BOQONNAA 8
Tajaajiltoota Misiraachicha Lallaban
YIHOWAAN fakkeenya gaarii hordofuu dandeenyu, jechuunis Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin nuuf kenneera. (1 Phe. 2:21) Namni kam iyyuu yeroo duuka buutuu Yesuus taʼu tajaajilaa Waaqayyoo taʼuudhaan misiraachicha lallaba. Yesuus duuka buutuu isaa taʼuun karaa hafuuraa boqonnaa akka namaaf argamsiisu yeroo ibsu akkana jedheera: “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, ani boqonnaa isiniif nan kenna. Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu.” (Mat. 11:28, 29) Namoonni affeerraa kana fudhatan waadaan inni gale dhugaa taʼuu isaa arganiiru.
2 Yesuus inni Tajaajilaa Waaqayyoo isa Guddicha taʼe namoonni akka isa duukaa buʼan affeereera. (Mat. 9:9; Yoh. 1:43) Tajaajilaaf isaan leenjiseera. Hojii inni hojjechaa ture akka hojjetanis isaan ergeera. (Mat. 10:1–11:1; 20:28; Luq. 4:43) Yeroo booda immoo misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabaniif namoota dabalataa 70 ergeera. (Luq. 10:1, 8-11) Yesuus barattoota isaa yeroo ergetti akkana isaaniin jedhee ture: “Namni isin dhaggeeffatu kam iyyuu anaan dhaggeeffata. Namni isin tuffatu kam iyyuu anas ni tuffata. Kana malees, namni ana tuffatu kam iyyuu isa ana erge sanas ni tuffata.” (Luq. 10:16) Akka kanaan Yesuus itti gaafatamummaan barattoota isaatti kenname kun baayʼee guddaa akka taʼe ibseera. Sababiin isaas Yesuusii fi Waaqa Isa Hundaa Olii bakka buʼu. Haalli namoota yeroo harʼaatti affeerrii Yesuus, “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jechuudhaan dubbate fudhataniis kanaa wajjin wal fakkaata. (Luq. 18:22; 2 Qor. 2:17) Namoonni affeerraa kana fudhatan hundi misiraachoo Mootummichaa akka lallabanii fi barattoota akka godhaniif ajajni isaaniif kennameera.—Mat. 24:14; 28:19, 20.
3 Affeerraa Yesuus dhiheesse fudhannee isa duukaa buʼuu keenyaan, Waaqa keenya Yihowaa fi Yesuus Kiristoosiin “beekuu” dandeenyeerra. (Yoh. 17:3) Daandiiwwan Yihowaa baranneerra. Gargaarsa isaatiin sammuu keenya haaressuu, namummaa haaraa uffachuu fi ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa wajjin walsimnee jiraachuu dandeenyeerra. (Rom. 12:1, 2; Efe. 4:22-24; Qol. 3:9, 10) Dinqisiifannaa garaadhaa madde qabaachuun keenya immoo, jireenya keenya Yihowaadhaaf murteessuu fi isaaf of murteessuu keenya bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisuuf nu kakaaseera. Yeroo cuuphamnetti tajaajiltoota Yihowaa taanee muudamneerra.
4 Yeroo hundumaa tajaajilli Waaqayyoof dhihaatu harkaa fi garaa qulqulluudhaan dhihaachuu akka qabu hin dagatin. (Far. 24:3, 4; Isa. 52:11; 2 Qor. 6:14–7:1) Yesuusitti amanuu keenyaan qalbii qulqulluu argachuu dandeenyeerra. (Ibr. 10:19-23, 35, 36; Mul. 7:9, 10, 14) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni namoota kaan akka hin gufachiisneef waan hundumaa ulfina Waaqayyootiif akka godhan isaan gorseera. Pheexiros ergamaan namoonni amantoota hin taane dhugaadhaan akka moʼaman gochuuf amala fakkeenya taʼu qabaachuu akka qabnu dubbateera. (1 Qor. 10:31, 33; 1 Phe. 3:1) Maarree namni tokko akkuma keenya tajaajilaa misiraachichaa taʼuuf gaʼumsa akka qabaatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?
