LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/13 ful. 10
  • Akkaataa Dhiheenyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Dhiheenyaa
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 3/13 ful. 10

Akkaataa Dhiheenyaa

Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru

“Dhimma tokko ilaalchisee yaada ati qabdu si gaaffachuu barbaannee turre. Maqaan Waaqayyoo eenyudha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun maal akka jedhu ilaali.” Barruu Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa kenniifiitii mataduree duubasaarra jiru itti argisiisi; achiis yaada mataduree xiqqaa jalqabaa jala jiru erga waliin ilaaltanii booda, yoo xiqqaate caqasa tokko waliin dubbisaa. Masaraa Eegumsaa sana kenniifiitii gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.”

Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa

Namoonni hedduun waaʼee dhuma biyya lafaa yeroo dubbatan ni dhagaʼama. Atoo dhuma biyya lafaa sodaachuu waan qabnu sitti fakkaataa. [Hanga deebii kennutti eegi.] Mee caqasa tokkon sii dubbisa. [1 Yohannis 2:17 dubbisi.] Akka caqasni kun ibsutti namoonni oolan ni jiraatu. Barruun kun dhuma biyya lafaa ilaalchisee gaaffii namoonni hedduun gaafatan afuriif deebii Macaafni Qulqulluun kennu qabateera.”

Dammaqaa! Amajjii-Bitootessa

“Yaada maatiiwwan fayyadu tokko namootatti himaa jirra. Maatiiwwan yaada Yesus caqasa kanarratti dubbate hojiirra oolchuunsaanii barbaachisaa sitti fakkaataa? [Hojii Ergamootaa 20:35a dubbisiitii hanga deebii kennutti eegi.] Biyya lafaa namoota ofittoo taʼaniin guutame kan keessatti ijoollee amala ofittummaarraa walaba taʼe qaban guddisuun baayʼee rakkisaadha. Matadureen kun karaa maatiiwwan ijoolleensaanii namoota kaaniif kan yaadan akka taʼan godhanii guddisuu itti dandaʼan ibsa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi