Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii
“Barreeffamoonni tokko tokko, Yesus kan du’e akka Macaafni Qulqulluun jedhutti utuu hin ta’in, fuudhee akkasumas ijoollee godhatee akka ture dubbatu. Kana dhageessee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Waa’ee Yesus dhugaasaa beekuun baay’ee barbaachisaadha. [Yohannis 17:3 dubbisiif.] Barruun kun, wanta Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesus dubbatu sababii itti amanuu dandeenyu ibsa.” Mataduree fuula 26rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Ebla
Faarfannaa 37:9-11 dubbisi. Achiis akkas jedhii gaafadhu: “Yeroo kun raawwatamu addunyaan maal fakkaata jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Baruun kun waa’ee abdii nama jajjabeessu kanaa ibsa; akkasumas yeroo har’aa hammeenyi addunyaarra kan guute maaliif akka ta’e ibsa.” Mataduree fuula 20rra jiru itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii
“Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif maal akka raawwatu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Mul’ata 21:3, 4 dubbisiif. Achiis, mataduree xiqqaa “Mootummaan kun ilmaan namootaatiif maal godha?” jedhuufi fuula 9rra jiru itti argisiisi.] Barruun kun, ilmaan namootaa rakkina keessa jiraniif wanta Mootummaan kun godhu bal’inaan ibsa. Ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde barruu kana siifan kenna.”
Dammaqaa! Caamsaa
“Namoonni hedduun tamboo xuuxuu dhiisuu kan barbaadan ta’us, kana gochuun baay’ee isaanitti ulfaata. Nama araada kanarraa walaba ta’uu barbaadu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni tokko tokko, michoonniifi maatiinsaanii akka isaan gargaaran gaafachuunsaanii isaan fayyadeera. [Lallaba 4:12a dubbisiif.] Barruun kun, namni tokko tamboo xuuxuu akka dhaabu gargaaruuf yaadawwan isa fayyadan tokko tokko qabateera.”