BABALʼISTOOTA HAARAA
5 Nama fedhii qabu tokko akkuma qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu jalqabdeen wanta barate sana warra kaanitti akka himu isa jajjabeessi. Karaa al idilee taʼeen firoota, michoota, namoota wajjin hojjetuu fi warra kaanitti wanta barate himuu dandaʼa. Kun tarkaanfii barbaachisaa namoonni haaraan tajaajiltoota misiraachichaa taʼanii Yesuus Kiristoos duukaa akka buʼan gargaaruuf nu fayyadu dha. (Mat. 9:9; Luq. 6:40) Namni haaraan tokko karaa hafuuraa yeroo guddatuu fi karaa al idilee taʼeen lallabuuf dandeettii yeroo horatu, tajaajila dirree irratti hirmaachuuf fedhii akka qabaatu beekamaa dha.
ULAAGAALEE BARBAACHISAN GUUTUU
6 Namni tokko yeroo jalqabaatiif sii wajjin manaa gara manaa dhaqee akka tajaajilu affeeruu kee dura, ulaagaalee barbaachisan guutuu isaa mirkaneeffachuu qabda. Namni nuu wajjin tajaajila dirree irratti hirmaachuu jalqabe namoota kaan biratti Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼetti ilaalama. Kanaafuu, ulaagaalee qajeelinaa Yihowaan baasee wajjin haala walsimuun jireenya isaa geggeessaa waan jiruuf babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu dandaʼa.
7 Nama tokko yeroo qoʼachiistuu fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti yeroo isaa wajjin mariʼattutti haala inni keessa jiru hubachuun kee hin oolu. Wanta baratee wajjin haala walsimuun jiraachaa akka jiru hubattee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jireenya baratichaa ilaalchisee jaarsoliin gumii sii fi baratichaa wajjin wanti mariʼatan jira.
8 Qindeessaan qaama jaarsolii, jaarsoliin lama (inni tokko miseensa koree tajaajilaa ti) sii fi barataa Kitaaba Qulqulluu kee wajjin dhimmoota kana irratti akka mariʼatan qophii godha. Gumiiwwan lakkoofsi jaarsolii gumii baayʼee muraasa taʼe keessatti jaarsi gumii tokkoo fi tajaajilaan gumii gaʼumsa qabu tokko kana gochuu dandaʼu. Obboloonni ramadaman marii kana dafanii geggeessuu qabu. Barataan sun babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu akka barbaadu walgaʼii gumii tokko irratti yoo dhagaʼan, sii fi barataa Kitaaba Qulqulluu kee walgaʼii booda achumatti mariisisuu ni dandaʼu. Mariin keessan kan nama hin dhiphisne taʼuu qaba. Barataan sun babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu isaa dura ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:
(1) Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame akka taʼe ni amana.—2 Xim. 3:16.
(2) Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu beeka; isaanittis ni amana; kanaafuu, gaaffii yeroo gaafatamutti barumsawwan amantaa sobaa ykn yaada mataa isaa irratti utuu hin taʼin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee deebii kenna.—Mat. 7:21-23; 2 Xim. 2:15.
(3) Hamma isaaf dandaʼametti ajaja Kitaaba Qulqulluu saba Yihowaa wajjin walgaʼiiwwan gumii irratti akka argamnu dubbatu hojii irra oolcha.—Far. 122:1; Ibr. 10:24, 25.
(4) Ejja, tokkoo ol fuudhuu fi sodoomummaa dabalatee halalummaa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka barsiisu sirriitti beeka. Barumsa kanaa wajjin haala walsimuunis ni jiraata. Namni sun saala faallaa, fira isaa hin taanee wajjin jiraachaa jira taanaan gaaʼela isaanii seeraan hundeeffachuu qabu.—Mat. 19:9; 1 Qor. 6:9, 10; 1 Xim. 3:2, 12; Ibr. 13:4.
(5) Qajeelfama Kitaabni Qulqulluun machii irraa akka fagaannu kennuuf ni ajajama; yaalii fayyaatiif yoo taʼe malee wantoota uumamaas taʼe nam tolchee araada nama qabsiisan ykn sammuu namaa irratti dhiibbaa geessisan hin fudhatu.—2 Qor. 7:1; Efe. 5:18; 1 Phe. 4:3, 4.
(6) Faayidaa hiriyummaa gadhee irraa fagaachuun qabu beeka.—1 Qor. 15:33.
