“Atis Qajeelchaa Gaarii Ta’uu Ni Dandeessa!”
1. Obboleettiin tokko qajeelchaa taatee tajaajiluusheetiin maaltu itti dhaga’ame?
1 Kaat Bii. Paalmi, “Hojii baay’ee nama gammachiisuufi karaa hafuuraa nama kiisu akkasii argachuu hin danda’u” jetteetti. Qajeelchaa namootaaf yaaddu taatee, waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif guutummaa Chiilii, magaalaa Ameerikaa Kaabaatti lallabdeetti. Namoonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran jireenya nama kiisu jiraachuusaanii hubachuudhaan, namni tokko “Atis qajeelchaa gaarii ta’uu ni dandeessa!” siin jedheera ta’a.
2. Gammachuu dhugaan sochiiwwan hafuuraarraa argama kan jennu maaliif akka ta’e ibsi.
2 Jireenya Gammachiisaa: Yesus inni fakkeenya nuuf ta’u, jaalala Abbaasaa raawwachuudhaan gammachuu dhugaa argateera. (Yoh. 4:34) Kanaaf, Yesus sochiiwwan waaqeffannaa Yihowaa wajjin walqabatanirratti hirmaachuun, gammachuu dhugaa akka argamsiisu garaa guutuudhaan duuka buutotasaa barsiiseera. Jireenyi keenya, hojiiwwan Yihowaa duratti fudhatama nuuf argamsiisaniin kan guutame taanaan, waan qabnutti gammannee jiraanna. Kana malees, namoota gargaaruuf yeroo, humnaafi qabeenya keenya dabalataan kan kenninu yoo ta’e, gammachuun keenya ni dabala.—HoE. 20:31, 35.
3. Yeroo tajaajilarratti dabarsinu guddisuudhaan gammachuu akkamii argachuu dandeenya?
3 Tajaajilarratti yeroo dheeraa yommuu dabarsinu, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi qayyabsiisuudhaan gammachuu argachuuf carraa hedduun nu banama. Namoonni haasofsiisnu hedduun dantaa kan hin qabne ta’anillee, tajaajilarratti muuxannoofi ogummaa yeroo argannu, naannoon tajaajilaa keenya hamma yaanne caalaa bu’a qabeessa nuu ta’uu danda’a. Qajeelchitoonni, barumsa guddaa gara waggaa tokkoo erga tajaajilanii booda, Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti argatan tajaajilasaaniirratti itti fayyadamuu danda’u. (2 Xim. 2:15) Qajeelchaa taane tajaajiluu keenya yoo itti fufne, sanyii dhugaa yeroo booda ija godhatu facaasu dandeenya.—Lal. 11:6.
4. Dargaggoonni barumsasaanii xumuruu ga’an maalirratti yaaduu qabu?
4 Dargaggoota: Barumsa sadarkaa lammaffaa ennaa xumurtan, yeroo keessan akkamitti akka itti fayyadamtan of eeggannoodhaan irratti yaaddaniittuu? Hanga ammaatti, yeroon keessan irra caalaansaa barumsaan kan qabamedha. Barumsa keessan erga xumurtanii booda, yeroo barumsaaf oolchitan sanatti maal gochuuf karoorfattaniittu? Hojii dhuunfaarratti xiyyeeffachuu mannaa, qajeelchaa ta’uuf galma baafachuuf maaliif kadhannaadhaan irratti hin yaaddan? Namoota sadarkaa guddinaa addaddaa qabaniif lallabuudhaan, gufuuwwan dhuunfaatti isin mudatan mo’uudhaan, of qabuu barachuudhaan, akkasumas dandeettii barsiisuu keessan guddifachuudhaan ogummaan argattan, guutummaa jireenya keessaniitti isin gargaara.
5. Warriifi obboloonni gumii keessa jiran qajeelchaa ta’uu jajjabeessuu kan danda’an akkamitti?
5 Warra kan taatan, ijoolleen keessan tajaajila yeroo guutuu akka filatan gochuuf ga’ee mataa keessanii raawwachaa jirtuu? Dubbiiniifi fakkeenyi keessan inni gaariin, ijoolleen fedhii Mootummichaatiif dursa akka kennan gochuurratti shoora guddaa qaba. (Mat. 6:33) Reey, inni akkuma barumsa sadarkaa lammaffaa xumureen qajeelchaa ta’e, “Haatikoo yeroo hundumaa, qajeelchaa ta’anii tajaajiluun jireenya gammachiisaa hundarra caalu akka ta’e isheetti dhaga’ama ture” jechuudhaan waan yaadatu dubbata. Obboloonni gumii keessa jiran hundi, dubbiifi gargaarsasaaniitiin qajeelchaa ta’uu jajjabeessuu ni danda’u. Joosee inni Ispeen jiraatu akkas jedha: “Obboloonni gumii keenya keessa jiran, qajeelchaa ta’uun hojii gaarii dargaggoonni hojjechuu qaban akka ta’e isaanitti dhaga’ama. Yaanni isaan naa kennan, dinqisiifannaan isaan tajaajila kanaaf qabaniifi gargaarsi naa godhan, qajeelchaa ta’ee tajaajiluun salphaa akka naaf ta’u godheera.”
