Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Hundi keenya jireenya keenya keessatti rakkinni nu mudata. [Rakkina naannoo keessanitti baramaa ta’e tokko tokko caqasi.] Waaqayyo nu gargaaruu kan danda’u sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Caqasa kanarratti Yesus karaa Waaqayyo itti nu gargaaru tokko ibseera. [Luqaas 11:13 dubbisiif.] Barruun kun, hafuurri qulqulluun maal akka ta’eefi akkamitti nu fayyaduu akka danda’u ibsa.”
Dammaqaa! Amajjii
Hojii Ergamootaa 17:31a dubbisiif. Achii akkas jedhi: “Namoonni baay’een, Guyyaa Firdii yeroo jedhamu waan gadheetu sammuusaaniitti dhufa. Atoo guyyaa kanaaf ilaalcha akkamii qabda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun Guyyaan Firdii lafaaf eebba hedduu akka fidu barsiisa. Barruun kun dhimma kanarratti ibsa kenna.” Mataduree fuula 10rraa jalqabu itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessa
“Barumsi manneen sagadaatti kennamu hundi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun, barumsa sobaatiin gowwoomfamuurraa akka of eeggannu nu akeekkachiisa. [Qolosaayis 2:8 dubbisiif.] Barruun kun, barumsawwan sobaa Dubbii Waaqayyoo wajjin wal faallessan ja’a saaxila.”
Dammaqaa! Guraandhala
“Yeroo har’aa hiriyaa gaa’elaa wajjin wal hiikuun kan baramedha. Hiriyoonni gaa’elaa hundi wal hiikuusaanii dura dhimmawwan kanaa wajjin wal qabatanirratti kan yaadan sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Fakkeenya 14:15 dubbisiif.] Barruun kun, wantoota hiriyoonni gaa’elaa wal hiikuu barbaadan irratti yaaduu qaban afur ibsa.”