(7) Miseensa dhaabbilee amantaa sobaa kan ture yoo taʼe hariiroo isaa guutummaatti addaan kutuu qaba. Sirna amantaa isaanii irratti hirmaachuu dhaabeera, akkasumas sochiiwwan isaanii irratti hin hirmaatu; isaanis hin deggeru.—2 Qor. 6:14-18; Mul. 18:4.
(8) Dhimmoota siyaasaa addunyaa kanaa hundumaa irraa bilisa dha.—Yoh. 6:15; 15:19; Yaq. 1:27.
(9) Saboota ilaalchisee wanta Isaayyaas 2:4 jedhutti ni amana; caqasa kanaa wajjin haala walsimuunis ni jiraata.
(10) Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf fedhii guddaa qaba.—Far. 110:3.
9 Jaarsoliin baratichi dhimmoota kana keessaa isa kam irratti iyyuu miira inni qabu ilaalchisee mirkanaaʼoo yoo taʼuu baatan, tarii caqasoota as irratti argamanitti fayyadamuudhaan gaaffii dabalataa isa gaafachuu dandaʼu. Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin hojii lallabaa irratti hirmaatan hundi, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuu akka qaban hubachuun isaa barbaachisaa dha. Jaarsoliin wanta inni dubbatu irraa kaʼuudhaan wanta isa irraa eegamu kan hubate taʼuu isaa fi tajaajila dirree irratti hirmaachuu jalqabuuf gaʼumsa kan qabu taʼuu isaa murteessu.
10 Jaarsoliin baratichi gaʼumsa kan qabu taʼuu fi dhiisuu isaa yeruma sana itti himuu qabu. Yeroo baayʼee akkuma maricha xumuraniin kana gochuu dandaʼu. Babalʼisaa hin cuuphamne akka taʼu yoo isaaf heyyamame jaarsoliin miira hoʼaadhaan isa simatu. (Rom. 15:7) Tajaajila dirree dafee akka jalqabuu fi xumura jiʼichaa irratti gabaasa tajaajilaa akka deebisu jajjabeeffamuu qaba. Barataan sun babalʼisaa hin cuuphamne taʼee yeroo jalqabaatiif gabaasa tajaajilaa yeroo deebisu, maqaa isaatiin Galmeen Babalʼisaa Gumii akka isaaf qophaaʼuu fi faayila gumii keessa akka isaaf kaaʼamu jaarsoliin isatti himuu dandaʼu. Jaarsoliin odeeffannoo dhuunfaa babalʼisaa tokkoo kan galmeessan jaarmiyichi hojii amantaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan hordofuu akka dandaʼu, akkasumas babalʼisaan sun sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuudhaan deggersa hafuuraa akka argatu gargaaruu dha. Kana malees, jaarsoliin odeeffannoon isaa kan galmeeffamu Imaammata Eegumsa Odeeffannoo Addunyaa Maraa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuu fi jw.org irratti argamuu wajjin haala walsimuun akka taʼe babalʼisaa haaraa sana yaadachiisuu dandaʼu.
11 Babalʼisaa sanaa wajjin walbaruun keenyaa fi wanta inni hojjechaa jiruuf dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennuun keenya dhiibbaa gaarii isa irratti uumuu dandaʼa. Kana gochuun keenya yeroo hundumaa gabaasa tajaajila dirree akka deebisuu fi Yihowaa tajaajiluuf caalaatti carraaqqii akka godhu isa kakaasa.—Filp. 2:4; Ibr. 13:2.
12 Jaarsoliin barataan Kitaaba Qulqulluu sun tajaajila irratti hirmaachuu akka dandaʼu yoo murteessan kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu kana fudhachuu dandaʼa. Yeroo jalqabaatiif gabaasa tajaajilaa isaa erga deebisee booda beeksisni gabaabaan babalʼisaa hin cuuphamne akka taʼe ibsu gumiitti ni himama.
