Warri Haaraan Akka Lallaban Leenjisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
1. Jalqaba yeroo tajaajilarratti hirmaattu maaltu sitti dhaga’amee ture?
1 Yeroo jalqabaa manaa gara manaa itti lallabde ni yaadattaa? Baay’ee sodaattee ta’uu hin oolu. Kan tajaajilte, nama Macaafa Qulqulluu si qayyabsiise ykn babal’isaa kan biraa wajjin yoo ta’e, gargaarsasaa argachuunkee akka si gammachiise homaa hin shakkisiisu. Amma garuu hojii lallabaarratti muuxannoo waan qabduuf, babal’istoota haaraa kaan leenjisuu dandeessa.
2. Babal’istoonni haaraan maal barachuutu isaan barbaachisa?
2 Babal’istoonni haaraan akkamitti nama haasofsiisuu akka jalqaban, Macaafa Qulqulluu akka caqasan, deddeebii gaaffii akka godhan, akkasumas qayyabannaa jalqabsiisuufi geggeessuu akka danda’an barachuun isaan barbaachisa. Kana malees, karaawwan addaddaatiin, jechuunis karaarrattiifi naannoowwan daldalaatti akkamitti akka lallaban barachuu qabu. Fakkeenya ta’uudhaanis ta’e yaada isaanii kennuudhaan, karaa kanaan fooyya’iinsa akka argisiisan gargaaruu dandeessa.
3. Fakkeenya ta’uudhaan warra kaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
3 Fakkeenya Ta’uudhaan Barsiisi: Yesus, akkamitti akka lallaban bartootasaatti argisiiseera. (Luq. 8:1; 1 Phe. 2:21) Babal’isaa haaraa wajjin lallabuuf yommuu yaaddu, yaada seensaa barreeffamoota keenyarratti argaman keessaa tokkotti fayyadamuudhaan, yaada seensaa salphaa inni hordofuu danda’u qophaa’uu dandeessa. Achiis, babal’isaan kun waan ati jettu akka dhaga’u, mana jalqabaa tokko ykn lama ati haasofsiisi. Mana tokkoo gara isa kaanitti yommuu deemtan, gidduutti yaanni seensaakee bu’a qabeessa ta’uusaa ilaalchisee waan hubate akka sitti himu gaafadhu. Kana gochuunkee, warra kaanii wajjin tajaajiluun bu’a qabeessa ta’uusaa akka hubatuufi yaada erga inni nama dubbisee booda isaaf kennitu fudhachuun akka isatti salphatu godha.
4. Babal’isaa haaraa tokko, akkaataa itti nama dubbise erga dhaggeeffannee booda akkamitti isa gargaaruu dandeenya?
4 Yaada Kenniif: Yesus bartoonnisaa akkamitti akka lallaban qajeelfamas isaanii kenneera. (Mat. 10:5-14) Atis babal’isaa haaraa karaa kanaan gargaaruu dandeessa. Yeroo dubbachuun dabareesaa ta’etti sirriitti isa dhaggeeffadhu. Achii erga deemtanii booda, yaanni seensaasaa karaan itti sirreeffamuu qabu akka jiru yoo hubattellee, sababiisaa ibsuudhaan garaadhaa isa galateeffadhu. Yoo barbaadde, yaada kennuukee dura nama itti aanu ennaa dubbisu karaa kanaan jijjiirama gochuusaa ilaaluu dandeessa. Tarii sodaatee ta’uu danda’a. Babal’istoonni hundi dandeettii wal fakkaatu akka hin qabnes hin dagatin; waan tokko karaa sirrii ta’een raawwachuuf karaan jiru tokko qofa miti.—1 Qor. 12:4-7.
5. Yaada kennuuf yoo dursa fudhanne, maal jechuu dandeenya?
5 Yeroo tokko tokko, babal’isaa haaraan yaada akka isaaf kennitu si gaafachuu danda’a. Ta’uu baannaan garuu isa gargaaruuf ati dursa fudhadhu. Kun malaan godhamuu kan danda’u akkamitti? Babal’istoonni Muuxannoo qaban tokko tokko, “Yaada yoon sii kenne maal sitti fakkaata?” ykn “Akkam kan ture sitti fakkaata?” jedhanii gaafatu. Filannoo kan biraanimmoo akkas jechuudha: “Ani babal’isaa haaraa yeroon ture, . . . baay’ee natti ulfaatee ture; ta’uyyuu, . . . baay’ee na gargaareera.” Al tokko tokko, kitaaba Ragaa Dhiheessuu waliin ilaaluun keessan gaariidha. Baay’ee akka hin dhiphisne, yaada seensaa itti fayyadame tokko qofarratti yaada kenniif.
6. Haala tajaajilaa wajjin wal qabateen, ‘sibiilli sibiila kan qaru’ akkamitti?
6 Sibiilli Sibiila Qara: Phaawulos, Ximotewos inni Wangeela lallabuurratti muuxannoo qabu, barsiisuufi guddina gochuusaa akka itti fufu isa jajjabeessee ture. (1 Xim. 4:13, 15) Tajaajiluu erga jalqabdee waggoonni hedduun darbanillee, dandeettiikee fooyyessuuf carraaquurraa matumaa duubatti jechuu hin qabdu. Babal’istoota tajaajilarratti muuxannoo baay’ee hin qabne dabalatee, warra wajjin lallabdurraa baradhu. Akkasumas, keessumaa obboloonni haaraa ta’an misiraachicha beekumsaan kan lallaban akka ta’an, gaarummaadhaan isaan gargaaruuf qophaa’aa ta’i.—Fak. 27:17.