Qajeelchaa Taatee Beektaa?
1. Namoonni hedduun mirga akkamii argatanii turan? Haataʼu malee isaan keessaa tokko tokko maal gochuun isaan barbaachiseera?
1 Kanaan dura namoonni kumaan lakkaaʼaman tajaajiltoota yeroo guutuu taʼuudhaan ‘barsiisuufi misraachoo himuudhaaf’ carraa gaarii argatanii turan. (HoE. 5:42) Haataʼu malee, isaan keessaa tokko tokko sababa addaddaatiin qajeelchaa taʼanii tajaajiluu dhiisaniiru. Kanaan dura qajeelchaa taatee tajaajilaa kan turte yoo taʼe, haala amma irra jirtu qoruudhaan ammas qajeelchaa taʼuu akka dandeessu of gamaaggamteettaa?
2. Obboloonni kanaan dura qajeelchaa turan yeroo ammaatti haalasaanii gamaaggamuu kan qaban maaliifi?
2 Haalli Namootaa Ni Jijjiirama: Tarii haalli kanaan dura qajeelchaa taatee tajaajiluukee akka dhaabdu si godhe amma hin jiru taʼa. Fakkeenyaaf qajeelchaa taʼuukee kan dhaabde jiʼatti saʼaatii 90 deebisuu waan dadhabdeef yoo taʼe, amma saʼaatiin kun gara 70tti waan hirʼateef qajeelchaa taʼuukee itti fufuu dandeessaa? Qajeelchaa taʼuukee erga dhaabdee booda hojiinkee ykn itti gaafatamummaan maatii keessatti qabdu hirʼateeraa? Obboleettiin sababii dhibee fayyaatiin qajeelchaa taʼuusaanii dhaaban tokko umrii waggaa 89tti itti deebiʼaniiru. Hospitaala utuu hin galiin waggaa tokko caalaa waan turaniif, deebiʼanii qajeelchaa taʼuu akka dandaʼan itti dhagaʼame.
3. Miseensoonni maatii isaan keessaa namni tokko qajeelchaa akka taʼu akkamitti gargaaruu dandaʼu?
3 Ati qajeelchaa kan hin turre taatuyyuu, maatii keessan keessaa namni qajeelchaa tureefi tarii miseensa maatii keessanii dulloome tokkoof kunuunsa gochuuf qajeelchaa taʼuusaa dhaabe jira taʼa. (1 Xim. 5:4, 8) Yoo akkas taʼe, ati ykn miseensota maatii keessan keessaa tokko obboleessi kun qajeelchaa taʼee tajaajiluusaa akka itti fufuu isa gargaaruu dandeessuu? Dhimma kanarratti maaliif hin mariʼattan? (Fak. 15:22) Miseensoonni maatii isaan keessa namni tokko qajeelchaa akka taʼu yoo gargaaran, hojichaaf gumaacha guddaa akka godhan itti dhagaʼamuu dandaʼa.
4. Yeroo ammaatti deebitee qajeelchaa taʼuu yoo dadhabdellee maal gochuu dandeessa?
4 Haalli amma irratti argamtu qajeelchaa taʼuudhaaf si hin dandeessisu taanaan, abdii hin kutatin. Kana gochuuf of qopheessuunkeellee Yihowaa gammachiisa. (2 Qor. 8:12) Dandeettii yommuu qajeelchaa turtetti argatte tajaajila keerratti itti fayyadami. Fedhii akkamii akka qabdu kadhannaadhaan Yihowaatti himi; akkasumas haala keerratti sirreeffama gochuuf carraawwan argattutti fayyadami. (1 Yoh. 5:14) Tarii yeroo booda, irra deebitee gammachuu qajeelchaa taʼuudhaan argamu akka argattutti Yihowaan ‘hojii guddaadhaa fi hojii waaʼee baasu hojjechuudhaaf karaa siif banuu’ dandaʼa.—1 Qor. 16:9.