LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/10 ful. 8
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 5/10 ful. 8

Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii

“Barreeffamoonni tokko tokko, Yesus kan du’e akka Macaafni Qulqulluun jedhutti utuu hin ta’in, fuudhee akkasumas ijoollee godhatee akka ture dubbatu. Kana dhageessee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Waa’ee Yesus dhugaasaa beekuun baay’ee barbaachisaadha. [Yohannis 17:3 dubbisiif.] Barruun kun, wanta Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesus dubbatu sababii itti amanuu dandeenyu ibsa.” Mataduree fuula 26⁠rra jiru itti argisiisi.

Dammaqaa! Caamsaa

Haalli dinagdee kun yeroo dhihootti kan fooyya’u sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baay’een, Macaafni Qulqulluun yeroo rakkisaa ta’e kanatti akkamitti nu gargaaruu akka danda’u hin beekan. [Caqasa mataduree sana keessa jiru tokko dubbisiif.] Barruun kun, gorsi Macaafa Qulqulluu keessa jiru haala dinagdee rakkisaa ta’e mo’uuf akkamitti akka nu gargaaru ibsa.” Mataduree fuula 18⁠rra jiru itti argisiisi.

Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii

“Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif maal akka raawwatu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Mul’ata 21:3, 4 dubbisiif. Achiis, mataduree xiqqaa “Mootummaan kun ilmaan namootaatiif maal godha” jedhuufi fuula 9⁠rra jiru itti argisiisi.] Barruun kun, ilmaan namootaa rakkina keessa jiraniif wanta Mootummaan kun godhu bal’inaan ibsa. Ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde barruu kana siifan kenna.”

Dammaqaa! Waxabajjii

“Jireenyi caalaatti rakkisaa ta’aa kan jiru fakkaata. Kanarratti walii galtaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun, yaanni ani amma sii dubbisu dhiphinni kan dabale maaliif akka ta’e akka ibsu itti dhaga’ama. [2 Ximotewos 3:1 dubbisiif.] Barruun kun, dhiphinni dhiibbaa akkamii akka nurra geessisu ibsa. Akkasumas, dhiphina to’achuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e yaada kenna.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi