Sagantaa Torban Bitootessa 28 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 28 JALQABU
Faarfannaa 45 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
we ful. 25 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iyo. 11-15 (Daq. 10)
Lakk. 1: Iyo. 13:1-28 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Yesus ‘Sanbata Irratti Gooftaadha’ Kan Jennu Maaliifi?—Mat. 12:8 (Daq. 5)
Lakk. 3: Mucaa Didaafi Wantoota Kanaaf Sababii Taʼan—fy ful. 76-9 key. 1-8 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa. Barruulee Eblatti raabsaman caqasi, achiis nama barruulee fudhateef deddeebii gaaffii yeroo goonu, hojiin argisiisni akkamitti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu akka dandeenyu argisiisu tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Gumiittis Taʼe Addunyaa Maratti Hojii Mootummichaa Deggeruu. Haasaa kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu, fuula 127 hanga fuula 129 keeyyata 2rratti hundaaʼee dhihaatu.
Daq. 10: Jiʼa Eblaatti Barruulee Raabsuuf Qophaaʼuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Daqiiqaa tokko ykn lama fudhadhuutii qabiyyee barruulee kanaa ibsi. Achiis mataduree lama ykn sadii filadhuutii dhaggeeffattoonni gaaffiiwwaniifi caqasoota warra kamitti fayyadamanii barruulee kana raabsuu akka dandaʼan gaafadhu. Hojiin argisiisi akkamitti barruulee kana raabsuun akka dandaʼamu ibsu akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: “Qajeelchaa Taatee Beektaa?” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Obboleessi/ttiin qajeelchaa taʼuusaa erga dhaabee booda haallisaa yommuu jijjiiramu deebiʼee/tee qajeelchaa taʼe/taate yoo jiraate/tte gaafannoo gabaabaa godhiif. Babalʼisaan kun deebiʼee qajeelchaa akka taʼu kan isa dandeessise maalidha? Eebbawwan akkamii argateera?
Faarfannaa 6 fi Kadhannaa