Barruulee Raabsuuf Maal Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Adoolessa-Fulbaana
“Jecha Yesus caqasa kanarratti dubbate ilaalchisee yaannikee maal akka ta’e beekuun barbaada. [Yohannis 3:3 dubbisi.] Lammata dhalachuu jechuun maal jechuudha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Jecha Yesus dubbate ilaalchisee hubannoo sirrii argachuun jireenya keenya ammaas ta’e abdii keenya gara fuulduraarratti dhiibbaa qaba. Barruun kun waa’ee kanaa ibsa.”
Dammaqaa! Hagayya
“Wantoonni jireenya keessatti nama mudatan tokko tokko du’a warraa caalaa baay’ee nama miidhu. Yaada kana wajjin walii galtaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun caqasa Macaafa Qulqulluu kan akka Mul’ata 21:4tiin jajjabina argataniiru. [Dubbisi.] Matadureen kun haalli akkasii yommuu nama mudatu, caalaattimmoo dargaggoonni akkamitti miira kana mo’uu akka danda’an ibsa.” Mataduree fuula 10rra jiru itti argisiisi.
MASARAA EEGUMSAA Adoolessa-Fulbaana
“Akkaataa guddina ijoolleefi maatii gaarii qabaachuudhaan milkaa’uu ilaalchisee, namoonni baay’een gorsa argachuun isaan gammachiisa. Dhimma kana ilaalchisee gorsi gaariin eessaa argamuu danda’a jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun madda gorsa amansiisaa ta’e tokkoof badaa xiyyeeffannaa hin kennan. [2 Ximotewos 3:16 dubbisiif.] Barruun kun Macaafa Qulqulluutti amanamuu kan qabnu maaliif akka ta’eefi fakkeenyota macaafni kun gorsa gaarii akka qabate argisiisan ibsa.”
Dammaqaa! Fulbaana
“Baroota darban caalaa yeroo har’aa dargaggoonni rakkoowwan baay’ee qabu jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun caqasni kun bara ammaa akka gaariitti akka ibsu isaanitti dhaga’ama. [2 Ximotewos 3:1 dubbisi.] Barruun kun seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra ooluu danda’an tokko tokko, warraafi dargaggoonni rakkoowwan kana akka mo’an isaan gargaaru ibsa.”