6. Yeroo ammaatti qajeelchaa ta’uuf fedhii hin qabnu yoo ta’e maal gochuu dandeenya?
6 Wantoota Gufuu Ta’an Mo’uu: Haata’u malee, ‘Ani qajeelchaa ta’uuf fedhii hin qabu’ jetta ta’a. Akkas kan sitti dhaga’amu taanaan, wanta sitti dhaga’amu kadhannaadhaan Yihowaatti akkas jedhii himi: ‘Qajeelchaa ta’uu akkan danda’u hin beeku, garuu wanta si gammachiisu raawwachuun barbaada.’ (Far. 62:8; Fak. 23:26) Achiis, Dubbiifi jaarmiyaasaarraa qajeelfama argachuuf carraaqqii godhi. Qajeelchitoonni hedduun, jalqaba qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan tajaajila qajeelchaa kan ‘mi’eeffatan’ si’a ta’u, gammachuun argatan sunis tajaajila yeroo guutuu keessa akka galan isaan kakaaseera.—Far. 34:8.
7. Ji’atti sa’aatii 70 tajaajiluu danda’uu keenya ilaalchisee shakkii qabnu mo’uu kan dandeenyu akkamitti?
7 Ji’atti sa’aatii 70 tajaajiluu kan dandeessu ta’uukee yoo shakkite maal gochuu dandeessa? Qajeelchitoota haala akka keetii keessa jiran maaliif hin mariisistu? (Fak. 15:22) Achiis sagantaalee si gargaaruu danda’an hedduu barreeffadhu. Sochiiwwan barbaachiisaa hin taane hir’isuudhaan tajaajilaaf yeroo argachuun, hamma dura yaadde caalaa salphaa ta’ee argatta ta’a.—Efe. 5:15, 16.
8. Yeroo yeroodhaan haala keenya qoruu kan qabnu maaliif?
8 Haalakee Irra Deebi’ii Qori: Yeroo baay’ee haalli nama tokkoo ni jijjiirama. Kanaaf yeroo yerootti haala irra jirtu qoruun gaariidha. Fakkeenyaaf, yeroon hojiirraa soorama itti baatu dhihaateera? Raandii, inni utuu yeroonsaa hin ga’in soorama ba’e akkas jedha: “Murtoo kana gochuunkoo haadha manaakoo wajjin qajeelchaa ta’uuf na dandeessiseera; akkasumas bakka babal’istoonni mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqnee tajaajiluuf carraa nuuf baneera. Murtoo kana gochuu kootiin bu’aa hedduu kanan argadhe ta’us, bu’aan hundarra caalu yaada garaa qulqulluu argachuu kooti.”
9. Hiriyoonni gaa’elaa waa’ee maalii yaaduu danda’u?
9 Hiriyoonni gaa’elaa tokko tokko, haalasaanii of eeggannoodhaan erga qoranii booda, lamaansaanii hojii guyyaa guutuu hojjechuun akka isaan hin barbaachisne hubataniiru. Kun maatiin sun jireenya salphaa akka jiraatu kan gaafatu ta’us, wanta aarsaan godhamuufii qabudha. Joon, inni haati manaasaa dhiheenya kana tajaajilashee bal’isuuf jecha hojii guyyaa guutuu hojjettu dhiiste akkas jedha: “Haati manaakoo guyyaa guutuu tajaajila Yihowaatiin qabamtee ooluushee beekuu caalaa wanti na gammachiisu hin jiru.”
10. Kiristiyaanonni qajeelchitoota ta’uuf akka yaadan kan isaan kakaasu maalidha?
10 Jaalalaafi Amantii Akka Qabnu Argisiisa: Yihowaan, hojiin lallabaa hojii barbaachisaa eenyuun keenyayyuu raawwachuu dandeenyu akka ta’u godheera. Sirni moofaa ta’e kun yeroo dhihootti ni balleeffama; namoota maqaa Yihowaa waammatan qofatu oola. (Rom. 10:13) Garaa keenya guutuu kan isa jaallannuufi wanta inni nuu godheef dinqisiifannaa kan qabnu yoo ta’e, ajaja Ilmisaa hinaaffaadhaan akka lallabnu nuu kenneef abboomamuuf kakaana. (Mat. 28:19, 20; 1 Yoh. 5:3) Kana malees, guyyoota gara dhumaa keessa akka jiraannu amanuun keenya, biyya lafaatti guutummaatti fayyadamuu mannaa, yeroo hafe kanatti tajaajilarratti waan dandeenye hunda gochuuf nu kakaasa.—1 Qor. 7:29-31.
11. Namni tokko qajeelchaa gaarii ta’uu akka dandeenyu yoo nutti hime maal gochuu qabna?
11 Qajeelchaa ta’uu jechuun, akkasumaan tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuu qofa miti; Waaqayyoof kan bulle ta’uu keenya karaa itti argisiisnudha. Kanaaf, namni tokko qajeelchaa gaarii ta’uu akka dandeessu yoo sitti hime isa galateeffadhu. Obboloota tajaajila gammachiisaa ta’e kanarratti hirmaatanii wajjin tajaajiluuf kadhannaadhaan irratti yaadi.
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Warra kan taatan, ijoolleen keessan tajaajila yeroo guutuurratti akka hirmaatan gochuuf ga’ee keessan raawwachaa jirtuu?
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Yihowaan, hojiin lallabaa hojii barbaachisaa eenyuun keenyayyuu raawwachuu dandeenyu akka ta’u godheera.