Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii
“Namoonni addunyaarra jiran, Maariyaam haadha Yesus ilaalchisee ilaalcha addaddaa qabu. Atoo ilaalcha akkamii qabda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun, seenaa keessatti iddoo guddaa Maariyaam qabdu ni dubbata. [Luqaas 1:30-32 dubbisi.] Barruun kun fakkeenyasheerraa maal barachuu akka dandeenyu ibsa.”
Dammaqaa! Ebla
“Waliif amanamoo ta’uu dhiisuudhaan kan ka’e hiriyoonni gaa’elaa hedduun wal hiiku. Namoonni caqasa kana utuu hojiirra oolchanii gaa’ellisaanii rakkoo akkasiirraa ooluu danda’a jettee yaaddaa? [Maatewos 5:28 dubbisi. Achiis hanga deebii kennutti eegi.] Matadureen kun hiriyoonni gaa’elaa Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan, dhiibbaa waadaa gaa’elaasaanii akka diigan godhurraa fagaachuuf isaan dandeessisu ibsa.” Mataduree fuula 28rra jiru itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii
“Namoonni wanta dogoggora ta’e akka hojjennu dhiibbaa nurraan ga’aa utuu jiranii, wanta sirrii ta’e hojjechuun baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a. Dhiibbaa akkasiitiif akka hin mo’amne wanti nu gargaaru jira jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Fakkeenya 29:25 dubbisi.] Matadureen kun sababiiwwan shanan nama utuu hin ta’in, Waaqayyoon itti sodaachuu qabnu ibsa.” Mataduree fuula 12 jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Caamsaa
“Yeroo har’aa namoonni baay’een seeraan ala qoricha fudhatu. Wanti kanaaf sababa ta’e maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun keessumaa ijoolleen sababa guddaa itti isaan seeraan ala qoricha fudhatan ibsa. [Fakkeenya 13:20 dubbisi.] Barruun kun rakkoo garmalee babal’achaa jiru kanarraa ofiikees ta’e maatiikee akkamitti eeguu akka dandeessu ibsa.”