LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/11 ful. 6
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2011
Tajaajila Mootummaa—2011
km 3/11 ful. 6

Beeksisa

◼ Barreeffamoota raabsaman Bitootessa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Eblaafi Caamsaa: Barruulee; Waxabajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?

◼ Naannoo keenyatti namoonni lammii Chaayinaa taʼan baayʼachaa waan dhufaniif, xiyyeeffannaa guddaa isaanii kennuu barbaanna. Kanaaf, barreeffamoota qabnu keessaa tiraaktota tokko ajajattan isin gaafanna. Tiraaktonni armaan gadii yeroo ammaatti nu harkatti argamu: T-23 (Yihowaa), T-26 (Waaʼee Macaafa Qulqulluu Beekuu), T-27 (Rakkina), T-75 (Rakkinni Ni Hafaa Laata?, warra Budihiistotaaf qophaaʼe). Tiraaktonni armaan gaditti caqasaman sadan kun namoota afaan Chaayinaa dubbatan gargaaruuf kan qophaaʼanidha: Ee Saatisfaayiing Laayif—Haawu tuu Atteeyin Iit (la), Laastiing Piis endi Haappiinas—Haawu tuu Faayindi Zam (pc, warra Buudihiistotaaf kan qophaaʼe), Za Paazweey tuu Piis endi Happiinas (ph, warra Buudihiistootaaf kan qophaaʼe).

◼ Nama afaan Chaayinaa dubbatuuf yommuu dhugaa baatan buukleetii Misraachoo Saba Hundaaf Taʼu jedhamurraa afaan Chaayinaa (Tiraadiishinaal) (CH) fi afaan Chaayinaa (Siimpiliifaayid) (CHS) jedhaman keessaa isa kam akka dubbisu isa gaafadhaa. Akka walii galaatti namoonni Hoongi Koongii ykn Taayiwaanii dhufan barreeffamoota afaan Chaayinaa (Tiraadiishinaal) (CH) jedhamu dubbisuu kan filatan siʼa taʼu, namoonni Chaayinaadhaa dhufan garuu afaan Chaayinaa (Simpilifaayid) (CHS) jedhamu dubbisuu filatu. Viidiyoowwan ykn kaassettoota yommuu kennituuf garuu namichi afaan isa kam akka dubbatuufi akka hubatu tilmaama keessa galchuun keessan gaariidha. Akka walii galaatti namoonni Chaayinaafi Taayiwaanii dhufan afaan Chaayinaa isa (Maandaariin) (CHM) jedhamu kan hubatan siʼa taʼu, namoonni Hoongi Koongii dhufan garuu afaan Chaayinaa isa (Kaantoonees) (CHC) jedhamu hubatu.

◼ Namoota biyya Chaayinaa qaamaanis taʼe teessoosaanii yoo argattan namoota kana hordofanii gargaaruuf qophiin akka godhamutti teessoosaanii gara waajjira dameetti erguun keessan gaariidha. Kana gochuufimmoo foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamutti fayyadamuun keessan gaariidha. Barbaachisaa yoo taʼe barreessaan gumii keessanii isin gargaaruu dandaʼa.

◼ Gumiiwwan hanga yoonaatti saanduqa babalʼistoonni foormiiwwan tajaajilaaf isaan gargaaran S-4, S-8fi S-43 keessaa fudhatan hin qabne saanduqa kana akka hojjechiistan isin jajjabeessina.

◼ Sagantaan viidiyoo Dhugaa Baatota Yihowaa— Warra Misiraachicha Lallabuuf Gurmaaʼan jedhamu Walgaʼii Tajaajilaa jiʼa Hagayyaatti irratti mariʼanna. Barbaachisaa yoo taʼe, daftanii karaa gumii keessanii ajajachuu dandeessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi