Torban Guraandhala 8 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 8 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 3 key. 8-15, saanduqa ful. 30rra jiru
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 11-14
Lak. 1: Abo. 13:1-14
Lak. 2: Jecha Yesus Luqaas 16:9-13rratti Argamurraa Maal Baranna?
Lak. 3: Gaa’elaaf Qophoofteettaa? (fy ful. 13-15 key. 1-6)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Gaaffiiwwan Ayyaana Waggaa Ilaalchisee Ka’an Deebisuu. Kitaaba Ragaa Dhiheessuu matadureewwan lamaan fuula 178fi 179rraa jiranirratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Ayyaanonni waggaa naannoo keessanitti kabajaman kamfa’i? Ayyaana waggaa tokko ilaalchisee, yoomiifi eessatti dhugaa ba’uu dandeessu? Abbaan ykn haati tokko, mucaansaanii gaaffii, Isin Ayyaana Faasikaa kan hin kabajne maaliifi? jedhuuf deebii akka kennu yeroo isa shaakalsiisan kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 20: “Waraqaan Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Addunyaa Maratti Ni Raabsama!” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 2rratti mari’achuu keessan dura, isin ga’eera taanaan hundisaanii waraqaa afeerrii koppii mataasaanii akka argatan godhi; achiis, bifawwan addaddaa waraqaan afeerrii sun qabu ibsi. Keeyyata 2rratti erga mari’attanii booda, babal’isaan tokko akkaataa waraqaan afeerrii kun itti raabsamu ilaalchisee hojiin argisiisa akka dhiheessu godhi. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa ykn jaarsi kan biraan, qophiiwwan dabalataa duula tajaajilaa tibba Ayyaana Yaadannootiif godhaman akka ibsu gaafannoo godhiif.