Kutaa Dabalataa
Yaada Warraaf Kenname:
Warra waan taataniif, ijoolleen keessan bakka guddaa kennitaniif Yihowaa akka jaallatanii fi isaaf akka of murteessan gargaaruu akka barbaaddan beekamaa dha. Maarree ijoolleen keessan cuuphaadhaaf akka qophaaʼan gargaaruuf maal gochuu dandeessu? Isaan hoo tarkaanfii barbaachisaa taʼe kana fudhachuuf qophaaʼoo kan taʼan yoomi?
Yesuus, “Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa . . . isaan cuuphaa” jedhee duuka buutota isaa ajajeera. (Mat. 28:19) Akka caqasa kanaatti cuuphamuuf ulaagaan jalqaba guutamuu qabu barataa taʼuu dha; namni barataa taʼe immoo barumsawwan Kiristoos barsiise hubachuu fi amanuu qofa utuu hin taʼin, wanta barate sana sirriitti hordofuu qaba. Kun wanta ijoollee xixinnoon illee gochuu dandaʼan akka taʼe ifa dha.
Ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii taʼaa; akkasumas barumsawwan Yihowaa garaa isaanii keessatti bocaa. (Kes. 6:6-9) Kun kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhutti fayyadamtanii, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isaan barsiisuu fi qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin haala walsimuun yaaduu fi ittiin jiraachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan qopheessuu dabalata. Ijoolleen keessan wanta itti amanan jecha mataa isaaniitiin ibsuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. (1 Phe. 3:15) Beekumsii fi jajjabinni isaan isin irraa, qoʼannaa dhuunfaa irraa, waaqeffannaa maatii irraa, walgaʼiiwwan gumii irraa, akkasumas michoota gaarii taʼan irraa argatan guddina godhanii akka cuuphamanii fi guddina gochuu isaanii akka itti fufan isaan gargaara. Ijoolleen keessan galmawwan hafuuraa akka baafatan gargaaraa.
Fakkeenyi 20:11, “Mucaan tokko illee amalli isaa qulqulluu fi sirrii taʼuun isaa gocha isaatiin ni beekama” jedha. Gochawwan ijoolleen barattoota Yesuus Kiristoos akka taʼanii fi cuuphamuuf qophaaʼoo akka taʼan argisiisan tokko tokko kam faʼi?
Ijoolleen ulaagaa cuuphamuuf barbaachisu guutuuf carraaqqii gochaa jiran warra isaaniitiif ajajamuu qabu. (HoE. 5:29; Qol. 3:20) Kitaabni Qulqulluun, Yesuus yeroo umuriin isaa waggaa 12 turetti, “[Warra isaatiif] bitamuu isaas itti fufe” jedha. (Luq. 2:51) Haa taʼu malee kun, ijoolleen keessan mudaa kan hin qabne akka taʼan isaan irraa eeguu qabdu jechuu akka hin taane beekamaa dha. Taʼus ijoolleen cuuphamuuf fedhii qaban, fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii gochuu fi warra isaaniitiif bitamuudhaan kan beekaman taʼuu qabu.
Kana malees, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii akka qaban ifatti argisiisuu qabu. (Luq. 2:46) Ijoolleen keessan walgaʼii irratti argamuu fi hirmaachuun isaan gammachiisaa? (Far. 122:1) Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi qoʼannaa dhuunfaa gochuuf hoo fedhii qabuu?—Mat. 4:4.
Ijoolleen ulaagaa cuuphamuuf isaan barbaachisu guutuuf carraaqqii gochaa jiran, dhimmoota Mootummichaa wajjin wal qabataniif dursa akka kennan argisiisuu qabu. (Mat. 6:33) Wanta itti amanan warra kaanitti himuuf itti gaafatamummaan akka isaan irra jiru ni hubatu. Bifawwan tajaajilaa adda addaa irratti ni hirmaatu, akkasumas Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaanii barsiisotaa fi ijoollee isaanii wajjin baratanitti dubbachuun isaan hin qaanessu. Kutaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irratti isaaniif kennamu akka gaariitti qophaaʼanii dhiheessu.
Hiriyoota gadhee irraa fagaachuudhaan karaa naamusaa qulqulluu taʼanii jiraachuuf carraaqqii godhu. (Fak. 13:20; 1 Qor. 15:33) Kun filannaa muuziqaa, fiilmii, sagantaa televizyinii, geemii viidiyoo fi itti fayyadama Intarneetii isaanii irratti ni mulʼata.
Ijoollee hedduun carraaqqii cimaa warri isaanii isaan gargaaruuf godhan fudhachuudhaan, dhugaa kan ofii isaanii godhachuu fi xinnummaa isaaniitti cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼaniiru. Yeroo ijoolleen keessan tarkaanfii barbaachisaa hariiroo Yihowaa wajjin qaban tuqu kana akka fudhatan gargaartan Yihowaan akka isin eebbisu hawwii keenya dha.
Yaada Babalʼisaa hin Cuuphamneef Kenname:
Babalʼisaa hin cuuphamne taʼanii miseensota gumichaa wajjin tajaajiluu dandaʼuun mirga guddaa dha. Guddina hafuuraa gooteef galateeffamuu qabda. Dubbii isaa qoʼachuudhaan Waaqayyoon beekteetta; abdiiwwan inni kenne irrattis amantii akka qabdu argisiisteetta.—Yoh. 17:3; Ibr. 11:6.
