Sagantaa Torban Bitootessa 21 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 21 JALQABU
Faarfannaa 47 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
we ful. 22 key. 3-ful. 24 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iyo. 6-10 (Daq. 10)
Lakk. 1: Iyo. 8:1-22 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Wanti Toomaas Yohannis 20:28rratti dubbate Dhugumaan Yesus Waaqayyo Taʼuusaa Mirkaneessaa?—rs ful. 214 key. 1-3 (Daq. 5)
Lakk. 3: Gorsa Maatewos 10:16rra Jiru Hojiirra Oolchuu Kan Dandeenyu Akkamitti? (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Yommuu Deebii Kennitan Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaa. Maree kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 143-144rratti hundaaʼuudhaan dhihaatu. Gaaffiiwwan babalʼisaan tokko tajaajilarratti gaafatamuu dandaʼu kaasuudhaan hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa isa jalqabaarratti deebii sirrii kan kennu taʼus Macaafa Qulqulluutti hin fayyadamu. Hojiin argisiisa isa lammaffaarratti garuu, Macaafa Qulqulluutti fayyadamee deebii kenna. Dhaggeeffattoonni hojiin argisiisni inni lammaffaan maaliif gaarii akka taʼe akka dubbatan afeeri.
Daq. 15: “Waraqaan Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Ebla 2 Raabsamuu Jalqaba.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Waraqaan afeerrii Ayyaana Yaadannoo tokko tokko dhaggeeffattoota hundaaf akka hiramu erga gootee booda, qabiyyeesaa gabaabsii ibsi. Waraqaa afeerrii kana naannoo tajaajilaa keenya keessatti raabsuuf qophii godhame ibsi. Waraqaa afeerrii kana akkamitti raabsuun akka dandaʼamu ilaalchisee hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 5 fi Kadhannaa