Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Walga’ii koonyaa al 20 godhamerratti lakkoofsi namoota argamanii 14,281 yommuu ta’u, namoonni 296 cuuphamaniiru. Lakkoofsi qajeelchitootaa 1,204 kan ga’e yommuu ta’u, kunis baay’ina haaraadha. Duulli traaktii haaraa Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhu gumiiwwan keenya keessatti akka gaariitti geggeeffamaa jira. Dimshaashumatti deddeebiin gaaffii 85,823 kan godhame si’a ta’u, kunis namoota hedduu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu akka danda’amu argisiisa.