IJOOLLEE GARGAARUU
13 Ijoollee xixinnoonis babalʼistoota misiraachichaa taʼuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼu. Yesuus ijoollee xixinnoo ofitti waamee isaan eebbiseera. (Mat. 19:13-15; 21:15, 16) Adda durummaadhaan ijoollee gargaaruun itti gaafatamummaa warra isaanii taʼus, obboloonni gumii keessa jiran kaanis ijoollee hojii lallabaa irratti hirmaachuuf garaadhaa barbaadan deggeruu dandaʼu. Ijoollee yoo qabaatte tajaajila dirree irratti fakkeenya gaarii isaaniif taʼuun kee, isaanis tajaajila Waaqayyoo irratti hinaaffaadhaan akka hirmaatan jajjabeessuu dandaʼa. Mucaan amala isaatiin fakkeenya gaarii taʼu tokko waaʼee amantii isaa warra kaanitti himuudhaaf garaadhaa kan barbaadu yoo taʼe gargaarsa akkamiitu isaaf godhamuu dandaʼa?
14 Warri isaa mucaan sun babalʼisaa taʼuuf gaʼumsa kan qabuu taʼuu fi dhiisuu isaa mariʼachuuf jaarsa Miseensa Koree Tajaajilaa Gumii isaanii tokko haasofsiisuu dandaʼu. Achiis qindeessaan qaama jaarsolii, jaarsoliin lama (inni tokko miseensa koree tajaajilaa ti) mucaa sanaa fi warra isaa (haadha ykn abbaa) ykn guddiftuu isaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan wajjin akka mariʼatan qophii godha. Mucaan sun dhugaa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee beekumsa buʼuuraa akka qabuu fi tajaajila irratti hirmaachuuf fedhii akka qabu hojiidhaan yoo argisiise guddina gaarii gochaa akka jiru kan mulʼisu dha. Jaarsoliin gumii dhimmoota kanaa fi dhimmoota kan biroo namoota guguddaa irraa barbaadaman tilmaama keessa galchuudhaan mucaan sun babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa murteessuu dandaʼu. (Luq. 6:45; Rom. 10:10) Ijoollee yeroo mariisisanitti dhimmoota namoota guguddaa qofa ilaallatan isaan mariisisuun barbaachisaa miti.
15 Yeroo marii kana godhanitti jaarsoliin guddina inni godheef mucaa sana galateeffachuu fi cuuphamuuf galma akka baafatu isa jajjabeessuu qabu. Warri garaa mucaa isaanii keessatti dhugaa bocuuf cimanii waan hojjetaniif isaanis galateeffamuu qabu. Warri caalaatti mucaa isaanii akka gargaaraniif jaarsoliin mata duree “Yaada Warraaf Kenname” jedhuu fi fuula 179-181 irratti argamu akka dubbisan isaan jajjabeessuu dandaʼu.
OF MURTEESSUU FI CUUPHAMUU
16 Yihowaa yoo beektee fi yoo isa tajaajilte, akkasumas ulaagaalee si irraa barbaadamu guutuudhaan tajaajila irratti hirmaachuu yoo jalqabde, hariiroo dhuunfaatti isaa wajjin qabdu cimsachuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Maarree kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Jireenya kee isaaf murteessuu fi kanas bishaaniin cuuphamtee argisiisuudhaani.—Mat. 28:19, 20.
17 Of murteessuun kaayyoo qulqulluu taʼe tokkoof adda of baasuu kan argisiisu dha. Waaqayyoof of murteessuu jechuun jireenya kee isa tajaajiluuf itti fayyadamuu fi daandii isaa irra deddeebiʼuuf kadhannaadhaan waadaa galuu jechuu dha. Kana malees, bara baraaf guutummaatti Waaqayyoof buluu jechuu dha. (Kes. 5:9) Kun murtoo dhuunfaatti gootu dha. Namni kan biraan siif murteessuu hin dandaʼu.
18 Garuu kansaa taʼuu akka barbaaddu dhuunfaatti Yihowaatti himuun kee qofti gaʼaa miti. Waaqayyoof akka of murteessite warra kaanitti argisiisuun kees barbaachisaa dha. Kana akkuma Yesuus godhe bishaaniin cuuphamuudhaan mulʼista. (1 Phe. 2:21; 3:21) Yihowaa tajaajiluuf yoo qophooftee fi cuuphamuu yoo barbaadde maal gochuu qabda? Fedhii kee kana qindeessaa qaama jaarsoliitti himachuu qabda. Innis ulaagaalee cuuphamuuf barbaachisan guutuu fi dhiisuu kee mirkaneeffachuuf jaarsolii si mariisisan muraasa ramada. Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree; “Yaada Babalʼisaa hin Cuuphamneef Kenname” jedhuu fi fuula 182-184 irratti argamu, akkasumas mata duree, “Gaaffiiwwan Namoota Cuuphamuu Barbaadaniif Dhihaatan” jedhuu fi fuula 185-207 irratti argamu ilaaluu dandeessa.
