Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Hayyoonni jireenya maatii keessatti ga’ee guddaa abbootiin raawwatan hubataniiru. Nama tokko abbaa gaarii kan taasisu maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yesus fakkeenyi Abbaasaa hammam akka isa gargaare jabeessee ibseera. [Yohannis 5:19 dubbisiif.] Barruun kun ga’ee abbaan raawwatu ilaalchisee qabxii barbaachisoo ta’an ja’a ibsa.” Mataduree fuula 24rraa jalqabu itti argisiisi.
Dammaqaa! Amajjii
“Namoonni hedduun rakkoowwan gaafa isaan mudatan Waaqayyo akka isaan adabaa jiru itti dhaga’ama. Atoo akkas sitti dhaga’amee beekaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yaaqoob 1:13 dubbisiif.] Matadureen kun maddi rakkoowwanii maal akka ta’eefi rakkoowwan kunis dhihootti akka badan maaliif amanamuu akka dandeenyu ibsa.” Mataduree fuula 28rraa jalqabu itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Abbaan manaafi haati manaa gorsa Macaafa Qulqulluu kana hojiirra utuu oolchanii hariiroon gaa’elasaanii ni cima jettee yaaddaa? [Iyoob 31:1 dubbisiif. Achiis hanga deebii kennutti eegi.] Matadureen kun seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hiriyoonni gaa’elaa waadaasaanii eeganii jiraachuuf isaan gargaaru qabateera.” Mataduree fuula 28rraa jalqabu itti argisiisi.
Dammaqaa! Guraandhalaa
“Wantoonni lafarra jiran hundumtuu lubbu qabeeyyiin akka jiraataniif uumamuusaanii argisiisa. Wantoonni kun akka tasaa kan dhufanmoo Uumaa tokkoon uumamuusaanii kan argisiisan sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baay’een yaada Macaafa Qulqulluu kana ni amanu. [Achiis Faarfannaa 104:24 dubbisiif.] Barruun kun Uumaa ilaalchisee ragaa saayinsiifi Caaffata Qulqullaa’aa kenna.”