii gaaffii gochuufis taʼe qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf akka nu gargaaruu yaadamee qophaaʼe isa kamidha?
1 Walgaʼii Koonyaa “Yaadakee Baʼeessa Godhii Eeggadhu!” jedhurratti, birooshura haaraa deddeebii gaaffii gochuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf nu gargaaru argachuu keenyatti gammanneerra. Birooshurri Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu kun, birooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuufi barumsisaa karaa gabaabaa taʼeen ibsamee wajjin kan wal fakkaatu siʼa taʼu, birooshurri kun birooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu kan bakka buʼedha. Barumsisaa gabaabaa taʼuunsaa, balbalumarra dhaabannee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf nu gargaara. Haataʼu malee, birooshurri Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu ulaagaalee Kiristiyaana tokkorraa barbaadamuufi namni reefu qayyabannaa jalqabe tokko fudhachuun ulfaataa itti taʼuu dandaʼu tokko tokko kan ibsudha. Birooshurri haaraan kun garuu misiraachoo Macaafa Qulqulluu keessatti argamurratti xiyyeeffata.—HoE. 15:35.
2. Birooshura Misiraachoo jedhamu qopheessuun kan barbaachise maaliifi?
2 Birooshura kana qopheessuun kan barbaachise maaliifi? Obboloonni addunyaa maratti argaman barreeffamni salphaan namoota gara dhugaatti harkisuufi gara kitaaba Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf itti fayyadamnu isa duraa, jechuunis gara kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti ceesisu akka isaaniif qophaaʼu gaafachaa turaniiru. Namoonni kitaabaan qayyabachuu sodaatan hedduun, yeroo baayʼee birooshuraan qayyabachuuf caalaatti fedhii qabaatu. Kana malees, birooshura afaan hedduutti hiikuun baayʼee salphaadha.
3. Birooshurri kun barreeffamoota qayyabannaa kaanirraa adda kan taʼe akkamitti?
3 Akkaataa Birooshurri Kun Itti Qopheeffame: Barreeffamoonni qayyabsiisuuf itti fayyadamnu hedduun kan qopheeffaman, namni tokko utuu gargaarsi keenya isa hin barbaachisin ofiisaatiin dubbisee dhugaa hubachuu akka dandaʼuu godhamaniiti. Birooshurri kun garuu addadha. Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu tokko akka qajeelfamaatti akka itti gargaaramuu godhamee kan qopheeffamedha. Kanaaf, yeroo nama tokkoof raabsinu keeyyata tokko ykn lama irratti mariʼachuun keenya gaariidha. Keeyyatawwansaa gaggabaabaa waan taʼaniif, balbala nama sanaarra dhaabannee ykn bakka daldalaasaatti irratti mariʼachuu dandeenya. Barumsa 1ffaarraa jalqabuun gaarii taʼuyyuu, barumsa isa kamirraayyuu jalqabuu dandeenya.
4. Birooshurichi kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa barsiisuuf kan nu gargaaru akkamitti?
4 Barreeffamoota keenya hedduu keessatti, deebiin gaaffii gaafatamee keeyyatasaa keessaa argama. Birooshura kana yommuu qayyabannuu garuu, deebii gaaffiiwwanii irra caalaatti Macaafa Qulqulluurraa arganna. Namoonni hedduun barreeffamoota keenyarraa utuu hin taʼin, Macaafa Qulqulluurraa barachuu barbaadu. Kanaaf, caqasawwan achirratti argaman hundi yaannisaanii waan hin kaaʼamneef Macaafa Qulqulluurraa dubbifamuu qabu. Kunis namoonni qayyabatan sun wanti barachaa jiran Waaqayyo biraa kan dhufe taʼuusaa akka hubatan isaan gargaara.—Isa. 54:13.
5. Namni qayyabannaa geggeessu yeroo qayyabannaa hundumaa dura akka gaaritti qophaaʼuunsaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
5 Birooshurichi caqasawwan hundarratti ibsa hin kennu. Maaliifi? Namni qayyabatu sun gaaffii akka gaafatu, namni qayyabsiisu sunimmoo dandeettii barsiisuusaatti akka fayyadamu jajjabeessuuf yaadamee kan qophaaʼe waan taʼeefidha. Kanaaf, yeroo qayyabannaa hundumaa dura akka gaariitti qophaaʼuun barbaachisaadha. Waan irratti of eeggachuu qabdan: Baayʼee hin dubbatinaa. Caqasawwanirratti ibsa kennuun akka nutti tolu beekamaadha. Haataʼu malee, yeroo baayʼee namni qayyabsiisnu sun yaada caqasa tokkorratti qabu akka ibsu afeeruun caalaatti buʼa qabeessadha. Gaaffiiwwanitti malaan fayyadamuudhaan, hiika tokkoon tokkoon caqasa dubbisnurratti akka yaadu isa gargaaruu dandeenya.—HoE. 17:2.
