Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Hundi keenya jireenya keenya keessatti rakkinni nu mudata. [Rakkina naannoo keessanitti baramaa ta’e tokko tokko caqasi.] Waaqayyo nu gargaaruu kan danda’u sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Caqasa kanarratti Yesus karaa Waaqayyo itti nu gargaaru tokko ibseera. [Luqaas 11:13 dubbisiif.] Barruun kun, hafuurri qulqulluun maal akka ta’eefi akkamitti nu fayyaduu akka danda’u ibsa.”
Dammaqaa! Guraandhala
“Namoonni tokko tokko Uumaatti kan amanan yommuu ta’u, kaanimmoo amantiin akkasii ilaalcha saayinsiirraa akka fagaateefi sirrii akka hin taane itti dhaga’ama. Ati kanarratti yaada maalii qabda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, amantii dhugaan ragaarratti kan hundaa’e ta’uu qaba. [Ibroota 11:1 dubbisiif.] Matadureen kun, ragaawwan Uumaatti amanuuf nu dandeessisan tokko tokko caqasa.” Mataduree fuula 22rraa jalqabu itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Barumsi manneen sagadaatti kennamu hundi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun, barumsa sobaatiin gowwoomfamuurraa akka of eeggannu nu akeekkachiisa. [Qolosaayis 2:8 dubbisiif.] Barruun kun, barumsawwan sobaa Dubbii Waaqayyoo wajjin wal faallessan ja’a saaxila.”
Dammaqaa! Bitootessa
“Akkuma namoota hedduu atis bareedina uumamaa ni dinqisiifatta ta’a. Uumamni Uumaa ogeessa akka qabu kan argisiisuu ta’uusaa walii hin galtuu? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Faarfannaa 104:24 dubbisiif.] Barruun kun, fakkeenyawwan ogummaa uumamaa kan caqasu ta’uusaarrayyuu, uumamawwan kun maal akka nu barsiisan ibsa.”