SOCHII TAJAAJILAA GABAASUU
19 Waggoota hedduudhaaf gabaasni waaqeffannaa qulqulluun addunyaa maratti hammam akka babalʼate ibsu saba Yihowaatiif madda jajjabinaa guddaa taʼaa tureera. Yeroo Yesuus misiraachichi addunyaa maratti akka lallabamu barattoota isaatti himee kaasee, Kiristiyaanonni dhugaan akkaataa hojiin kun itti raawwatamu xiyyeeffannaadhaan hordofaa jiru.—Mat. 28:19, 20; Mar. 13:10; HoE. 1:8.
20 Duuka buutonni Yesuus bara durii hojii lallabaa ilaalchisee gabaasa yeroo dhagaʼanitti baayʼee gammadu turan. (Mar. 6:30) Kitaabni Hojii Ergamootaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yeroo hafuurri qulqulluun duuka buutota Yesuus irra buʼetti namoonni achi turan 120 akka taʼan dubbata. Utuma baayʼee hin turin lakkoofsi barattootaa 3,000 taʼe; achii immoo 5,000tti guddate. “Yihowaanis guyyaa guyyaadhaan namoota fayyan isaanitti dabala ture” “luboonni hedduunis amantoota [akka] taʼan” gabaafameera. (HoE. 1:15; 2:5-11, 41, 47; 4:4; 6:7) Barattoonni guddina argame kana yeroo dhagaʼanitti baayʼee jajjabaatanii taʼuu qaba. Geggeessitoota amantaa Yihudiitiin ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa kan ture taʼus, gabaasawwan nama jajjabeessan akkasii dhagaʼuun isaanii hojii Waaqayyo isaaniif kenne hojjechuu isaanii akka itti fufan isaan kakaasee taʼuu qaba.
21 Phaawulos ergamaan Dh.K.B. naannoo bara 60-61tti xalayaa warra Qolosaayisiif barreesse irratti, misiraachichi “guutummaa addunyaatti firii godhachaa fi babalʼachaa [akka] jiru,” akkasumas “uumama samiidhaa gad jiru hundatti [akka] lallabame” dubbatee ture. (Qol. 1:5, 6, 23) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Dubbichaaf ni ajajamu turan; akkasumas sirni Yihudootaa Dh.K.B. bara 70tti balleeffamuu isaa dura hafuurri qulqulluun hojii lallabaa karaa baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼeen akka raawwatan isaan gargaareera. Kiristiyaanonni amanamoo taʼan wanta raawwatamaa ture sana ilaalchisee gabaasa yeroo dhagaʼanitti baayʼee gammadanii akka turan homaa hin shakkisiisu.
Dhumni dhufuu isaa dura hojiin lallabaa guutummaatti raawwatamuu isaa arguu ni barbaaddaa?
22 Haaluma wal fakkaatuun, jaarmiyaan Yihowaa yeroo harʼaa jirus, yaanni Maatewos 24:14 irratti argamuu fi “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa” jedhu akkamitti raawwatamaa akka jiru galmeessuuf carraaqqii godha. Tajaajiltoota Waaqayyoo isaaf of murteessine waan taaneef hojii ariifachiisaa hojjennu qabna. Dhumni dhufuu isaa dura misiraachichi guutummaatti lallabamee arguuf hawwii qabaachuu qabna. Yihowaan hojiin kun guutummaatti raawwatamuu isaa ni hordofa. Nuti immoo hojii kana irratti yoo hirmaanne isa duratti fudhatama arganna.—His. 3:18-21.
GABAASA TAJAAJILAA KEE
23 Wanti gabaasnu maali dha? Wantoonni gabaasuu qabnu foormii jaarmiyichaan qophaaʼee fi Gabaasa Tajaajila Dirree jedhamu irratti ibsameera. Haa taʼu malee, yaanni waliigalaa kanatti aansee jiru si fayyaduu dandaʼa.
