Barattoonni Macaafa Qulqulluu Babal’istoota Misiraachoo Mootummichaa Akka Ta’an Gargaaraa
1 Hojiin Yesus duuka buutotasaa Maatewos 28:19, 20rratti akka raawwataniif kenne baay’ee bal’aa ture. Duuka buutonni Kiristos bartoota baay’ee akka barsiisan, warri baratan sunis deebisanii hojii duuka buutuu gochuu akka raawwatan hubatanii turan. Hojiin kun yeroo murteessaa ta’e kanatti, waa’ee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti lallabamaa jiruuf bu’uura kan ta’edha.—Mat. 24:14.
2 Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu ijoollee keenya ykn namoota fedhii qaban kaan ta’uu danda’u. Namoonni akkasii kun itti gaafatamummaa isaanirra jiru akka beekaniifi akka raawwatan gargaaruu barbaanna.—Luq. 6:40.
3 Barattoonni Macaafa Qulqulluu Akka Lallaban Leenjisaa: Namoonni isinii wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatan wanta baratan warra kaanitti akka himan jajjabeessaa. Muuxannoowwan nama jajjabeessaniifi tajaajilarraa argattan itti himaa. Ijoolleen keessan xinnummaadhaa kaasanii hamma humnasaanii tajaajilarratti karaa bu’a qabeessa ta’een akka hirmaataniif leenjisaa. (Far. 148:12, 13) Dinqisiifannaa tajaajilaaf qabdan jechaanis ta’e gocha keessaniin fakkeenya ta’uudhaan argisiisaa.—1 Xim. 1:12.
4 Yihowaan warra seerawwan bu’uuraa inni qajeelummaadhaaf baaseef abboomaman qofa filata. Dhugaadha babal’istoonni haaraan hamma warra of murteessanii cuuphamuudhaan tajaajiltoota Mootummichaa muuxannoo qabanii beekuu dhiisuu danda’u; haata’u malee warri haaraanis taanaan barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluutti amanuufi ibsuu qabu. Kitaaba (Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu, ful. 79-82 ilaali.) Mataasaanii guutumaan guutuutti “Baabilon guddittii” keessaa baasuufi siyaasa biyya lafaa keessaa harka fudhachuudhaan, yeroo mara walga’iiwwan gumiirratti argamuu qabu.— Mul. 18:2, 4; Yoh. 17:16; Ibr. 10:24, 25.
5 Barataan Macaafa Qulqulluu isinii wajjin qayyabatu tokko babal’isaa hin cuuphamne ta’ee tajaajiluudhaaf ga’umsa akka qabu kan amantan taanaan, battalumaan sassaabaan ilaaltuu olaanaa akka haasofsiisu godhamuu qaba. Sassaabaan ilaaltuu olaanaa jaarsolii lama, siifi barataakee wajjin ta’uudhaa namni kun babal’isaa hin cuuphamne ta’ee gumichaa wajjin babal’isaa misraachoo Mootummichaa ta’uudhaan tajaajiluuf ga’umsa qabaachuufi dhiisuusaa murteessu. Barataankee tajaajilarratti sii wajjin akka hirmaatu gochuudhaan leenjii isaaf kennitu guddisuun garuu mirgakeeti.