LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/09 ful. 8
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barruulee Raabsuuf Maal Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 2/09 ful. 8

Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

MASARAA EEGUMSAA Amajjii-Bitootessa

“Hayyoonni jireenya maatii keessatti ga’ee guddaa abbootiin raawwatan hubataniiru. Nama tokko abbaa gaarii kan taasisu maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yesus fakkeenyi Abbaasaa hammam akka isa gargaare jabeessee ibseera. [Yohannis 5:19 dubbisiif.] Barruun kun ga’ee abbaan raawwatu ilaalchisee qabxii barbaachisoo ta’an ja’a ibsa.” Mataduree fuula 24⁠rraa jalqabu itti argisiisi.

Dammaqaa! Guraandhalaa

“Namoonni hedduun hireen keenya dursee kan murteeffamedha jedhanii amanu. Atoo maal yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaanni caqasa kanaa filannoo akka qabnu argisiisa. [Keessa Deebii 30:19 dubbisi.] Matadureen kun wanta Macaafni Qulqulluun hiree ilaalchisee dubbatu ibsa.” Mataduree ful. 12⁠rra jiru itti argisiisi.

MASARAA EEGUMSAA Amajjii-Bitootessa

“Abbaan manaafi haati manaa gorsa Macaafa Qulqulluu kana hojiirra utuu oolchanii hariiroon gaa’elasaanii ni cima jettee yaaddaa? [Iyoob 31:1 dubbisiif. Achiis hanga deebii kennutti eegi.] Matadureen kun seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hiriyoonni gaa’elaa waadaasaanii eeganii jiraachuuf isaan gargaaru qabateera.” Mataduree fuula 28⁠rraa jalqabu itti argisiisi.

Dammaqaa! Caamsaa

“Keessumaa yeroo hara’aa haalli dinagdee rakkisaa ta’e kanatti, namoonni hedduun waa’een qarshii isaan dhiphisa. Yaada kanaa wajjin walii galtaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Gorsa gaarii caqasa kanarra jiru hubadhu. [1 Ximotiwos 6:8, 10 dubbisi.] Barruun kun seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu qarshii qabnutti sirriitti fayyadamuudhaan nageenya sammuu argachuuf nu gargaaran tokko tokko ibsa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi