Duula Addaa Ayyaana Yaadannoorratti Namoota Afeeruuf Taasifamu!
1. Bitootessa 21, 2009 kaasee babal’istoonni Mootummichaa maalirratti hirmaatu? Maaliif?
1 Kamisa, Ebla 9, 2009, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman jaalala guddaa Yihowaan ilmaan namootaatti argisiise yaadachuuf walga’u. (Rom. 5:6-8) Namoonni fedhii qabaniifi miliyoonaan lakkaa’aman Ayyaana Yaadannoo du’a Yesus kabajuuf akka nuu wajjin argaman hawwii guddaa qabna. Bitootessa 21 kaasee waraqaan addaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo addunyaa maratti raabsama.
2. Waraqaa afeerrichaa ennaa namootaaf kenninu qabxiilee kam yaadachuu qabna?
2 Qabxiilee Yaadachuu Qabnu: Fakkii, gaaffileefi caqasa waraqaa afeerichaarra jiran akka gaariitti itti fayyadamaa. Fakkeenyaaf, fakkii qolasaarra jiru itti argisiisuudhaan akkas jechuu dandeessu: “Kamisa Bitootessa 9, 2009 Ayyaana du’a Yesus kabajnurratti akka argamtu si afeeruun barbaada.” Achiis mataduree waraqaa afeerrichaafi gaaffilee ittaansanii jiran itti argisiisi. Namni haasofsiiste maatiisaafi namoota kan biraa wajjin ayyaanicharratti argamuu akka danda’u ibsiif.
3. Namoota duula kanarratti waraqaa afeerrii kennitaniif hordofuu kan dandeessan akkamitti?
3 Gumiin keessan naannoo tajaajilaa bal’aa kan qabu taanaan, namoota manatti hin argamneef waraqaa kana kaa’uu akka dandeessan jaarsoliin isinitti himuu danda’u. Sanbadduraafi Dilbata waraqaa afeerrii cinatti barruulees raabsaa. Namoota deddeebii gaaffii gootaniif, warra Macaafa Qulqulluu wajjin qayyabattan, firoota, warra wajjin barattan, warra wajjin hojjettan, ollaawwaniifi namoota beektan kan biroo afeeruuf kaayyoo baafadhaa. Bardheengaddaa obboleettiin tokko firootashee kan ta’an namoota 30 kan afeerte si’a ta’u, ayyaana kanarratti argamuun barbaachisaa akka ta’e yeroo yeroodhaan isaan yaadachiisti turte. Namoota afeerte keessaa 25 kan argaman si’a ta’u, isaan keessaa 4 qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuunsaanii ishee gammachiiseera.
4. Karoorri ammaa kaasnee baafachuu qabnu maalidha? Maaliif?
4 Ammuma Karoora Baafadhaa: Babal’istoonni hedduun Bitootessaafi Eblatti tajaajilarratti hirmaannaa guddaa gochuu danda’u ta’a. Ijoollee ykn nama Macaafa Qulqulluu wajjin qayyabattaniifi guddina argisiisaan qabdu taanaan, yeroon kun babal’istoota hin cuuphamne ta’uuf carraa gaarii isaanii ta’a. Duula addaa yaadannoo jaalala guddaa lama nutti argisiifamerratti namoonni akka argaman taasifamurratti guutummaatti hirmaachuuf yeroon qophii itti goonu ammadha.—Yoh. 3:16; 15:13.