6. (a) Namoota Waaqayyoofi Macaafa Qulqulluu shakkan yeroo argannu, (b) yeroo manaa gara manaatti tajaajillu, (c) kallattiidhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi (d) deddeebii gaaffii yeroo goonu birooshura kanatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Akkuma barreeffamoota qayyabannaan ittiin geggeeffamu kaanii, birooshurri kunis wanti jiʼa sanatti raabsamu maaliyyuu yoo taʼe, yeroo kamittiyyuu raabsamuu kan dandaʼudha. Babalʼistoonni hedduun kallattiidhaan balbalarratti qayyabannaa jalqabsiisuuf itti fayyadamaa jiru. Kana malees, akkuma walgaʼii koonyaarratti ibsame, namoota fedhii argisiisan deebinee yeroo gaafannutti birooshura kanatti fayyadamuun keenya, “hojiin deddeebii gaaffii gochuu caalaatti gammachiisaa akka taʼu gochuu dandaʼa!”—Saanduqoota fuula 7-9rra jiran ilaali.
7. Birooshura kanatti fayyadamuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Qayyabannaan Kan Geggeeffamu Akkamitti? Gaaffii lakkoofsaan ibsameefi qubee fufurdaadhaan barreeffame dubbisuudhaan maree jalqabuu dandeenya. Achiis, keeyyatichaafi caqasoota dalga ciibsaman dubbisaa. Namni sun yaada caqasoota sanaa akka hubatu gargaaruuf malaan gaaffiiwwanitti fayyadamaa. Achiis kutaa ittaanutti darbuu keessan dura, hubachuusaa mirkaneessuuf gaaffii qubee fufurdaadhaan barreeffame isa gaafadhaa. Yeroo muraasaaf deddeebii gaaffii yeroo gootan, gaaffii qubee fufurdaadhaan barreeffame tokko qofarratti mariʼachuun gaarii taʼuu dandaʼa. Yeroo boodammoo, maree keessan dheeressuudhaan guutummaa barumsaarratti gochuu dandeessu taʼa.
8. Caqasa yeroo beeksisnu maal jechuu qabna? Maaliifi?
8 Caqasawwan “dubbisi” jedhan, gaaffii qubee fufurdaadhaan barreeffamee jiruuf kallattiidhaan deebii kan taʼanidha. Yeroo caqasawwan caqastan, “Akka Phaawulos ergamaan barreessetti” ykn “Raajii Ermiyaas dubbate hubadhu” jechuurraa of qusadhaa. Namni sun tarii wanta namoonni barreessan kan dubbisaa jirru itti fakkaachuu dandaʼa. Kanaa mannaa, “Akka Dubbiin Waaqayyoo jedhutti” ykn “Raajii Macaafni Qulqulluun dubbatu hubadhu” jechuu qabna.
9. Yeroo qayyabannaatti caqasawwan hundi dubbifamuu qabuu?
9 Caqasawwan caqasaman hunda dubbisuu qabnamoo, isa “dubbisi” jedhu qofa dubbisuu qabna? Kun haalawwanirratti kan hundaaʼedha. Caqasawwan hundi kan caqasaman yaannisaa Macaafa Qulqulluurraa bakka kamitti akka argaman ibsuufidha. Tokkoon tokkoonsaanii odeeffannoo irratti mariʼatamuu qabu kan qabatanidha. Yeroo tokko tokko garuu, namni qayyabatu sun yeroofi fedhii kan hin qabne ykn dandeettii dubbisuu kan hin qabne yoo taʼe, caqasawwan “dubbisi” jedhu qofa dubbisuu filattu taʼa.
