LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/11 ful. 3-4
  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
  • Tajaajila Mootummaa—2011
Tajaajila Mootummaa—2011
km 3/11 ful. 3-4

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Dhugaa Baatota Yihowaa Jaallatamoo Hidhata Keenya Taatan:

Yeroon keessa jiraannu kun baayʼee kan nama gammachiisudha! Nuyis gammachuu guddaa qabna! Obboloota jaallatamoo, isinii wajjin ‘harka wal qabanne’ yeroo kamiyyuu Abbaa keenya isa samiitiif dhugaa baʼuun keenya baayʼee nu gammachiisa.—Sef. 3:9; Yoh. 14:12.

Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilla jechuun garuu rakkinni cimaan nu hin mudatu jechuu miti. Waggaa darbe isin keessaa tokko tokko sochoʼa lafaatiin, lolaadhaan, obomboleettiidhaan, akkasumas balaawwan uumamaa kan biraatiin rakkoowwan cimaan isin mudatee ture. (Mat. 24:7) Baayʼeen keessanis dhukkubaafi dulluma nama dadhabsiisuu wajjin guyyaa guyyaadhaan waldhaansoo wal qabaa jirtu. Hundi keenya rakkoowwan garmalee dabalaa adeemaniifi “jalqaba ciniinsuu” wajjin wal fakkaatan dandaʼuun nu barbaachiseera. (Mat. 24:8) Armeeniyaa, Ertiraafi Kooriyaa Kibbaa dabalatee biyyoota hedduutti, obboloonni keenya baayʼeen sababii amantiisaaniitiin hidhamaniiru.—Mat. 24:9.

Rakkoowwan kun kan nu mudatan taʼaniyyuu ilaalcha sirrii akka qabaannu kan nu gargaare maalidha? Caqasni waggaa 2010 ‘Jaalalli hunduma obsa. Jaalalli yoomiyyuu hin badu’ jechuudhaan wanti guddaan kanaaf buʼuura taʼe maal akka taʼe nu yaadachiisa. (1 Qor. 13:7, 8) Eeyyee, jaalalli walii keenyaafis taʼe Yihowaadhaaf qabnu jabaannee akka dhaabannuuf nu gargaara.

Namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan hedduun hojiin lallabaa keenya balʼaafi kan walirraa hin cinne taʼuunsaa isaan dinqisiisa. Namoonni tokko tokko amantiifi barumsa keenyaa kan hin fudhanne taʼanis, “Isin hojii nuyi hojjechuu qabnu hojjechaa jirtu!” jedhanii dubbachuuf kakaʼaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaasaanii utuu walirraa hin kutin akka itti fufan kan isaan dandeessise maalidha? Ammas deebiinsaa, jaalaladha kan jedhudha. Nuyis akkuma Abbaa keenya isa samii, namni tokkoyyuu akka badu hin barbaannu. (2 Phe. 3:9) Fedhiin namni hundumtuu yaada garaasaa akka geddaratuuf qabnu, lakkoofsa babalʼistootaa haaraa 7,508,050 waggaa tajaajilaa darbe gabaasa godhanirratti mulʼateera. Namoota kaan karaa hafuuraa gargaaruuf, fedhiidhaan of dhiheessuudhaan jaarmiyaan amantii tajaajiltoota hedduu qabuufi nuffii tokko malee hojii kana jaalalaan raawwatu garabiraa argachuun ni dandaʼamaa?

Raajiin Isaayaas inni akkas jedhu raawwatamuusaa yeroo itti fufu akka hubannu jajjabeeffamneerra: “Bara booddeetti tulluun manni qulqullummaa inni kan Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata, gaarota hundumaa gararraattis ol in kaʼa; sabni lafa irraa hundinuus gara isaatti in yaaʼu.” (Isa. 2:2-4) Namoota hedduu gara mana Waaqayyootti yaaʼan keessaa namoonni waggaa tajaajilaa darbe cuuphamaniifi lakkoofsisaanii 294,368 taʼu ni argamu. Namoota jaallatamoo maatii keenyatti dabalaman kana gammachuudhaan simanna. Jaalalli isiniif qabnu, namoonni kun Seexana isa diina keenya taʼe akka morman isaan gargaaruu keenya itti haa fufnu.—1 Phe. 5:8, 9.

Ayyaana Yaadannoo Kibxata, Bitootessa 30, 2010 kabajamerratti namoonni 18,706,895 taʼan argamuunsaanii, ammas namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinurratti nu cina hiriiruu akka barbaadan kan argisiisudha. Yihowaan hanga ammaatti sirna biyya lafaa isa haamaa kana utuu hin balleessin hafuusaatti gammaduu qabna! Hanga yeroon sun gaʼutti , jaalalli keenya jabaannee dhaabachuu keenya akka itti fufnu nu gargaara.—2 Tas. 3:5.

Walgaʼiin Koonyaa “Yihowaatti Maxxanaa Jiraadhaa!” jedhuufi addunyaa maratti bara 2010 godhame, waaqeffannaa Yihowaa isa Abbaa keenya isa samiitiif dhiheessinurratti jabina akka argannu nu gargaareera. Faarfatichi, “Sabni gooftichi [“Yihowaan”, NW] Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!” jechuunsaa dhugaadha. (Far. 144:15) Gara fuulduraatti maaliyyuu yoo dhufe, hamma Yihowaan nu wajjin jirutti wanti sodaannu tokkoyyuu akka hin jiraanne mirkanaaʼoodha. (Far. 23:4) Yihowaan yeroo dhihootti, Ilmasaatti fayyadamee ‘hojii Seexanaa ni diiga.’ (1 Yoh. 3:8) Nuyis guyyaa sana hawwii guddaadhaan eegganna! Hammasitti garuu, hojii raawwannu hedduu qabna.—1 Qor. 15:58.

“Yeroo hundumaa” kadhannaa keenya keessatti waaʼee keessan akka caqasnu isiniif mirkaneessuu barbaanna. (Rom. 1:9) “Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!”—Yih. 21.

Hunda keessaan baayʼee isin jaallanna!

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi