Waraqaan Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Ebla 2 Raabsamuu Jalqaba
1. Waggaa kanatti waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo yoom raabsina? Faayidaan duula kanaahoo maalidha?
1 Ebla 2 hanga Ebla 17tti namoonni ayyaana bakki guddaan kennamuuf, jechuunis Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristosirratti akka argaman waraqaa afeerrii raabsina. Waggoottan darbanitti, namoonni fedhii qaban baayʼeen afeerrii kana fudhatanii ayyaana kanarratti argamaniiru. Fakkeenyaaf, guyyaa Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu tokkotti dubartiin tokko gara waajjira dameetti bilbiltee, “Reefu manatti galuukooti. Waraqaa afeerrii balbalakoo jalatti argadheera. Ayyaana kanarratti argamuu nan barbaada; garuu saʼaatii itti godhamu hin beeku” jette. Obboleessi bilbila kaases saʼaatiin walgaʼichi itti godhamu waraqaa afeerrii sanarraa bakka kamitti akka argamu itti hime. Dubartiin sunis “Harʼa galgala ayyaana kanarratti nan argama” jetteen.
2. Yommuu waraqaa afeerrii raabsinu maal jechuu dandeenya?
2 Kana Gochuu Kan Dandeenyu Akkamitti? Naannoo tajaajilaa keenya waliin gaʼuuf yeroon qabnu muraasa waan taʼeef, waan dubbannu gabaabsuun keenya gaariidha. Akkas jechuu dandeenya: “Akkam jirtu. Ayyaana guddaa Dilbata Ebla 17 addunyaa maratti kabajamu tokkorratti maatii keessanii wajjin akka argamtaniif waraqaa afeerrii kana isinii kennuun barbaada. [Waraqaa afeerrii kenniif.] Guyyaan kun guyyaa ayyaanni duʼa Yesus itti kabajamudha. Haasaan, furii Kiristosirraa akkamitti faayidaa argachuu akka dandeenyu ibsuufi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼes ni kennama. Waraqaan afeerrii kun iddoofi saʼaatii walgaʼichi itti godhamu qabateera.”
3. Hamma dandaʼametti namoota hedduu afeeruu kan dandeenyu akkamitti?
3 Naannoon tajaajilaa keessan balʼaa yoo taʼe jaarsoliin waraqaa afeerrii kana utuu warri kaan hin argin namoota manatti hin argamneef akkamitti kaaʼanii deemuun akka dandaʼamu isinitti himuu dandaʼu. Namoota deddeebitee gaafattu, firootakee, namoota wajjin hojjettu, ijoollee wajjin barattu, akkasumas hiriyootakee kaan afeeruu hin irraanfatin. Haallisaa mijaaʼaa yoo taʼe guyyoota dhuma torbaniitti waraqaa afeerrii kanaa wajjin barruulee raabsuuf yaalii godhi. Jiʼa Eblaatti qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan duula nama gammachiisu kanarratti hirmaannaa guddaa gochuu dandeessaa?
4. Namoonni fedha qaban Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman kan barbaannu maaliifi?
4 Guyyaa kanatti namoota ayyaana kanarratti argamaniif akka gaariitti dhugaa baʼuuf carraa arganna! Namoonni kun guyyaa kanatti haasaa waaʼee jaalala Yihowaan furii nuu qopheessuudhaan nutti argisiise ilaalchisee dhihaatu dhagaʼu. (Yoh. 3:16) Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif faayidaa akkamii akka argamsiisus ni baratu. (Isa. 65:21-23) Keessumsiistotatti dhihaatanii qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akka isaaniif godhamu akka gaafatanis afeerraan isaaniif dhihaata. Namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun afeerrii kana fudhatanii Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman Yihowaa kadhanna.