Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee
“Namoonni hedduun Uumaa isa Hundumaa dandaʼu Waaqa jedhanii waamu. Macaafni Qulqulluun maqaa Waaqayyo beekuun barbaachisaa taʼuusaa akka ibsu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 91:14 dubbisiif.] Barruun kun, maqaan Waaqayyoo hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko keessaa kan baafame maaliif akka taʼeefi Waaqayyoon maqaasaatiin beekuu jechuun maal jechuu akka taʼe ibsa.”
Dammaqaa! Bitootessa
Dargaggeessa tokko yoo argatte mataduree fuula 26rra jiru itti argisiisi. Mataduree xiqqaa isa jalqabaa itti argisiisiitii akkas jedhii isa gaafadhu: “Maal sitti fakkaata, yaanni kun dhugaamoo dhugaa miti? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 2 Qorontos 7:1 dubbisiif.] Barruun kun sijaaraa xuuxuu ilaalchisee wanta beekuu si barbaachisu dabalatee akkamitti araada kana dhaabuun akka dandaʼamu ibsa.”
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee
“Namoonni gammachuu argachuuf maal gochuu qabu jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Maatewos 5:3 dubbisiif.] Yaanni kun wantoota Yesus gammachuu argamsiisu jedhee dubbate keessaa isa tokko qofadha. Matadureen kun, gammachuu dhugaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalchisee Yesusirraa maal akka barannu ibsa.” Mataduree fuula 26rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Ebla
“Michuu jaallatan duʼaan dhabuun rakkoo guddaa jireenya keessatti nama mudatudha utuu jedhamee irratti walii hin galtuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun gorsi kun gaarii akka taʼe hubataniiru. [Faarfannaa 55:22 dubbisiif.] Barruun kun baʼaa keenya Waaqayyoorra kaaʼachuu dabalatee gadda nutti dhagaʼmu akkamitti moʼuu akka dandeenyu ibsa.”