Sagantaa Torban Ebla 4 Jalqabu
TORBAN EBLA 4 JALQABU
Faarfannaa 43 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
we ful. 26-27fi saanduqa (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iyo. 16-20 (Daq. 10)
Lakk. 1: Iyo. 18:1-21 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Maatewos 1:23 Yesus Yeroo Lafarra Ture Waaqa Akka Ture Mirkaneessaa?—rs ful. 215 key. 1-3 (Daq. 5)
Lakk. 3: Bulchitoonni Waaʼee Keenya Sirriitti Beekan Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Dinqisiifatan Maaliifi?—Rom. 13:3 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Kitaaba Waggaa 2011 Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa. Mareedhaan kan dhihaatu.“Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame” irra deebiʼi. Obboloonni muuxannoo nama jajjabeessuufi Kitaaba Waggaa kanarraa argatan akka dubbatan dursii qopheessi. Dhaggeeffattoonni gabaasa addunyaa maraa keessaa wanta isaan dinqisiise akka dubbatan afeeri. Hundisaanii Kitaaba Waggaa kana dubbisanii akka xumuran jajjabeessuudhaan kutaakee xumuri.
Daq. 15: Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa.
Faarfannaa 45 fi Kadhannaa