Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Babalʼistoota Haaraa Leenjisuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Bartoonni Yesus warri haaraan dhugaa namoota barsiisuu dabalatee, wantoota inni ajaje “hundumaa” eeguu barachuu qabu. (Mat. 28:19, 20) Namoonni haaraan hedduun Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii irratti galmaaʼuuf gaʼumsa kan qaban siʼa taʼan, karaa al idilee taʼeen miseensota maatii isaaniitii fi michoota isaaniitiif lallabuu jalqabaniiru taʼa. Haa taʼu malee, wanta barachaa jiraniif dinqisiifannaan qaban guddachaa yommuu adeemuu fi Yihowaan namoonni hundi misiraachoo akka dhagaʼan kan barbaadu taʼuu isaa yommuu hubatan, tajaajila dirree irratti hirmaachuuf fedhii akka qaban dubbatu taʼa. (Rom. 10:13, 14) Namoonni haaraan babalʼistoota hin cuuphamne erga taʼanii booda, guddina hafuuraa gochuuf tarkaanfii kana yommuu fudhatanitti amanannaa akka qabaatan leenjii gaarii argachuun isaan barbaachisa.—Luq. 6:40.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiistanii wajjin manaa gara manaa tajaajilaa; yommuu deddeebii gaaffii gootan ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessitan isa fudhadhaa deemaa. Nama qayyabsiistan hin qabdan yoo taʼe immoo, babalʼisaan muuxannoo hin qabne isinii wajjin akka tajaajilu afeeraa.