10. Qayyabannicha gara kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti ceesisuu kan dandeenyu yoomi?
10 Qayyabannichi Gara Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti Kan Ceesifamu Yoomi? Yeroo hedduudhaaf maree yoo gooneefi sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa taʼe geggeessaa jirra yoo taʼe, gara kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti ceesisuu ykn birooshura Misiraachoo jedhamuun qayyabsiisuu keenya itti fufuu dandeenya. Babalʼistoonni yoom yoo ceesisan gaarii akka taʼu murteessuu qabu. Taanaan kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu boqonnaa isa duraarraa jalqabuu qabnaa? Gama kanaan wanti murtaaʼe hin jiru. Haalli namoota hundumaa garaagaradha. Haataʼu malee, namoonni hedduun matadureema qayyabachaa turaniin walfakkaatu kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluurraa caalaatti gad fageenyaan yoo qayyabatan faayidaa argatu.
11. Birooshura haaraa kana akka gaariitti itti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?
11 Biyya lafaa misiraachoo hin qabne kana keessatti, misiraachoo hundarra caalu, jechuunis misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufte yeroo dhihootti akka dhufuu ibsu lallabuuf mirga guddaa arganneerra! (Mat. 24:14; 2 Phe. 3:13) Namoonni ergaa kana dhaggeeffatan hedduun yaada geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kanaa wajjin akka walii galan amantii guutuu qabna: “Warri nagaa labsanii, fayyina abdachiisanii, ‘Waaqayyoon kee moʼeera’ jedhanii, Xiyoonitti misraachoo himan, tulluu irraan mulʼachuun isaanii maal maal nama gammachiisa!” (Isa. 52:7) Birooshura haaraa kana namoota misiraachoo Waaqayyo biraa dhufe dheebotaniifi naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran gargaaruuf itti haa fayyadamnu!
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Namoota Waaʼee Waaqayyoofi Waaʼee Macaafa Qulqulluu Shakkaniif:
● Naannoowwan tokko tokkotti babalʼistoonni jechoota “Waaqayyo,” akkasumas “Macaafa Qulqulluu” jedhutti fayyadamuunsaanii maree gochuuf gufuu akka isaanitti taʼu hubataniiru. Yeroo kanatti guyyaa jalqabaa dhimmoota namoota yaaddessanirratti, jechuunis barbaachisummaa bulchiinsa gaarii, maatiiwwan gorsa gaarii eessaa argachuu akka dandaʼaniifi wantoota gara fulduraatti dhufanirratti mariʼachuun gaarii taʼuu dandaʼa. Waaqayyo jiraachuusaa beekuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼeefi Macaafa Qulqulluutti amanamuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe erga mariʼannee booda, birooshura Misiraachoo jedhamu itti argisiisuu dandeenya taʼa.
[Saanduqa fuula 8rra jiru]
Yeroo Manaa Gara Manaa Deemnu:
● “Waaqayyo gara fuulduraatti ilmaan namootaatiif maal gochuuf akka jedhu beekuun hammam salphaa akka taʼe sitti argisiisuufan dhufe. Waaqayyo rakkinarraa nu furuu dandaʼa jettee yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Birooshurri kun gaaffii kanaaf Macaafa Qulqulluurraa bakka kamitti deebiisaa argachuu akka dandeessu ibsa. [Birooshuricha itti kenniitii, barumsa 1 keeyyata jalqabaafi Ermiyaas 29:11 dubbisi.] Akka kanarraa hubannutti, Waaqayyo gara fulduraatti waan gaarii nuu gochuuf fedhii qaba jennee yaaduun keenya sirrii mitii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yoo barbaadde, birooshura kana fudhachuu dandeessa. Yeroo ittaanu, gaaffii ‘Waaqayyoo wantoota dhiphinaaf sababii taʼan balleessuudhaan ilmaan namootaatiif boqonnaa kan argamsiisu akkamitti?’ jedhuuf deebii Macaafni Qulqulluun kennurratti mariʼachuu dandeenya.” Namni haasofsiisnu sun yeroo kan qabu taanaan keeyyata lammaffaafi caqasawwan sadan kennaman dubbisuufi irratti mariʼachuu dandeessu. Gaaffii lammaffaa barumsa sana keessatti argamurratti guyyaa kan biraatti mariʼachuuf beellama qabadhaa.