24 “Barreeffama (Kan Maxxanfame ykn Elektiroonikii)” kan jedhu biratti barreeffamoota maxxanfamanis taʼe bifa elektiroonikiitiin argaman namoota hin cuuphamneef yoo kennite galmeessuu dandeessa. “Viidiyoo Argisiifame” isa jedhu biratti immoo, viidiyoowwan keenya keessaa viidiyoo warra kaanitti argisiiste gabaasuu dandeessa.
25 “Deddeebii Gaaffii” isa jedhu biratti immoo, fedhii nama Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokkoo kakaasuuf siʼa meeqa akka isa haasofsiiste gabaasuu dandeessa. Qaamaan dhaqxee gaafachuudhaan, xalayaa barreessuudhaan, isaaniif bilbiluudhaan, ergaa barreeffamaa ykn iimeelii erguudhaan ykn immoo barreeffama geessuudhaan deddeebii gaaffii gochuun ni dandaʼama. Yeroo qoʼachiistu hundatti deddeebii gaaffii galmeeffachuu dandeessa. Abbaan ykn haati tokko torban torbaniin bakka mucaan hin cuuphamne jirutti waaqeffannaa maatii yeroo geggeessanitti deddeebii gaaffii tokko galmeeffachuu dandaʼu.
26 Yeroo baayʼee qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu torban torbaniin kan geggeeffamu taʼus, jiʼatti al tokko akka qoʼannaa tokkootti gabaafama. Babalʼistoonni qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu garaa garaa jiʼa sanatti geggeessan galmeessuu qabu. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jennee kan gabaasnu namoota of murteessanii cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane dha. Qajeelfama miseensa koree tajaajilaa tokkootiin obboleessa qabbanaaʼe ykn obboleettii qabbanoofte qoʼachiisaa jirta yoo taʼe ykn babalʼisaa dhiheenyatti cuuphamee fi kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu hin xumurre qoʼachiisaa jirta yoo taʼe, akka qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutti gabaasuu dandeessa.
27 “Saʼaatii” tajaajila irratti dabarsine sirriitti gabaasuun keenya barbaachisaa dha. Tajaajila manaa gara manaa irratti yeroo hirmaannu, deddeebii gaaffii yeroo goonu, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yeroo geggeessinu ykn karaa idilees taʼe al idileetiin namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taaneef dhugaa yeroo baanutti saʼaatii qabachuu dandeenya. Babalʼistoonni lama waliin tajaajilu yoo taʼe lamaan isaanii iyyuu saʼaatii dabarsan qabachuu dandaʼu; deddeebii gaaffii ykn qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu garuu isa tokko qofatu qabata. Warri Waaqeffannaa Maatii isaanii irratti ijoollee isaanii yeroo barsiisanitti torbanitti, hanga saʼaatii tokkoo qabachuu dandaʼu. Obboloonni haasaa sabaa yeroo dhiheessanitti saʼaatii qabachuu dandaʼu. Namni haasaa sabaa hiikus saʼaatii qabachuu dandaʼa. Sochiiwwan barbaachisoo taʼan kan akka tajaajilaaf qophaaʼuu fi walgaʼii tajaajila dirree irratti argamuu ykn waa bitachuu fi kkf irratti yeroo hirmaannu garuu saʼaatii hin qabannu.
28 Babalʼisaan tokko saʼaatii tajaajila irratti dabarse yeroo lakkaaʼatutti wanta qalbiin isaa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe isaan jedhu hordofuu qaba. Babalʼistoonni tokko tokko bakka namoonni baayʼeen jiranitti tajaajilu; warri kaan immoo bakka namoonni muraasni qofti jiraatanii fi karaa dheeraa deemuu gaafatu keessa tajaajilu. Naannoon tajaajilaa hundi tokko miti; akkaataan babalʼistoonni saʼaatii itti galmeeffatanis garaa gara dha. Saʼaatii tajaajila dirree irratti dabarsine lakkaaʼuu ilaalchisee Qaamni Ol Aanaan gumiiwwan addunyaa maratti argaman irratti dhiibbaa hin godhu; dhimma kana ilaalchisee murtoo akka dabarsuufis namni muudame hin jiru.—Mat. 6:1; 7:1; 1 Xim. 1:5.