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu jalqabuu kee dura, karaa taʼe tokkoon dhaabbilee amantaa kan biroo wajjin walitti dhufeenya qabda taʼa ykn miseensa dhaabbata amantaa kamii iyyuu hin turre taʼa. Tarii immoo gochawwan qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessan kan biroo raawwachaa turte taʼa. Amma garuu yaada geddarachuudhaan, jechuunis gocha dogoggoraa kanaan dura raawwachaa turtetti garaadhaa gaabbuudhaan amantii kee ibsiteetta; kana malees, jijjiiramuudhaan, jechuunis daandii dogoggoraa kanaan dura hordofaa turte guutummaatti dhiistee wanta ija Waaqayyoo duratti sirrii taʼe raawwachuuf kutachuudhaan amantii kee hojiidhaan argisiisteetta.—HoE. 3:19.
Karaa biraatiin immoo, “daaʼimummaa keetii jalqabdee” Kitaabota Qulqulluu baratteetta taʼa. Kun amala Kiristiyaana tokko irraa hin eegamne akka hin argisiisnee fi cubbuu cimaa raawwachuu irraa akka of qusattu si gargaaree taʼuu dandaʼa. (2 Xim. 3:15) Dhiibbaa hiriyaa fi dhiibbaawwan kan biroo wanta ija Yihowaa duratti gadhee taʼe akka raawwattu si jajjabeessan akkamitti dandamachuu akka dandeessu baratteetta. Waaqeffannaa dhugaa deggeruu fi wantoota itti amantu warra kaanitti himuudhaan amantii kee hojiidhaan argisiisteetta. Kana malees, tajaajila Kiristiyaanaa irratti leenjii gaarii argatteetta. Kanaafuu, amma babalʼisaa hin cuuphamne taatee tajaajiluuf murteessiteetta.
Daandii Yihowaa kan baratte yeroo boodas haa taʼu daaʼimummaa keetti, amma guddina karaa hafuuraa gochaa jirtuun tarkaanfiiwwan dabalataa lama fudhachuuf, jechuunis of murteessuu fi cuuphamuuf yaadaa jirta. Murtoo bara baraaf isa qofa waaqeffachuuf goote kadhannaadhaan isatti himuudhaan Yihowaadhaaf of murteessiteetta. (Mat. 16:24) Achiis murtoo kana akka goote argisiisuuf bishaaniin cuuphamta. (Mat. 28:19, 20) Of murteessitee yommuu cuuphamtu tajaajilaa Yihowaa muudame taata. Kun mirga baayʼee guddaa taʼe dha!
Haa taʼu malee, akkuma yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼattu hubatte, haalawwan rakkisoon tokko tokko si mudachuu dandaʼu. “Yesuus Diyaabilos akka isa qoruuf hafuurri gara lafa onaatti [kan] isa geesse,” erga cuuphamee utuma baayʼee hin turin akka taʼe hin dagatin. (Mat. 4:1) Barataa Kiristoos taatee erga cuuphamtee booda, qorumsawwan dabalataa akka si mudatan eeguu qabda. (Yoh. 15:20) Qorumsawwan kunneen karaa adda addaatiin dhufuu dandaʼu. Maatiin kee si mormuu dandaʼu. (Mat. 10:36) Ijoolleen sii wajjin baratan, namoonni sii wajjin hojjetan ykn hiriyoonni kee durii sitti qoosuu dandaʼu. Wanta Yesuus Maarqos 10:29, 30 irratti akkana jechuudhaan dubbate yoom iyyuu hin irraanfatin: “Dhuguman isiniin jedha, namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin maasii dhiise, yeroo ammaatti ariʼatamaa wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi maasii dachaa 100, sirna dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru.” Kanaafuu, Yihowaatti maxxanuu fi ulaagaalee qajeelinaa isaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi.
Cuuphamuu kan barbaaddu yoo taʼe, qindeessaa qaama jaarsoliitti himi. Jaarsoliin cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu fi dhiisuu kee murteessuuf gaaffiiwwan kanatti aansanii jiranitti fayyadamanii si wajjin mariʼatu. Gaaffiiwwan kanneen kutaa qoʼannaa dhuunfaa kee keessaa akka tokkootti ilaaluudhaan qoʼachuu jalqabuu dandeessa.
Maree jaarsolii wajjin gootuuf yeroo qophooftu caqasoota dubbisuu fi irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Kitaaba kana irrattis taʼe bakka kan biraa irratti yaadannoo qabachuu dandeessa. Yeroo jaarsolii wajjin mariʼattu, yaadannoo qabattetti fayyadamuu fi kitaaba kanas qabachuu dandeessa. Gaaffiiwwan tokko tokko hubachuun yoo sitti ulfaate immoo, nama Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiisu ykn jaarsolii gaafachuu irraa duubatti hin jedhin.
Yeroo jaarsolii wajjin mariʼattu, gaaffiiwwan dhihaataniif deebii dheeraa ykn wal xaxaa taʼe deebisuu akka qabdu sitti hin dhagaʼamin. Jecha mataa keetiin deebii ifa taʼee fi sirrii taʼe deebisuun kee gaarii dha. Kana malees, gaaffiiwwan hedduu yeroo deebistu caqasa Kitaaba Qulqulluu deebii keetiif buʼuura taʼe tokko ykn lama caqasuun kee gaarii dha.
Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee beekumsa gaʼaa hin arganne yoo taʼe, jaarsoliin gargaarsa akka argattu qophii gochuu dandaʼu; kunis barumsawwan Kitaabni Qulqulluun qabate sirriitti hubattee jecha mataa keetiin ibsuu akka dandeessuu fi yeroo booda immoo cuuphamuuf gaʼumsa akka qabaattu si gargaara.
[Hubachiisa jaarsolii gumiitiif kenname: Qajeelfamawwan marii kaadhimamtoota cuuphaa wajjin taasifamu ilaalchisee kennaman fuula 208-212 irratti argamu.]