Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman, Bitootessaafi Ebla: Barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka fedhii namichaatti birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Caamsaafi Waxabajjii: Tiraaktota armaan gadii keessaa tokkoonsaa raabsuu dandeessu: Macaafa Qulqulluutti Amanuu Kan Dandeessu Maaliifi?, Michoonni Keenya Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu?, Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada! ykn Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? Fedhii argisiisnaan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu ykn birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, akkamitti Macaafa Qulqulluu qayyabachuun akka dandaʼamu itti argisiisuu dandeessu.
◼ Ayyaanni Yaadannoo Kibxata, Bitootessa 26, 2013 (Bitootessa 17, 2005) kabajama. Gumiin keessan Kibxata walgaʼii kan qabu yoo taʼe, guyyaa Galma Mootummaatti walgaʼiin hin godhamne garabiraatti walgaʼicha godhachuu dandeessu. Kun kan hin dandaʼamneefi Walgaʼii Tajaajilaa keessan kan isin jalaa hambisu yoo taʼemmoo, qindeessaan qaama jaarsolii kutaawwan gumii keessaniif baayʼee barbaachisaa taʼan, sagantaawwan Walgaʼii Tajaajilaa yeroo gara biraa godhamanirratti sirreeffama gochuudhaan dabalamanii akka dhiheeffaman gochuu dandaʼa. Gumiiwwan daawwataan olaanaa aanaan kan isaan daawwatu taanaan sagantaa walgaʼii guyyaa Kibxataatti godhan guyyaa kan birraatti jijjiiruu dandaʼu.