Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Hundi keenya jireenya keenya keessatti rakkinni nu mudata. [Rakkina naannoo keessanitti baramaa ta’e tokko tokko caqasi.] Waaqayyo nu gargaaruu kan danda’u sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Caqasa kanarratti Yesus karaa Waaqayyo itti nu gargaaru tokko ibseera. [Luqaas 11:13 dubbisiif.] Barruun kun, hafuurri qulqulluun maal akka ta’eefi akkamitti nu fayyaduu akka danda’u ibsa.”
Dammaqaa! Bitootessa
“Namoonni hedduun Macaafa Qulqulluuf ulfina kan qaban ta’uyyuu, garri caalaansaa namoota yeroo ammaa jiraniif kan fayyadu miti jedhanii yaadu. Atoo maal jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Roomaa 15:4 dubbisiif.] Matadureen kun, kutaawwan Macaafa Qulqulluu yeroo dheeraa dura caafaman, hanga ammaattillee faayidaa kan qaban maaliif akka ta’e ibsa.” Mataduree fuula 28rraa jalqabu itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Barumsi manneen sagadaatti kennamu hundi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun, barumsa sobaatiin gowwoomfamuurraa akka of eeggannu nu akeekkachiisa. [Qolosaayis 2:8 dubbisiif.] Barruun kun, barumsawwan sobaa Dubbii Waaqayyoo wajjin wal faallessan ja’a saaxila.”
Dammaqaa! Ebla
“Wantoota barbaannu hundumaa raawwachuuf yeroo ga’aa akka hin qabaanne nutti dhaga’ama. Atoo yaada kanarratti walii galtaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun gorsa caqasa kanarra jiru gaarii ta’ee argataniiru. [Filiphisiiyus 1:10 dubbisiif.] Barruun kun, yeroo keenya karaa bu’a qabeessa ta’een akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu ilaalchisee yaadawwan hojiirra oluu danda’u ibsa.”