Sagantaa Torban Guraandhala 9 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 9 JALQABU
Faarfannaa 15 (127)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
fy boq. 1 key. 21-23 fi saanduqa; boq. 2 key. 1-3
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uumama 25-28
Lak. 1: Uumama 25:1-18
Lak. 2: Hammeenyi Eessaa Dhufe (bh boq. 3 key. 1-10)
Lak. 3: Carraaqqiin Namootaa Furmaata Argamsiisuu Kan Hin Dandeenye Maaliifi? (rs ful. 154 key. 1-6)
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 26 (212)
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 8: Waraqaa Afeerrii Gumii. Qabiyyeefi akkaataa itti waraqaan afeerrii kun raabsamu ilaalchisee haasawaadhaan kan dhihaatu. Waraqaan kun namoota hamma tokko fedhii argisiisan hundaaf kennamuu qaba. Manaa manaatti yeroo tajaajilluufi deddeebii gaaffii yeroo goonu akkamitti akka itti fayyadamnu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 10: Muuxannoo Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuudhaan Argame. Ji’a darbe Sanbadduraafi Dilbata qayyabannaa Macaafa Qulqulluu namoota afeeruun itti taasifametti muuxannoo argame dubbadhu. Guyyaa addaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu itti namoota afeerrurratti hundumtuu akka hirmaatan jajjabeessi.
Daq. 12: “Duula Addaa Ayyaana Yaadannoorratti Namoota Afeeruuf Taasifamu!” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Waraqaa afeerrii koppii tokko tokko dhaggeeffattootaaf akka kennamu gochuudhaan qabiyyeesaa ibsi. Waraqaan kun akka itti raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Faarfannaa 17 (187)