29 Yeroon tajaajila dirree irratti dabarsinu saʼaatiidhaan gabaafamuu qaba. Babalʼisaan tokko dulloomuu isaatiin kan kaʼe manaa baʼuu kan hin dandeenye, bakka namoonni dullooman itti kunuunfaman keessa kan jiraatu ykn wantoota isa daangessan kan biroo kan qabu yoo taʼe garuu haalli isaa adda dha. Daqiiqaa 15, daqiiqaa 30 ykn daqiiqaa 45 deebisuu dandaʼa. Jiʼa sana keessatti kan tajaajile daqiiqaa 15 qofa yoo taʼe illee gabaasuu qaba. Kanaafuu, babalʼisaan kun babalʼisaa yeroo hunda tajaajilu akka taʼetti ilaalama. Qophiin kun babalʼisaa sababa dhukkubaan ykn balaa cimaatiin kan kaʼe jiʼa sana keessatti ykn isaa oliif sochoʼuu dadhabeefis ni hojjeta. Garuu babalʼistoota haalli isaanii baayʼee daangeffameef qofa hojjeta. Babalʼisaan tokko qophii kana irraa kan fayyadamu taʼuu fi dhiisuu isaa kan murteessu koree tajaajilaa ti.
GALMEE BABALʼISAA GUMII
30 Gabaasni tajaajilaa jiʼa jiʼaan deebistu Galmee Babalʼisaa Gumii kee irratti galmeeffama. Galmeen kun faayila gumii kee keessa kaaʼama. Gumii jijjiirrachuuf karoora qabda yoo taʼe jaarsolii gumii keetti himi. Achiis barreessan gumii galmee kee kana gara gumii isa haaraatti erga. Akkas taanaan jaarsoliin si simachuu fi gargaarsa hafuuraa si barbaachisu siif gochuu dandaʼu. Gumii kee irraa fagaattee kan turtu jiʼa sadii gadi yoo taʼe gabaasa tajaajilaa kee gumiidhuma kee duraaniitti deebisuu kee itti fufi.
GABAASA TAJAAJILAA KAN DEEBISNU MAALIIFI?
31 Yeroo tokko tokko gabaasa tajaajilaa kee deebisuu ni irraanfattaa? Hundi keenya iyyuu darbee darbee yaadachiisni nu barbaachisa. Haa taʼu malee, gabaasa deebisuuf ilaalcha sirrii yoo qabaanne, akkasumas gabaasa deebisuun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa yoo hubanne, yaadannee gabaasa tajaajilaa keenya deebisuun nuuf salphata.
32 Namoonni tokko tokko, “Wantan tajaajila irratti raawwachaa jiru Yihowaan waan beekuuf gabaasa tajaajilaa gumiitti deebisuun maaliif barbaachise?” jedhanii gaafatu. Yihowaan wanta raawwachaa jirru akka beeku hin shakkisiisu; tajaajila keenya kan raawwannus garaa keenya guutuu ykn na irraa haa baʼuudhaaf qofa taʼuu isaa beeka. Yihowaan guyyoonni Nohi markaba keessa itti turee fi waggoonni Israaʼelonni lafa onaa keessa imaluudhaan dabarsan akka galmeeffamu gochuu isaa yaadadhu. Yihowaan lakkoofsa namoota isaaf amanamoo taʼanii fi namoota isaaf hin ajajamnee galmeesseera. Israaʼelonni biyya Kanaʼaan irraa jalaan kan qabatan akkamitti akka taʼee fi wantoonni abbootiin murtii amanamoo taʼan raawwatan akka galmeeffaman godheera. Eeyyee, sochii tajaajiltoota isaa gad fageenyaan galmeesseera. Hafuura isaatti fayyadamee wantoonni raawwataman kun akka galmaaʼan gochuudhaan, galmee sirrii taʼeef ilaalcha akkamii akka qabu nutti mulʼiseera.
33 Taʼeewwan seena qabeessi Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman gabaasawwanii fi galmeewwan saba Yihowaa sirrii taʼuu isaanii nuuf mirkaneessu. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu irratti baayʼinni wantoota tokko tokkoo hin caqasamne utuu taʼee seenaa sana guutummaatii hubachuun rakkisaa taʼa. Fakkeenyota kana ilaali: Uumama 46:27; Baʼuu 12:37; Abbootii Murtii 7:7; 2 Mootota 19:35; 2 Seenaa Baraa 14:9-13; Yohaannis 6:10; 21:11; Hojii Ergamootaa 2:41; 19:19.
