Torban Caamsaa 31 Jalqabu
TORBAN CAAMSAA 31 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 7 key. 10-19, saanduqa ful. 81
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 2 Sam. 16-18
Lak. 1: 2 Sam. 17:1-13
Lak. 2: Yesus “Sanbata Irratti . . . Gooftaa Dha” Kan Jedhame Maaliifi? (Mat. 12:8)
Lak. 3: Gaa’elli Akka Itti Fufuuf, Wanta Barbaachisaa Isa Lammaffaa (fy ful. 30-1 key. 7-10)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: “Yeroo Jalqaba Deebitee Gaafattu, Qayyabannaan Akkamitti Akka Geggeeffamu Itti Argisiisteettaa?” Haasaadhaan kan dhihaatu. Yaada seensaa mataduricha keessa jiru erga ibsitee booda, hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 20: “Warri Haaraan Akka Lallaban Leenjisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 5rratti erga mari’attanii booda, jaarsi tokko babal’isaa haaraa ta’ee wajjin yeroo tajaajilu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Babal’isaa haaraan sun, caqasa utuu hin dubbisin yaada seensaa qofa dubbata. Balbala sanarraa erga deemanii booda, jaarsi sun karaa babal’isaa sana jajjabeessuun malaafi gaarummaadhaan, Macaafa Qulqulluu fayyadamuun gaarii akka ta’e yaada kennaaf.