● “Namoonni hedduun keessumaa yeroo rakkoon isaan mudatu kadhannaa ni dhiheessu. Atoo yeroo tokko tokko kadhannaa ni dhiheessitaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Waaqayyo kadhannaawwan hunda kan dhagaʼu sitti fakkaatamoo, kadhannaawwan tokko tokko kan isa hin gammachiisne sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Birooshura gaaffiiwwan kanaaf Macaafa Qulqulluurraa deebii kennu qabadheera. [Birooshuricha itti kenniitii, barumsa 12ffaa keeyyata jalqabaafi caqasawwan “dubbisi” jedhanirratti mariʼadhaa.] Waaqayyo nu dhaggeeffachuuf fedhii kan qabu taʼuunsaa kan nama gammachiisu mitii? Kadhannaarraa guutummaatti faayidaa argachuuf garuu, Waaqayyoon akka gaariitti beekuu nu barbaachisa. [Barumsa 2ffaa baasiitii matadureewwan xixiqqaa itti argisiisi.] Yoo barbaadde birooshura kana siif kennuu nan dandaʼa; guyyaa kan biraattimmoo gaaffiiwwan xiyyeeffannaa namaa harkisan kanaaf Macaafa Qulqulluurraa deebiisaa waliin dubbisuu dandeenya.”
● “Namoota, biyyi lafaa garamitti adeemaa jira laata jedhanii yaaddaʼan haasofsiisaan jira. Haalawwan gara fulduraatti ni fooyyaʼu jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun Macaafni Qulqulluun misraachoo abdii kennu kan qabate taʼuusaa yeroo baratan baayʼee dinqisiifatu. Gaaffiiwwan, deebiisaanii Macaafa Qulqulluurraa argannu tokko tokko asirratti ibsamaniiru.” Birooshuricha itti kenniitii, gaaffiiwwan fuula dhumaarra jiran keessaa gaaffii xiyyeeffannaasaa harkisu tokko akka filatu isa afeeri. Achiis gara barumsa inni filatee dhaqiitii qayyabannaa jalqabsiisi. Gaaffiiwwan barumsichaa ittaananirratti mariʼachuuf beellama qabadhaa.
[Saanduqa fuula 9rra jiru]
Kallattiidhaan Afeeruuf Yaalaa:
● “Akkaataa Macaafa Qulqulluu itti qayyabachuu dandaʼamu haaraa sitti himuufan dhufe. Birooshurri kun barumsawwan 15 gaaffiiwwan baayʼee barbaachisaa taʼaniif Macaafa Qulqulluu keerraa bakka kamitti deebiisaa akka argattu kan ibsudha. [Qola fuulduraafi dhumaa itti argisiisi.] Atoo Macaafa Qulqulluu hubachuuf yaaltee beekaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barumsawwan kun hangam salphaa akka taʼan mee sittan argisiisa. [Gaaffii 3ffaa keeyyata jalqabaarratti mariʼadhaa; achiis Mulʼata 21:4, 5 dubbisaa. Mijaaʼaa taanaan, keeyyata ittaanuufi caqasawwan “dubbisi” jedhanirratti mariʼadhaa.] Yoo barbaaddee, birooshura kana siif kennuu nan dandaʼa. Yeroo tokkollee taʼu Macaafa Qulqulluu qayyabattee akka ilaaltu si jajjabeessina. Yoo sitti tole itti fufuu dandeessa. Yeroo ittaanutti barumsa isa jalqabaarratti mariʼachuu dandeenya. Fuula tokkittii qofa akka taʼe hubadhu.”
[Saanduqa fuula 9rra jiru]
Yeroo Deddeebii Gaaffii Gootan Beeksisaa:
● Nama fedhii argisiise tokkoof deddeebii gaaffii yeroo gootan akkas jechuu dandeessu: “Lammata wal arguu keenyatti gammadeera. Birooshura gaaffiiwwan xiyyeeffannaa namaa harkisan hedduudhaaf Macaafa Qulqulluurraa deebii kennu kana sii fideera. [Birooshuricha itti kenniitii, fuula dhumaa akka ilaalu isa afeeri.] Matadureewwan kana keessaa caalaatti xiyyeeffannaakee kan harkise isa kamidha? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis barumsa inni filate bira dhaqi.] Birooshurri kun deebii Macaafa Qulqulluun kennu argachuuf akkamitti akka si gargaaru sittan argisiisa.” Keeyyata tokko ykn lamaafi caqasawwan “dubbisi” jedhanirratti mariʼachuudhaan qayyabannaa jalqabaa. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuun hangam salphaa akka taʼe hubattanii! Birooshuricha kennaafiitii, deebitanii dhaquuf beellama qabadhaa. Barumsicha yeroo xumurtan, barumsa namni sun filate kan biraarratti ykn birooshuricha jalqabaa kaastanii irratti mariʼachuu dandeessu.