Sagantaa Torban Ebla 1 Jalqabu
TORBAN EBLA 1 JALQABU
Faarfannaa 38fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 4 key. 1-8fi ful. 36 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Luq. 7-9 (Daq. 10)
Lakk. 1: Luq. 7:18-35 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Sabni Haaraan Guyyaa Phenxeqosteetti Dhalate Isa kamidha? Kaayyoonsaahoo Maalidha?—Gal. 6:16; 1 Phe. 2:9 (Daq. 5)
Lakk. 3: Dhiifama Gochuu Kan Qabnu Maaliifi?—lr boq. 14 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Eblaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Kitaaba Waggaa 2013tti Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa. Mareedhaan kan dhihaatu. “Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame” irra deebiʼi. Obboloonni muuxannoo nama jajjabeessuufi Kitaaba Waggaa kanarraa argatan akka dubbatan dursii qopheessi. Dhaggeeffattoonni gabaasa addunyaa maraa keessaa wanta isaan dinqisiise akka dubbatan afeeri. Hundisaanii Kitaaba Waggaa kana dubbisanii akka xumuran jajjabeessuudhaan kutaakee xumuri.
Faarfannaa 28fi Kadhannaa