34 Gabaasawwan keenya wantoota waaqeffannaa Yihowaa keessatti hojjennu hundumaa kan qabatan taʼuu baatanis jaarmiyaa Yihowaa keessatti gaʼee guddaa qabu. Jaarraa jalqabaatti barattoonni Yesuus duula lallabaa irraa erga deebiʼanii booda “wanta raawwatanii fi barsiisan hunda” Yesuusitti himanii turan. (Mar. 6:30) Yeroo tokko tokko gosni tajaajilaa keenya tokko xiyyeeffannaa addaa kan barbaadu taʼuu fi dhiisuu isaa gabaasa keenya irraa hubachuun ni dandaʼama. Tarii sochiiwwan tokko tokko irratti guddinni kan jiru taʼus, gama kan biraatiin immoo fakkeenyaaf lakkoofsa babalʼistootaatiin guddinni akka hin jirre nu hubachiisu taʼa. Kun immoo jajjabinni akka barbaachisu ykn rakkoowwan furamuu qaban akka jiran kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Ilaaltonni ol aanaa itti gaafatamummaa qaban gabaasawwan dhihaataniif xiyyeeffannaa kennuudhaan, haala guddina namootaa ykn guddina guutummaa gumichaatiif gufuu taʼaa jiru kam iyyuu furuuf carraaqqii godhu.
35 Kana malees, gabaasni dhihaatu jaarmiyichi bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan adda baafachuuf isa gargaara. Naannoowwan guddina argisiisaa jiran kam faʼi? Naannoon guddina hin qabne hoo isa kami? Namoonni dhugaa akka baratan gargaaruuf barreeffamoota akkamiitu barbaachisa? Gabaasawwan dhihaatan jaarmiyichi biyyoota addunyaatti argaman garaa garaatiif barreeffamoonni hammamii akka barbaachisan adda baafachuudhaan dursee qopheessuuf isa gargaara.
36 Baayʼeen keenya gabaasa yeroo dhageenyu ni jajjabaanna. Obboloonni keenya addunyaa maratti misiraachicha lallabuuf hojii isaan hojjechaa jiran ilaalchisee gabaasa yeroo dhageenyu baayʼee hin gammannuu? Gabaasawwan guddina keenya irratti xiyyeeffatan akkasii jaarmiyaan Yihowaa hangam babalʼachaa akka jiru nu hubachiisu. Muuxannoowwan dhageenyu hinaaffaa akka qabaannu gochuudhaan hojii lallabaa irratti guutummaatti akka hirmaannu nu kakaasu. (HoE. 15:3) Gabaasa tajaajila dirree keenya deebisuudhaan qophii kana deggeruun keenya baayʼee barbaachisaa dha; kun obboloota keenya hundumaaf garaadhaa akka yaannu argisiisa. Karaa baayʼee salphaa taʼe kanaan qophii jaarmiyaan Yihowaa godhuuf akka bitamnu argisiisuu dandeenya.—Luq. 16:10; Ibr. 13:17.
GALMA BAAFACHUU
37 Gabaasa tajaajilaa keenya, gabaasa tajaajilaa nama kan biraa wajjin walbira qabuun barbaachisaa miti. (Gal. 5:26; 6:4) Haalli namootaa garaa gara dha. Gama biraatiin immoo guddina karaa tajaajilaa gochaa jirru hubachuuf galma bira gaʼuu dandeenyu baafachuun keenya nu fayyada. Galma keenya kana bira gaʼuun keenya immoo gammachuu nuuf argamsiisa.
38 Yihowaan namoota yeroo “rakkina guddaatti” eegumsa isaaniif godhu saffisaan walitti qabaa jira. Yeroo raajiin Isaayyaas, “Inni xinnaan kuma, inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa. Ani Yihowaan yeroo isaatti kana nan saffisiisa” jedhu raawwii isaa itti argachaa jiru keessa jirra. (Mul. 7:9, 14; Isa. 60:22) Guyyoota dhumaa seena qabeessa taʼan kana keessatti tajaajiltoota misiraachichaa taʼuun keenya mirga guddaa dha.—Mat. 24:14.