Guddina Tajaajilarraa Argame
Waggaan tajaajilaa haaraa lakkoofsa qajeelchitootaa olaanaa 1,192 ta’aniin jalqabeera. Sa’aatiin tajaajilaa dimshaashaan (219,098) gaabaafame harka dhibba keessaa 8 si’a ta’u, kunis isa bardheengaddaa ni caala. Waggaa darbe namoonni 27 gumiiwwan keenya keessaatti dubbisuufi barreessuu barataniiru. Gumiiwwan 162fi tuutawwan 39 ga’uunsaaniis baay’ee nu gammachiisa. Ji’oota darbanitti Duukam, Allaawarkee (naannoo Tuulaa), Waldiyaafi Finfinneettimmoo Yararitti Galmawwan Mootummaa ijaaramanii xumuramaniiru. Dimshaashumatti Galmawwan Mootummaa biyyicha keessatti argaman 118 ta’aniiru. Bu’aa gaarii argame kanatti kan gammannu si’a ta’u, fuulduraattis walga’iiwwan koonyaafi Duula Tiraaktii Addaa Raabsuuf godhamurraa oduu nama gammachiisu akka dhageenyu abdanna.